Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:16

[1] Kana booddees namichi gara keessa mana qulqullummaatti ol na galchee, iddoo qulqullaa'aa sana yommuu safare, bal'inni isaa garanaan dhundhuma ja'a, garasiinis dhundhuma ja'a ture; innis bal'ina godichaa ture.

[2] Balballi isaa dhundhuma kudhan in bal'ata ture; bukkeen balbalichaas garanaan dhundhuma shan, garasiinis dhundhuma shan in bal'ata ture; iddoo isa qulqullaa'aa sanas yommuu safare, dheerinni isaa dhundhuma afurtama, bal'inni isaas dhundhuma digdama ta'e.

[3] Ergasii immoo gara kutaa isa keessaatti ol galee, tuggeewwan balbalichaa yommuu safare dhundhuma lama ta'e; bal'inni balbalichaa dhundhuma ja'a, bal'inni bukkee balbalichaa immoo dhundhuma torba ta'e.

[4] Dheerina kutaa isa keessaa sana yommuu safare dhundhuma digdama ta'e; bal'inni isaas gara iddoo isa qulqullaa'aa sanaan yommuu safare dhundhuma digdama ta'e; ergasii,“Inni kun iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu dha” naan jedhe.

[5] Kana booddee namichi keenyan mana qulqullummaa sana yommuu safare, furdinni isaa dhundhuma ja'a, kutaawwan bukkee garasii fi garanaan iddoo qulqullaa'aa sanatti naanna'anii jiraniis bal'inni isaanii dhundhuma afur afur ta'e.

[6] Kutaawwan manaa garasii fi garanaa kunis seqqoo sadiitu wal irratti ijaarame, seqqoon tokkoon isaa kutaa soddoma qaba; irkoon kutaawwan manaa bukkee garasii fi garanaa sun keenyan mana qulqullummaa sana keessatti akka hin suuqamneef, wanti akka gardaafoo keenyan mana qulqullummaa sanatti naanna'ee as ba'ee taa'u, kutaawwan manaa sanaaf irkoo ta'ee jira.

[7] Kutaawwan manaa bukkee garasii fi garanaa sun akkuma bal'ina wanta akka gardaafoo mana qulqullummaa sanatti naanna'ee jiruutti seqqoo isa jalaatii gara seqqoo isa irraatti yommuu ol adeemu kutaan isaas bal'achaa in adeema; cinaacha mana qulqullummaa sanatti immoo karaan buusaa ittiin ol yaaban qabu tokko jira; namni akkasitti seqqoo isa gad aanuu ka'ee, seqqoo isa gidduu keessa ba'ee gara seqqoo isa ol aanutti in ba'a ture.

[8] Manni qulqullummaa sun naanna'ee hundee ol ka'aa akka qabus nan arge; hundeen kutaawwan manaa bukkee garasii fi garanaa sun ulee safaraa isa dhundhuma dheeraa ja'a sana tokko in ta'a.

[9] Keenyan kutaawwan manaa garasii fi garanaa inni gara alaa jiru dhundhuma shan in yabbata; iddoo duwwaan inni kutaawwan manaa warra mana qulqullummaa garasii fi garanaa fi,

[10] kutaawwan warra bukkee gara oobdii gidduu jiru immoo gara hundumaan dhundhuma digdamaan mana qulqullummaa sanatti in naanna'a.

[11] Balballi kutaa isa cinaacha tokko isa gara iddoo duwwaa sanaa, balballi tokko gara bitaatti, balballi inni kaanis gara mirgaatti in ba'a; bal'inni iddoo duwwaa sanaa naanna'ee dhundhuma shan ture.

[12] Ijaarsi gara lixa-biiftuu inni oobdii mana qulqullummaatti gara galu, dhundhuma torbaatama in bal'ata; keenyan ijaarsichaa naanna'ee dhundhuma shan in yabbata, dheerinni isaa immoo dhundhuma sagaltama.

[13] Kana booddees namichi mana qulqullummaa sana in safare; innis dheerinni isaa dhundhuma dhibba, oobdiin sunii fi ijaarsichi keenyan isaatii wajjin dhundhuma dhibba ta'e.

[14] Akkasumas bal'inni oobdii mana qulqullummaa gara ba'a-biiftuutiin iddoo isa mana qulqullummaa fuula dura jiruu wajjin walumatti dhundhuma dhibba ta'e.

[15] Ergasii immoo namichi dheerina ijaarsichaa isa gara oobdiitti gara galu keenyan isaa karaa lamaanuu wajjin mana qulqullummaa sana duubaan yommuu safare dhundhuma dhibba ta'e; manni qulqullummaa karaa duubaa, kutaan isaa inni gara keessaa, gardaafoon isaa inni gara oobdiitti gara galu,

[16] buusaawwan, qaawwan dhidhiphoo, keenyan xixinnoo seqqoo sadanuutti naanna'anii jiranitti, wanta fuullee buusaa sanaa jiruu fi wanta naannoo isaa jiru hundumaattis mukti uffifamee ture; lafa isaatti, keenyan isaa hamma gubbaa qaawwan sanaatti, qaawwanittis mukti uffifamee ture.

[17] Iddoo isa balbala karaa alaa jiru gara irraatii jalqabee mana qulqullummaa isa keessaa fi isa duubaatti, guutummaa keenyan isaatti naanna'ee darbee darbee,

[18] fakkeenyi Kiruubelii fi, mukkeetii meexxii irratti miidhagfamee ture; Kiruub isa tokkoo fi isa kaan gidduu muka meexxiitu ture; Kiruub adduma addaan fuula lama lama qaba ture.

[19] Inni fuula namaa fakkaatu tokko gara muka meexxii isa gar tokkootti, fuulli leenca saafelaa immoo gara muka meexxii isa gara kaaniitti in gara gala ture; isaanis naannoo guutummaa mana qulqullummaa sana irratti qirixamanii turan;

[20] keenyan mana qulqullummaa isa duubaatti lafaa ka'ee hamma balbalicha gara irraatti Kiruubeliif mukkeetii meexxiitu irratti qirixamee ture.

[21] Michichilli balbala mana qulqullummaa dheerinni isaa fi bal'inni isaa wal qixxee dha; inni kan isa hundumaa caalaa qulqulluu fuula duraas isuma in fakkaata ture.

[22] Iddoon aarsaa muka irraa hojjetame irraan oleen isaa dhundhuma sadii, dheerinni isaa dhundhuma lama, bal'inni isaas dhundhuma lama ture; qaalaan isaa, miillan isaa, cinaachi isaas, muka irraa hojjetaman; namichis,“Kun gabatee isa fuula Waaqayyoo dura jiruu dha” naan jedhe.

[23] Iddoon inni qulqullaa'aanii fi iddoon inni hundumaa caalaa qulqulluun adduma addaan balbala lama lama qabu.

[24] Balballi lamaan immoo adduma addaan saanqaa gar-lamatti banamu lama lama qabu turan; saanqaan naanna'an lama kan balbala isa tokkoo ti, lama immoo kan balbala isa kaanii ti.

[25] Kiruubelii fi mukkeetiin meexxii warri akka isa keenyan irratti qirixamaniis balbaloota mana qulqullummaa isa duubaa sana irratti qirixamanii turan; fuula gardaafoo isa alaa irratti gaaddiseen mukaa hojjetamee ture.

[26] Keenyan gardaafoo kanaa garasii fi garanaanis, qaawwan dhidhiphoo mukkeetiin meexxii bukkee garasii fi garanaan irratti qirixamantu turan; kutaawwan manaa warra mana qulqullummaa garasii fi garanaan jiranis gaaddisee mukaa sana qabu turan.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters