Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:05

[1] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Raajii dubbadhu!“Waaqayyo gooftaan:- Boo'i! Guyyaa sanaaf wayyoo! jedhi!

[3] Guyyaan sun dhi'aateera, guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera, guyyichi guyyaa duumessaa ti, yeroon sun yeroo saba lafa irraatti faradamu in ta'a;

[4] biyya Gibxii irratti billaan in dhufa, biyya Kuush irras naasuun in bu'a; yommuu biyya Gibxiitti namoonni rukutamanii kufan, badhaadhummaan ishee yommuu jalaa fudhatamu, hundeen ishees yommuu jalaa jigu,

[5] biyyi Kuush, biyyi Fux, biyyi Lud, tuuti saba garaa garaas, biyyi Kubii fi ilmaan biyya sanaa warri ani dur isaanii wajjin kakuutti gale biyya Gibxii wajjin billaadhaan in dhumu” jedhe.

[6] Waaqayyo gooftaan, “Warri Gibxitti irkatan in kufu, Miigdolii hamma Aswaanitti ishee keessatti billaadhaan in kufu, humni ishee inni isheen ittiin koortus in kufa” jedhe” jedhe. Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

[7] Itti fufees Waaqayyo, “Isaan biyya one keessatti in dhumu; mandaroonni isaaniis mandaroota warra diigamanii wajjin in diigaman.

[8] Yommuu ani biyya Gibxiitti ibidda naqu, warri ishee gargaaran hundinuus yommuu caccaban, yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku.

[9] Yommus ani ergamaa markabaan nan erga, innis Kuushin dammaqsee in naasisa; guyyaa Gibxitti faradamuuf jiru sanatti naasuun isaan in qabata. Kunoo, guyyichi dhufaa jira!” jedhe.

[10] Waaqayyo gooftaan, “Ani harka Nebukadnezaar mootii Baabiloniin baay'ina warra Gibxii akka hin jirre nan godha.

[11] Innii fi sabni isaa warri baay'ee gara-jabeeyyiin biyya sana balleessuudhaaf in dhufu, billaa isaanii warra Gibxii irratti in luqqifatu, biyyichis warra qalamaniin in guuta.

[12] Ani bishaanota laga sanaa nan gogsa, biyyichas namoota hamootatti nan gurgura; biyyichaa fi waan isa keessa jiru hundumaa harka warra ormaatiin nan onsa; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.

[13] Waaqayyo gooftaan, “Ani waaqayyolii tolfamoo nan balleessa, bifa fakkeenyaas mandara Memfiis keessaa nan fixa; biyya Gibxii keessatti deebi'ee guddaan biyyaa hin argamu, ani biyya Gibxii keessa sodaa nan buusa.

[14] Ani Faaxrosiin nan diiga, Zo'aanitti immoo ibidda nan naqa, No'ittis nan farada.

[15] Ani,“Siin” ishee da'oo warra Gibxii taate irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa, baay'ina warra No'iis muree nan balleessa.

[16] Ani biyya Gibxiitti ibidda nan naqa, “Siin” baay'ee na'ee in hollata, No'i humnaan in fudhatama, Memfiis immoo guyyaa hundumaa in dhiphata.

[17] Dargaggoonni mandara Aween keessa jiranii fi mandara Phii-Beset keessa jiran billaadhaan in kufu; warri mandaroota sana keessa jiraatanis booji'amanii in adeemu.

[18] Yommuu ani waanjoo warra Gibxii caccabsu, Taahafeneetti guyyaan in dukkanaa'a; yommus humni isheen ittiin koortu in dhuma, duumessaanis in haguugamti, intaloonni ishees in booji'amu.

[19] Akkasitti ani biyya Gibxiitti nan farada; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.

[20] Waggaa kudha tokkoffaatti, ji'a tokkoffaatti, ji'icha keessaa guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[21] “Yaa mucaa namaa! Ani irree Fara'oon mootii Gibxii cabseera; inni fayyee jabaatee billaa ittiin qabachuu akka danda'utti, namni sabbataan irree isaa walitti hidhee fayyise hin jiru” jedhe.

[22] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ani Fara'oon mootii Gibxii irratti nan ka'a, irree isaa isa cabaadhaa fi isa fayyaa nan caccabsa, billaas isa harkaa nan buusa;

[23] ani warra Gibxii saba lafa irraa gidduu nan tamsaasa, biyya keessas isaan nan facaasa.

[24] Ani irree mootii Baabilon nan jabeessa, billaa koos harka isaa keessa nan kaa'a, irree mootii Gibxii immoo nan cabsa, innis mootii Baabilon duratti akka nama madaa'ee du'uuf jedhuu in aada.

[25] Ani irree mootii Baabilon nan jabeessa, garuu irreen mootii Gibxii lawwaasa'ee in kufa; yommuu ani billaa koo harka mootii Baabilon keessa kaa'ee, inni immoo warra Gibxiitti isa mirmirsu, yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku.

[26] Ani warra Gibxii saba lafa irraa gidduu nan tamsaasa, biyya keessas isaan nan facaasa; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters