[1] Amma ati gurguddoota Israa'eliif wawwaadhu!
[2] “Haati kee leencota keessaa, leenca dhalaa attamii turte! Isheen leencota warra saafela gidduu ciiftee, ilmoolee ishee in guddifatti turte;
[3] isheen ilmoolee ishee keessaa isa tokko in guddifte, innis leenca saafela ta'ee, adamsee qabachuu in bare, namas in nyaate;
[4] sabni lafa irraa waa'ee isaa in dhaga'an; inni boolla isaanii keessatti in qabame, isaanis hidhanii biyya Gibxiitti isa geessan.
[5] “Isheenis eegdee abdii akka hin qabne yommuu argite, ilmoolee ishee keessaa tokko fuutee guddifattee, leenca saafela isa goote;
[6] innis leencotaa wajjin asii fi achi in adeeme, leenca saafelas in ta'e; adamsee qabachuu in bare, namas in nyaate.
[7] Inni manneetii mootummaa isaanii in caccabse, mandaroota isaaniis in onse; biyyichii fi warri biyyicha keessa jiran hundinuu, sagalee aadnaa isaa dhaga'anii in golgolaa'an.
[8] Sabni lafa irraa karaa jiru isa irratti in ka'an, kiyyoo isaanii isa duratti in diriirsan, innis boolla isaanii keessatti in qabame;
[9] isaanis isa hidhanii godoo sibiilaa keessa kaa'anii, mootii Baabilonitti isa geessan; sagaleen isaa tulloota Israa'el irratti deebi'ee akka hin dhaga'amnettis, iddoo inni itti hidhamee eegamu keessa isa buusan.
[10] “Haati kee akka muka waynii isa iddoo dhaabaa keessaa, akka isa bishaan qarqara dhaabatee, bishaan baay'ee waan argatuufis, akka isa damee baay'ee fi ija baay'ee godhatu turte;
[11] dameen ishee jabaatee, ulee mootummaatiif in ta'e; hojjaan ishee baala gobbuu gidduudhaan ol dheeratee, baay'ina damee ishee wajjin fagootti mul'ate.
[12] Garuu isheen aariidhaan buqqifamtee, lafatti in darbatamte; qilleensi ba'a-biiftuu inni gubaan ija ishee in gogse, dameen ishee warri jajjaboonni in coollagan, ibiddis isaan in fixe;
[13] ammas isheen lafa onaa keessa, lafa gogaa bishaan hin qabne keessa in dhaabamti;
[14] ibiddis damee ishee keessaa ba'ee, ija ishee in fixe; dameen jabaan ulee mootummaa ta'us ishee irratti hin hafne” jedhi! Kun boo'icha, wawwaannaas in ta'e.