Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:22

[1] Waggaa kudha tokkoffaatti, ji'a sadaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Fara'oon mootii Gibxii fi namoota isaa hundumaatti dubbadhu! “Guddinni kee maalitti fakkeeffama”

[3] Kunoo! Asor dur akka gaattiraa Liibaanon ol dheeratee, fiixeen isaa mukkeetii gara irraa ta'ee ture, innis damee isaa isa miidhagaadhaan daggalaa fi gaaddisa in ta'a ture;

[4] bishaan isa in guddise, tuujjubni bishaaniis isa in dheeresse; burqaan isaa hundee isaatti naanna'ee in yaa'a ture, jal'isii isaas mukkeetii bakkee keessaa hundumaatti in erge.

[5] Bishaan baay'ee waan argateef, mukkeetii bakkee hundumaa caalaa in dheerate, baalli isaas in baay'ate, dameen isaas in dheerate;

[6] simbirroonni qilleensa keessa balali'an hundinuu baala isaa keessatti mann'ee ijaarratan, damee isaa jalattis bineensi caakkaa hundinuu in horan; sabni gurguddoonni hundinuus gaaddisa isaa jala in taa'an.

[7] Hundeen isaa bishaan baay'ee bira waan ga'eef, guddinni isaa damee isaa isa dheeraa wajjin miidhagaa ture;

[8] Gaattiraan iddoo dhaabaa Waaqayyoo keessa jiru iyyuu isatti hin akeekamu, mukkeetiin baalli isaanii yeroo hundaa lalisus hamma damee isaatii hin ga'an; madaalleenis damee isaatiin hin qixxaatu; mukkeetii iddoo dhaabaa Waaqayyoo keessa jiran keessaa tokko illee miidhagummaatti kan ittiin qixxaatu hin jiru.

[9] Ani damee isaa isa baay'eedhaan isa miidhagseera; mukkeetiin Eden iddoo dhaabaa Waaqayyoo keessaa hundinuu isatti in hinaafu” jedhi!” jedhe.

[10] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Waan inni ol dheeratee, fiixee isaas mataa mukkeetii gara irraa qabatee, dheerina isaatiinis of jajuuf,

[11] ani immoo, isa nan gata, harka isa saba baay'ee mo'utti dabarsee isa nan kenna; innis akka hammeenya isaatti isa irratti in hojjeta;

[12] sabni ormii fi baay'ee gara-jabeessi muree isa in gata, dameen isaas tulloota irratti dachaa hundumaa keessattis in kufa; baalli isaas laga biyya sanaa hundumaa keessatti in caccaba, sabni lafa irra jiran hundinuus isa dhiisanii gaaddisa isaa jalaa in yaa'u.

[13] Muka isa jige sana irra simbirroonni qilleensa keessa balali'an hundinuu in qubatan, bineensonni caakkaa hundinuus damee isaa gidduutti in galan;

[14] warri akkasii du'aaf kennamanii, boolla iddoo lafa jalaa warra du'an gidduu waan dhaqaniif, mukkeetiin bishaan biraa ol hin dheeratin! Fiixee isaaniis mataa mukkeetii gara irraa hin aansin! Mukti bishaan ba'eessa godhee argatu tokko illee akkas hin dheeratin!” jedhe!

[15] Ammas Waaqayyo gooftaan,“Yommuu inni iddoo lafa jalaatti gad bu'u, ani immoo bishaan isa gad fagoo duuchee isa irra nan gara galcha, burqaa isaas nan cufa, bishaan isaa inni baay'eenis in ittifama; kanaafis Liibaanon isaaf akka gadditu nan godha, mukkeetiin caakkaa hundinuus in coollagu.

[16] Yommuu ani warra boolla keessa buufamanii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad isa darbadhe, sabni lafa irraa sagalee kufaatii isaatii dhaga'anii in hollatan; yommus mukkeetiin Eden, mukkeetiin Liibaanon warri fo'amoonni hundumaa caalan, warri bishaan argatan sun, iddoo lafa jalaatti in gammadan;

[17] isaan warri gaaddisa isaa jala jiraachaa turan, warri saba keessatti garee isaa turan, isaa wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad bu'anii, warra billaadhaan dhuman bira in dhaqan.

[18] Mukkeetii Eden keessaa ulfinaa fi guddinaan isa kamitti fakkeeffamta” Haa ta'u iyyuu malee, atis mukkeetii Edenii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad in buuta; ati warra billaadhaan dhumanii wajjin warra dhagna hin qabatin gidduu in ciifta; kun Fara'oonii fi macca isaa hundumaa ti” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters