[1] Kana booddees kunoo, bantii akka waciitii isa mataa Kiruubel gara irraa jiru irratti fakkeenya teessoo dhagaa Safiiros irraa hojjetame tokko nan arge;
[2] Waaqayyo yommus namicha isa uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatuun,“Geengoowwan Kiruubel jala jiran gidduudhaan lixi, Kiruubel gidduudhaa barbadaa ibiddaa harka guutii hammaariitii mandarattii irratti facaasi!” jedhe; inni immoo utuman ilaaluu ol lixe.
[3] Yeroo namichi ol lixes Kiruubel gara harka mirgaa mana qulqullummaa in dhaabatu turan; duumessis oobdii isa gara keessaa keessa in guute.
[4] Ulfinni Waaqayyoos Kiruubel irraa ka'ee gara buusaa balbala manichaatti darbe; duumessis mana qulqullummaa in guute, oobdichis ifa ulfina Waaqayyootiin in guute.
[5] Akkuma Waaqayyo inni hundumaa danda'u yommuu dubbatu sagaleen isaa dhaga'amu, akkasuma sagaleen qoochoowwan Kiruubelis hamma oobdii isa gara duubaatti in dhaga'ama ture.
[6] Yeroo Waaqayyo,“Geengoowwanii fi Kiruubel gidduudhaa ibidda fuudhi!” jedhee, namicha isa uffata quncee talbaa irraa dha'ame uffatu sana ajaje, namichi ol lixee geengoo tokko bira in dhaabate.
[7] Kiruubel keessaa inni tokko hiixatee ibidda isa isaan gidduu jiru irraa waa hammaaree harka namicha isa uffata quncee talbaa irraa dha'ame uffatu irra kaa'e; innis isa fudhatee gad in ba'e.
[8] Qoochoowwan Kiruubel jalaanis wanti harka namaa fakkaatu tokko in mul'ate.
[9] Anis kunoo! Geengoo afur Kiruubel biratti nan arge; tokkon tokkon Kiruub bira geengoo tokko tokkotu jira ture; bifni geengoowwan sanaas akka dhagaa Krisoliixos in calaqqisa ture.
[10] Bifni arfanuu isaaniis wal fakkaata ture; geengoon tokkos akka waan isa kaan keessa lixee in fakkaata ture.
[11] Isaan yommuu adeeman gara Kiruubel itti gara galanii jiran arfanitti adeemu malee, of irra gara galanii hin adeeman turan; yommuu geengoon inni fuula duraa gara itti gara galee jirutti adeemu, warri kaanis utuu of irra gara hin galin gara inni adeemutti isa duukaa in adeemu turan.
[12] Guutummaan dhagna isaanii, dugdi isaanii, harki isaanii, qoochoowwan isaanii, akkasuma geengoowwan arfan isaanii qaban illee guutummaatti ijuma duwwaa dha.
[13] Geengoowwan sunis “Bubbee” jedhamanii waamamuu isaanii nan dhaga'e.
[14] Tokkon tokkon isaanii fuula afur afur qabu; fuulli inni tokkoffaan fuula Kiruub, inni lammaffaan fuula namaa, inni sadaffaan fuula leencaa, inni afuraffaan fuula joobiraa ture.
[15] Kana booddees Kiruubel ol ka'an; isaan wanta lubbuu qaban warra ani laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha.
[16] Yommuu Kiruubel adeemuudhaaf ka'an geengoowwanis isaan bukkee in adeemu; yommuu Kiruubel lafaa ol ka'uudhaaf qoochoowwan isaanii diriirsan, geengoowwanis isaan biraa hin hafne.
[17] Hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa isaan keessa waan jiruuf, yommuu isaan dhaabatan isaan kunis in dhaabatu, yommuu isaan ol ka'anis, isaan kunis isaanii wajjin ol in ka'u turan.
[18] Kana booddees ulfinni Waaqayyoo buusaa balbala manichaa irraa ka'ee, Kiruubel irra in dhaabate.
[19] Kiruubelis utuman isaan ilaaluu qoochoowwan isaanii diriirsanii adeemuudhaaf yommuu ol ka'an, geengoowwan isaanii isaan bukkee in adeemu turan; isaan balbala karra mana Waaqayyoo isa gara ba'a-biiftuutti ba'u bira in dhaabatan; ulfinni Waaqayyoo isa kan Israa'elis isaan gara irraadhaan ture.
[20] Wanti lubbuu qaban warri ani laga Kebaaritti teessoo Waaqayyoo jalatti arge, isaan kana turan; anis akka isaan Kiruubel ta'an nan bare.
[21] Tokkon tokkon isaaniis fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur qabu turan, qoochoowwan isaanii jalaanis wanta harka namaa fakkaatutu ture.
[22] Fuulli isaaniis fuula warra ani laga Kebaar biratti arge ture; tokkon tokkon isaaniis qajeelanii gara fuula duraatti in adeemu turan.