[1] Hafuurri ol na fuudhee, gara karra mana Waaqayyoo isa gara ba'a-biiftuutti gara galee jirutti na geesse; balbala karichaa duras namoota digdamii shantu ture; ani namoota sana keessatti gurguddoota saba sanaa Yaazaaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge;
[2] Waaqayyo immoo anaan,“Yaa mucaa namaa! Namoonni warri akeeka jal'inaa baasan, warri mandarattii kana keessatti gorsa jal'aa nama gorsan isaan kana.
[3] Isaan “Manneetii ijaaruudhaaf yeroon dhi'oo dha mitii ree” Mandarattiin huuroo dha nuyi immoo foon” in jedhu.
[4] Kanaafis isaan irratti raajii dubbadhu, yaa mucaa namaa! Raajii dubbadhu!” jedhe.
[5] Hafuurri Waaqayyoo yommus ana irratti gad bu'ee,“Waaqayyos,“Isin akkana jettu, yaa mana Israa'el” ani wanta isin yaadaa jirtan beeka.
[6] Mandarattii kana keessatti namoota baay'ee ajjeeftaniittu; reeffi warra ajjeefamaniis karaa mandarattii irra guuteera” jedhe.
[7] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Warri isin ajjeeftanii mandarattii keessa buuftan foon, mandarattiin kun immoo huuroo dha; ani garuu ishee keessaa oofee isin nan baasa.
[8] Isin billaa sodaattaniittu; anis billaa isinitti nan fida” jedha; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
[9] “Ani mandarattii keessaa isin nan baasa, harka warra ormaatti isin nan kenna, firdiis isin irratti nan raawwadha.
[10] Billaan isin in kukkuffisa, anis daarii Israa'el gubbaatti isinitti nan farada; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu.
[11] Mandarattiin huuroo isiniif hin taatu, isinis ishee keessatti foon hin taatan; ani daarii Israa'el gubbaatti isinitti nan farada;
[12] yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu; isin wanta saba naannoo keessan jiran duratti qajeelaa ta'e gootan malee, akka seerrata kootti hin adeemne, wanta ana duratti qajeelaa ta'es hin goone” jedhe.
[13] Ani utuman raajii dubbachaa jiruu, Phelaatiyaan ilmi Benaayaa in du'e; anis adda kootiin gad gombifamee sagalee guddaadhaan,“Yaa Waaqayyo gooftaa, saba Israa'el keessaa warra hafan raawwattee in balleessitaa ree?” jedhee nan iyye.
[14] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[15] “Yaa mucaa namaa! Warri Yerusaalem jiran, obboloota kee, aantii kee fi guutummaa mana Israa'eliin,“Isaan Waaqayyo irraa fagaataniiru, biyyi kunis qabeenya keenya akka ta'uuf nuuf kennameera” jedhaniiru” jedhe.
[16] Kanaafis ati,“Waaqayyo gooftaan,“Ani saba lafa irraa keessa biyya fagootti yoon isaan erge iyyuu, biyya garaa garaa keessa yoon isaan bittimse iyyuu, ani biyya isaan dhaqan hundumaa keessatti yeroo muraasaaf mana qulqullummaa isaaniif ta'eera” jedha” jedhii dubbadhu!
[17] Egaa ati,“Waaqayyo gooftaan,“Ani saba warra kaan keessaa walitti isin nan qaba; biyya isin itti bittimmooftanii jirtan keessaas walitti isin nan sassaaba; biyya Israa'elis deebisee isiniif nan kenna?.
[18] Egaa “Isaan deebi'anii waaqayyolii tolfamoo fi wanta ciiggaasiisaa hundumaa achi keessaa in baasu.
[19] Ani garaa haaraa isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaa'a; garaa isa akka dhagaa isaan keessaa baasee garaa isa akka foonii isaaniif nan kenna.
[20] Yommus isaan akka seerrata kootti in adeemu, wanta na duratti qajeelaa ta'es in eegu; isaan saba koo in ta'u, anis Waaqayyo isaanii nan ta'a.
[21] Warra garaan isaanii waaqayyolii tolfamoo fi wanta ciiggaasisaa duukaa bu'e garuu, hojii isaanii mataa isaaniitti nan deebisa” jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan” jedhi!
[22] Yommus Kiruubel geengoowwan isaan bukkee jiranii wajjin qoochoowwan isaanii ol fudhatan, ulfinni Waaqayyoo isa kan Israa'elis isaan gara irraadhaan ture.
[23] Ulfinni Waaqayyoos mandarattii keessaa ka'ee tulluu isa mandarattii irraa gara ba'a-biiftuutiin jiru gubbaa in dhaabate.
[24] Hafuurichi yommus ol na fuudhee mul'ata hafuura Waaqayyootiin biyya Kaldootaa iddoo warri booji'aman jiranitti na geesse; ergasii mul'anni ani arge sun na biraa ba'ee sokke.
[25] Ani immoo wanta Waaqayyo anatti argisiise hundumaa warra booji'amanitti nan hime.