Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:10

[1] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Gara tulluu Se'iiritti gara galii raajii irratti dubbadhu!

[3] Waaqayyo gooftaan,“Kunoo ani si irratti ka'eera yaa tulluu Se'iir, ani harka koo si irratti ol nan fudhadha, sin onsa, sin balleessas;

[4] mandaroota kees nan jigsa, in ontas, ergasii ani Waaqayyo akkan ta'e ati in beekta” siin jedha.

[5] “Bara dheeraadhaaf diina namoota Israa'el waan turteef, yeroo rakkina isaanii fi yeroo adabni isaanii inni dhumaa irra ga'etti billaatti dabarsitee isaan kennite.

[6] Ani jiraataa dha! jedha Waaqayyo gooftaan, kanaaf ani dhangala'uu dhiigaatiif sin godha, dhiignis si ari'a; ati fira dhiigaa kee waan jibbiteef, dhiiga kee kan dhangalaasu si ari'a;

[7] ani tulluu Se'iir onaadhaa fi duwwaa nan godha; warra isa irra darbanii adeemanii fi, darbanii galan irraa nan kuta;

[8] ani tulloota isaa warra ajjeefamaniin nan guuta; warri billaan isaan rukute gaarota isaa irratti, dachaa isaa keessatti, laga isaa hundumaa keessattis in kufu.

[9] Ani bara baraan sin onsa, mandaroota kee keessas namni hin jiraatu; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e ati in beekta.

[10] “Ati utuma ani Waaqayyo achi jiruu,“Sabni kun lamaanii fi biyyi kun lamaan kan koo ta'u, nuyi isaan in fudhanna” waan jetteef,

[11] ani jiraataa dha! Kanaaf akkuma ati isaan jibbitee isaanitti dheekkamtee, isaanitti hinaaftes, anis immoo akkasuma sin godha; ani yommuun sitti faradu isaan gidduutti beekamaa nan ta'a; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.

[12] Isa ati tulloota Israa'el irratti ga'ifte hundumaa, isa ati,“Isaan onaniiru akka isaan nyaannuufis nuuf kennamaniiru” jette sanas, ani Waaqayyo akkan dhaga'e in beekta;

[13] ati ana irratti afaan keetiin akka of gurguddifte, ana irrattis dubbii akka baay'ifte, ani dhaga'eera;

[14] guutummaan biyya lafaa akka gammaduuf ani Waaqayyo gooftaan sin onsa.

[15] Akkuma yeroo dhaalli mana Israa'el one ati gammadde, anis akkasuma sin godha yaa tulluu Se'iir! Sii fi guutummaa Edoom nan onsa; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters