[1] Ergasii namichi gara karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galutti na geesse.
[2] Kunoo! Ulfinni Waaqayyo isa kan Israa'el karaa ba'a-biiftuu in dhufe; sagaleen isaas akka sagalee huursaa bishaan baay'ee ture; ulfina isaa irraa kan ka'es lafti in ifte.
[3] Mul'atichi ani arge akka isa ani yeroo inni mandarattii balleessuuf dhufe arge, akkasumas sanyii mul'ata isa ani laga Kebaar bukkeetti arge sana ture; yommus ani adda kootiin lafatti nan gombifame.
[4] Ulfinni Waaqayyoo karaa karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galuu mana qulqullummaatti ol gale.
[5] Yommus hafuurri ol na fuudhee gara oobdii isa gara keessaatti na geesse. Kunoo! Ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa sana guutee ture.
[6] Namichi utuu ana bukkee dhaabachaa jiruu, inni tokko mana qulqullummaa sana keessaa utuu anatti dubbatuu nan dhaga'e.
[7] Inni anatti dubbatu immoo,“Yaa mucaa namaa! Kun iddoo teessoo kootii fi iddoo faana miilla kootii ti; kun iddoo ani namoota Israa'el gidduu bara baraan jiraadhuu dha; manni Israa'el ofii isaaniitii, mootonni isaaniis ejja isaaniitiif, waaqayyolii tolfamoo mootota isaanii warra lubbuu hin qabne, warra lafa ol ka'aa irra dhadhaabataniin, deebi'anii maqaa koo isa qulqulluu hin xureessan.
[8] Buusaa balbala isaanii buusaa balbala kootii bukkee, michichila balbala isaaniis michichila balbala kootii bukkee dhaabuu isaaniitiin, anaa fi isaan gidduuttis keenyan tokkittii qabaachuudhaan, isaan wanta ciiggaasisaa hojjetaniin maqaa koo isa qulqulluu xureessaniiru; kana irrattan dheekkamsa kootiin isaan fixe.
[9] Ammas isaan ejjummaa isaanii, waaqayyolii tolfamoo mootota isaanii warra lubbuu hin qabnes ana irraa haa fageessan, ani immoo bara baraan isaan gidduu nan jiraadha” jedhe.
[10] Ammas,“Yaa mucaa namaa! Isaan yakka isaaniitti akka yeella'anitti, waa'ee mana qulqullummaa sanaa mana Israa'elitti mul'isi! Isaanis akeeka guddina isaatii haa safaran!
[11] Isaan wanta hojjetan hundumaatti yoo yeella'an immoo, ati bifa ijaarsa mana qulqullummaa sanaa, akka inni itti dhaabatu, karaa ittiin gad ba'an, karaa ittiin ol galanis akka isaan beekan godhi; akkasumas guutummaa akeeka isaatii, seerrata isaa fi seera isaa hundumaas akka beekan godhi! Isaan kana eeganii seera isaa fi ajaja isaa hundumaa akka raawwatanittis kana isaan duratti caafi!
[12] Seerri mana qulqullummaa sanaas, kanatti fufee jira; iddoon naannoo isaatii inni gubbee tulluu sanaa irra jiru guutummaatti isa hundumaa caalaa qulqullaa'e haa ta'u! Kunoo, seerri mana qulqullummaa sanaa isa kana” jedhe.
[13] Safarri iddoo aarsaa sanaa akka safara dhundhuma isa dhundhuma tokkoo fi taakkuu baasuutti, akka kanatti aanuu dha; jalli isaa dhundhuma tokko ol in ka'a, dhundhuma tokko immoo in bal'ata; hidhiin itti naanna'ee jiru immoo taakkuu tokko in ta'a; ol ka'inni iddoo aarsaa sanaa immoo,
[14] hundee isaa isa lafa jiru irraa ka'ee hamma qarqara buusaa isa gad aanuutti, dhundhuma lama bal'inni isaa immoo dhundhuma tokko, dhagaa tolfamaa isa xinnaadhaa ka'ee hamma dhagaa tolfamaa isa guddaatti irraan oleen isaa dhundhuma afur, bal'inni isaa immoo dhundhuma tokko;
[15] ol ka'inni lafa ibiddaa iddoo aarsaa dhundhuma afur, lafa ibiddaa iddoo aarsaa sanattiis gaanfonni afur ol ba'anii jiru.
[16] Lafti ibiddaa iddoo aarsaa sun karaa arfanuu wal qixxee dha, dheerinni isaa dhundhuma kudha lama, bal'inni isaas dhundhuma kudha lama;
[17] dhagaa tolfamaan sunis, karaa arfanuu wal qixxee dha, dheerinni isaa dhundhuma kudha afur, hidhiin itti naanna'ee jiru immoo walakkaa dhundhumaa in bal'ata; jalli isaa naanna'ee dhundhuma tokko; buusaan ittiin iddoo aarsichaatti ol ba'an gara ba'a-biiftuutti gara galee jira.
[18] Kana booddee namichi,“Yaa mucaa namaa! Waaqayyo gooftaan,“Iddoon aarsaa kun qalma gubamu irratti dhi'eessuudhaaf, dhiigas irratti facaasuudhaaf gaafa ijaaramu, seerranni isaa akka kanatti fufee jiru in ta'a;
[19] tuntunoo tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf, Lewwoota warra luboota sanyii Zaadoq warra anaaf hojjechuudhaaf gara kootti dhi'aatanitti kenni!” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
[20] Atis dhiiga isaa irraa fuudhii gaanfota iddoo aarsaa sana arfanitti, golee dhagaa tolfamaa isa gara olii arfanitti guutummaa naannoo hidhii isaattis dibi! Akkasitti iddoo aarsaa sana qulleessi, isaafis araara buusi!
[21] Tuntunoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu sana fuudhii, isas iddoo mana qulqullummaa keessaa isaaf kaa'ame isa qulqullaa'e sana duubatti ibiddaan gubi!
[22] “Guyyaa lammaffaatti immoo korbeessa reettii mudaa hin qabne aarsaa sababii cubbuutiif dhi'eessi! Iddoon aarsaa sun tuntunoo sanaan akkuma qulleeffame, kanaanis akkasuma haa qulleeffamu!
[23] Isa qulleessuu erga raawwattee, sa'a keessaa tuntunoo mudaa hin qabne tokkoo fi, bushaayee keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko dhi'eessi!
[24] Ati fuula Waaqayyoo duratti isaan fidi! Luboonni immoo soogidda itti firfirsanii, qalma gubamu Waaqayyoof haa aarsan!
[25] “Guyyaa torbaaf guyyuma guyyaatti korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf qopheessi! Akkasumas sa'a keessaa tuntunoo mudaa hin qabne tokkoo fi, bushaayee keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko haa qopheessan!
[26] Isaan iddoo aarsaa sanaaf guyyaa torba araara haa buusan, isa haa qulleessanis! Akkasitti isa in eebbisu.
[27] Guyyoonni kun erga raawwatamanii booddee, guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee gara fuula duraatti luboonni qalma keessan isa gubamu, qalma araaraa keessanis iddoo aarsaa sana irratti in dhi'eessu, akkasitti ani isin nan simadha” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.