[1] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Ati isheetti in faraddaa ree” Mandarattii dhiiga dhangalaaftu kanatti in faraddaa ree” Wanta ciiggaasisaa isheen hojjette hundumaa akka isheen beektu godhi!” jedhe.
[3] Isheettis dubbadhu,“Waaqayyo gooftaan “Yaa mandara dhiigni akka ishee keessatti dhangala'u gootuu, akkasumas waaqayyolii tolfamoo dhaabbachuudhaan of xureessituu! Yeroon kee ga'eera.
[4] Ati dhiiga dhangalaasuu keetiin yakkiteetta, waaqayyolii tolfamoo dhaabbachuu keetiinis xuroofteetta; guyyaan kee gabaabbateera, dhumni bara jireenya keetiis ga'eera; kanaafan saba lafa irraa duratti ga'oodhaaf biyya hundumaattis tuffiidhaaf akka taatu si godhe” jedha;
[5] warri sitti dhi'oo jiran, warri sittii fagoo jiranis “Yaa mandara maqaan badee, waccis keessa guutee” jedhanii sitti in ga'isu.
[6] “Kunoo! Gurguddoonni Israa'el si keessatti humna isaaniitiin dhiiga dhangalaasuudhaaf ka'aniiru.
[7] Si keessatti abbaadhaa fi haadha tuffataniiru, nama galaa cunqursaniiru, haadha hiyyeessaa fi ijoollee abbaan irra hin jirre gad qabaniiru.
[8] Ati mi'a koo isa qulqullaa'aa in tuffatte, Sanbata koos in xureessite.
[9] Namoonni nama hamatanii dhiiga dhangalaasan, warri tulluu irratti qalma aarsaa nyaatan, warri hojii hamaa hojjetanis si keessa jiru.
[10] Warri qullaa abbaa isaanii mul'isan, warri dubartii garaa-dhukkubbiidhaan xuroofte yeellaasisanis si keessa jiru.
[11] Inni tokko haadha manaa namaa wajjin wanta ciiggaasisaa in hojjeta, inni tokko haadha manaa ilma isaatti ejjee ishee in xureessa, inni kaan immoo si keessatti obboleettii isaa, intala abbaa isaatii in yeellaasisa.
[12] Si keessatti namoonni dhiiga dhangalaasuudhaaf gatii in fudhatu; ati hiiqiidhaaf bu'aa gar-malee in fudhatta, doorsisaanis nama irraa bu'aa in argatta; anas irraanfatteetta” jedha Waaqayyo gooftaan.
[13] Kanaafis kunoo!“Ani bu'aa ati argattee fi dhiiga si keessatti dhangala'eef jedhee harka koo nan rukutadha.
[14] Guyyaan si gaafadhutti laphee in jabaattaa ree” Yookiis humni kee jabaachuu in danda'aa ree” Ani Waaqayyo kana dubbadheera, nan godhas.
[15] Ani saba lafa irraa keessa sin bittimsa; biyya baay'ee keessas sin facaasa; xuraa'ummaa kee hundumaas si keessaa nan balleessa.
[16] Ati saba lafa irraa duratti yommuu of xureessitu, ani Waaqayyo akkan ta'e in beekta” jedhe.
[17] Ergasiis dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[18] “Yaa mucaa namaa! Manni Israa'el udaan sibiilaa na duraa ta'eera; hundumti isaanii sibiila diimaa, qorqorroo, sibiilaa fi dilalii iddoo ibiddaa isa sibiila itti baqsan keessatti hafanii dha; isaan udaan meetii ti” jedhe.
[19] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Sababii isin hundumti keessan udaan sibiilaa taataniif, kunoo, ani Yerusaalem keessatti walitti isin nan qaba.
[20] Akkuma namoonni meetii, sibiila diimaa, sibiila, dilalii, qorqorroos baqsuudhaaf iddoo ibiddaa isa itti sibiila baqsan keessatti walitti qabanii itti buufan, akkasuma anis aarii koo fi dheekkamsa kootiin achitti walitti qabee, isin nan baqsa.
[21] Ani walitti isin qabee, ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis achi keessatti in baqxu.
[22] Meetiin iddoo ibiddaa isa itti sibiila baqsan keessatti akka baqfamu, akkasuma isinis ishee keessatti in baqfamtu; yommus ani Waaqayyo dheekkamsa koo akkan isin irratti dhangalaase in beektu” jedhe.
[23] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,
[24] “Yaa mucaa namaa! Isheetti dubbadhu! Isheedhaanis,“Ati biyya qulleeffamaa jirtu miti, guyyaa dheekkamsaatti bokkaan si irratti hin roobu?.
[25] Raajonni ishee akka leenca waa qabatee yommuu kukkutatu gururi'uu ti; isaan ishee keessatti namoota in fixan, qabeenya wanta gati-jabeessas in fudhatan; ishee keessattis haadha hiyyeessaa in baay'isan.
[26] Luboonni ishee seera koo cabsanii, mi'a koo isa qulqullaa'aa xureessaniiru; isaan wanta qullaa'aa ta'ee fi wanta qullaa'aa hin ta'in gargar hin baasan; isaan wanta qullaa'aa ta'ee fi wanta qullaa'aa hin ta'in gidduu garaagarummaan akka jiru hin barsiifne; Sanbata koo eeguu dhiisanii irraa gara galaniiru, kanaanis ani isaan gidduutti akkan tuffatamu godhaniiru.
[27] Gurguddoonni ishee ishee keessatti akka yeeyyii waa qabatee kukkutatuu ti; isaan bu'aa jal'inaa argachuudhaaf dhiiga in dhangalaasu namas in ajjeesu.
[28] Raajonni ishee mul'ata sobaa isaaniif arguudhaan hooda sobaas isaaniif himuudhaan, hojii isaanii cululuqfachuudhaaf utuma Waaqayyo hin dubbatin,“Waaqayyo gooftaan akkas jedheera” in jedhu.
[29] Namoonni biyyichaa nama doorsisanii in saamu, warra deegaa fi warra rakkatoo in cunqursu, nama galaas doorsisanii gad in qabu.
[30] Biyyicha akkan hin balleessineef, isaan keessaa nama dallaa ijaaree, qooda biyya sanaa ta'ee ana dura dhaabatu barbaadeen ture, garuu nama tokko illee hin arganne.
[31] Ani kanaafan dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasee, ibidda dheekkamsa kootiinis isaan fixe; hojii isaaniis mataa isaaniitti nan deebise” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.