Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:24

[1] Waggaa salgaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Guyyaan kun guyyaa itti mootiin Baabilon Yerusaalemin qabate waan ta'eef, maqaa guyyaa har'aa kana caaffadhu!

[3] Namoota warra didanii ka'anitti fakkeenyaan dubbadhu! Waaqayyo gooftaan, “Xuwwee sibiilaa ibidda irra kaa'i, irra kaa'iitii bishaan itti naqi!

[4] Gumaa fooniis keessa buusi! Foon lukaa fi foon harkaa, isa babba'eessa hundumaas keessa buusi! Lafee babba'eessas itti guuti!

[5] Foon bushaayee keessaa isa ba'eessa isaa fudhadhu, xuwwicha keessa lafeewwan naqi! Lafichis isa keessatti ba'eessa ta'ee affeelamee akka bilchaatu godhi!” jedha” jedhe.

[6] Kanaafis Waaqayyo gooftaan, “Mandara dhiiga dhangalaaftuuf, xuwwee sibiilaa ligidaa'aa isa ligidaa'aan isaa ittii hin baaneefis wayyoo! Foonichas utuu hin fo'in gumaa gumaadhaan fuutee, xuwwicha keessaa hamma fixutti guuri!

[7] Isheen lafa biyyoon itti deebi'uu danda'utti utuu hin ta'in, dhagaa kattaa bakkeetti mul'atu irratti dhiiga dhangalaafte; dhiigni isheen dhangalaafte amma iyyuu ishee keessa jira.

[8] Ani aaree ijaa baafachuudhaaf jedhee dhiigni isheen dhangalaafte akka hin dhokfamnetti dhagaa kattaa bakkeetti mul'atu irra nan kaa'e” jedhe.

[9] Waaqayyo gooftaan, “Mandara dhiiga dhangalaaftuuf wayyoo! Ani qoraanicha baay'isee itti nan tuula;

[10] qoraanicha itti tuuli, ibiddas itti qabsiisi, foonicha ba'eessa godhii affeeli, urgooftuu wajjinis wal fudhachiisi! Lafeenis haa gubatu.

[11] Xuwwichi sibiilaa akka ho'uuf sibiilli isaa inni borrajjiinis ho'ee akka finiinuuf, xuriin isaas baqee akka irraa ba'utti ligiddi isaas akka irraa ba'ee dhumutti, duwwaa isaa ibidda giimii irra kaa'i!

[12] Akkasumaan itti dadhaban; ligidi jabaan sun ibidda irratti iyyuu ittii hin baane.

[13] “Amma xuraa'ummaan kee hammeenya kee ti; ani si qulleessuu yaaleen ture, ati garuu xuraa'ummaa keettii hin qulloofne; dheekkamsi koo hamma qabbanaa'utti ati hin qullooftu.

[14] Ani Waaqayyo dubbadheera; innis in ta'a, ani kana nan godha; ani akkasitti hin dhiisu, ani hin hiluuf, garaas hin laafuuf; akka adeemsa kee fi akka hojii keetti sitti in faradama” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

[15] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[16] “Yaa mucaa namaa! Kunoo, ani nama ati ilaaluu jaallattu rukuttaa tokkoon si duraa nan fuudha; ati garuu hin boo'in, hin wawwaatin, imimmaan kees hin buusin!

[17] Sagalee gad qabadhu guungumi; warra du'aniif hin gaddin! Marata kee mataatti hidhadhu, kophee kees miilla keetti kaa'adhu, wayyaa afaanitti hin qabatin! Buddeena gaddaas hin nyaatin!” jedhe.

[18] Anis bulee namootatti nan dubbadhe, haati manaa koo immoo galgaluma gaafasii duute; borumtaas akkan abboomame nan godhe.

[19] Namoonnis kana irratti,“Inni ati akkas gootu kun hiikaan isaa nuuf maal akka ta'e nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.

[20] Anis isaaniif deebisee,“Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[21] mana Israa'elitti dubbadhu!” naan jedhe; Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ani mana qulqullummaa koo isa of jajuu humna keessanii ta'e, isa isin ilaaluu jaallattan isa lubbuudhaaf hawwitan nan xureessa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan warri isin dhiiftanii adeemtan billaadhaan in dhumu” jedhe.

[22] Isinis akkuma ani godhe gootu malee, wayyaa afaanitti hin qabattan, buddeena gaddaas hin nyaattan;

[23] maranni mataa keessanitti, kopheenis miilla keessanitti haa taa'u! Isin yakka keessaniin mudhuktanii walii wajjin guungumaa malee, hin boo'inaa hin wawwaatinaas!

[24] Waaqayyo,“Hisqi'el milikkita ittiin of eeggattan isiniif haa ta'u; wanta hundumaa akkuma inni hojjetetti hojjedhaa! Wanti kun yommuu dhufu immoo, ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isin in beektu” jedhe.

[25] Yaa mucaa namaa!“Atis guyyaa ani da'oo isaanii, gammachuu isaanii, ulfina isaanii, isa isaan ilaaluu jaallatan, isa isaan lubbuudhaaf hawwan ilmaan isaanii fi intaloota isaanii isaan duraa fuudhu,

[26] gaafas namni jalaa baqatee dhufu oduu sana isinitti in hima.

[27] Guyyaa sana afaan kee in saaqama, namicha jalaa baqatee dhufu sanaa wajjin in haasofta, afaan kees deebi'ee hin hidhamu; atis namootaaf milikkita ittiin of eeggatan in taata; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters