Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 14:31

[1] Nuyi booji'amnee waggaa digdamii shanaffaatti, jalqaba waggichaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti, mandarichi erga rukutamee waggaa kudha afuraffaatti, guyyaadhuma sana harki Waaqayyoo ana irra ture.

[2] Inni mul'ata Waaqayyootiin gara biyya Israa'elitti na geessee, tulluu baay'ee dheeraa gara harka mirgaatiin wanta akka ijaarsa mandaraa irra ture tokko irra na dhaabachiise.

[3] Yeroo inni achitti na geesses, ani namicha bifni isaa sibiila borrajjii fakkaatu tokko nan arge; namichis fo'aa quncee talbaa fi ulee safaraa harkatti baatee, karra dura in dhaabata ture.

[4] Namichi anatti dubbatee,“Yaa mucaa namaa! Ati as fidamuun kee, akka ani sitti argisiisuuf waan ta'eef, ija keetiin ilaali, gurra keetiin dhaga'i, yaada kees wanta ani si argisiisu kana irra kaa'adhu! Waan argitu hundumaas mana Israa'elitti himi!” jedhe.

[5] Kunoo! Guutummaa naannoo lafa manichaa dallaatu ture; dheerinni ulee safaraa harka namichaa keessa tures dhundhuma dhedheeraatti ja'a ture, dhundhumni dheeraan sun tokko immoo dhundhuma tokkoo fi hamma bal'ina harkaa ture; namichis yabbina keenyan dallaa sanaa ulee sana tokko, dheerina isaas ulee sana tokko in safare.

[6] Ergasiis gara karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galu in dhufe; buusaa isaa irras ol yaabbatee, buusaa balbalaa safaree, asii gadiin isaa ulee safaraa sana tokko ta'e; buusaan balbala sanaa ulee tokko bal'ata;

[7] kutaan manicha keessaa immoo tokkon tokkon isaa dheerinni isaa ulee tokko tokko, bal'inni isaas ulee tokko tokko ture; gidduun tokkon tokkon keenyan kutaa sanaa dhundhuma shan shan yabbata, buusaan balbalichaa karaa balbala gardaafoo sanaa inni gara keessaas ulee tokko ture.

[8] Akkasumas gardaafoo karaa karra sanaa manicha irraa kaasee ulee tokko safare;

[9] kana booddee immoo gardaafoo karra sanaa dhundhuma saddeet, tuggeewwan isaaniis dhundhuma lama in safare; gardaafoon karra sanaas gara keessa manichaatiin ture.

[10] Kutaan manicha keessaa karaa balbala gara ba'a-biiftuu kunis sadii garanaan, sadiis garasiin turan; sadan isaanii fi safarri tuggeewwan isaanii warra garasii fi garanaa tokko ture.

[11] Ergasiis inni bal'ina karra isa banamu sanaa dhundhuma kudhan, dheerina karra sanaa immoo dhundhuma kudha sadii in safare;

[12] karaa fuula duraa bal'inni keenyan kutaa manicha keessaa sun garasii fi garanaan dhundhuma tokko tokko ture, kutaan manaa sunis adda addaan, gar-tokko dhundhuma ja'a, gar kaanis dhundhuma ja'a ture;

[13] karra sanas bantii kutaa manaa isa gar-tokkootii hamma bantii kutaa manaa isa gara kaaniitti safaree, bal'inni isaa balbalaa hamma balbalaatti dhundhuma digdamii shan ta'e.

[14] Gardaafoo sanas yommuu safare, inni dhundhuma digdama ta'e; naannoon karra gardaafoo sanaa immoo oobdii wajjin walitti jira ture;

[15] ittiin lixa karra sanaa fuula duraa jalqabee hamma dhuma gardaafoo karra isa keessaatti dhundhuma shantama ture.

[16] Kutaawwan manaa sunii fi keenyan sun karaa ittiin ol lixan qaawwa garasii fi garanaan dhiphachaa adeemu qabu; gardaafoon sunis akkasuma naanna'ee gara keessaatiin qaawwa qaba; tuggeewwan sun immoo muka meexxiitiin miidhagfamanii jiru.

[17] Kana booddees gara oobdii naannoo manichaatti na geesse; anis kutaawwan manaa fi buusaa dhagaa naannoo oobdii sanaatti hojjetame nan arge; buusaa dhagaa sana irra immoo kutaawwan soddomatu ture.

[18] Buusaan dhagaa cinaacha karrawwan sanaas dheerina karrawwan sanaa wajjin wal qixxee dha; inni kun buusaa dhagaa isa gad aanuu dha.

[19] Ammas inni karra isa gad aanu gara keessaatii kaasee hamma dhuma oobdii isa gara keessaatti wal irraa fageenya isaa in safare, innis karaa gara ba'a-biiftuu akkasumas karaa gara bitaa dhundhuma dhibba ta'e.

[20] Ergasii immoo inni dheerinaa fi bal'ina karra isa gara bitaatti gara galu isa gara oobdii isa duubaatti geessu in safare;

[21] kutaan manaa sunis garanaan sadii, garasiinis sadii ture; guddinni tuggeewwan isaatii fi gardaafoo isaatii immoo akkuma kan karra isa duraa sanaa ti; hojjaan isaa dhundhuma shantama, bal'inni isaas dhundhuma digdamii shan ture.

[22] Guddinni qaawwa isaatii fi gardaafoo isaatii, kan muka meexxii isa irratti miidhagfamees isa kan karra gara ba'a biiftuutti gara galu sanaa wajjin wal qixxee dha; buusaan torba gara isaatti ol in baasa; gardaafoon isaa immoo gara keessaatiin jira.

[23] Akkuma karra isa gara ba'a-biiftuu sanas karri gara oobdii isa gara keessaatti baasu tokko fuullee karra isa gara bitaa sana ture; yeroo inni karra isa tokkoo hamma karra isa kaaniitti safares dhundhuma dhibba tokko ta'e.

[24] Kana booddees gara mirgaatti na geesse, anis karra gara mirgaatti gara galu tokko nan arge; inni immoo tuggeewwan isaa fi gardaafoo isaa in safare; isaan kunis guddinni isaanii hamuma kan warra kaanii ture.

[25] Akkuma qaawwa warra kaaniis, naannoo isaa gardaafoo isaatti qaawwan jiru turan; karrichi hojjaan isaa dhundhuma shantama bal'inni isaas dhundhuma digdamii shan ture.

[26] Buusaan torba gara isaatti ol in baasa; gardaafoon isaas gara keessaatti gara galee jira; cinaacha tuggeewwan isaa lamaanuu irratti mukti meexxii gar-lachanuun miidhagfamee jira.

[27] Oobdiin inni gara keessaas karra gara mirgaatti gara galu tokko qaba; namichi karra sanaa jalqabee hamma karra alaa isa gara mirgaatti in safare, inni immoo dhundhuma dhibba tokko ta'e.

[28] Ergasii immoo inni karaa karra isa gara mirgaa sana gara oobdii isa gara keessaa sanatti na geessee, karra gara mirgaa sana yommuu safare, guddinni isaas warra kaanii wajjin tokkicha ture.

[29] Guddinni kutaawwan manaa bukkee garasii fi garanaa, kan tuggeewwan isaa fi kan gardaafoo isaas kan warra kaanii wajjin tokkichuma ture; naannoo karrichaa fi gardaafoo isaatti qaawwan jiru turan; innis hojjaan isaa dhundhuma shantama, bal'inni isaas dhundhuma digdamii shan ta'e.

[30] Gardaafoon naanna'anii jiran dhundhuma digdamii shan in dheeratu, dhundhuma shanis in bal'atu.

[31] Gardaafoon isaa gara oobdii isa alaatti gara galee jira; mukkeetiin meexxiis tuggeewwan isaa irratti miidhagfamanii jiru; karaan ittiin ol yaaban immoo buusaa saddeet qaba.

[32] Kana booddees inni karaa cinaacha gara lixa-biiftuu gara oobdii isa gara keessaatti na geessee, karra sana in safare; guddinni isaa kan warra kaanii wajjin tokkicha ture.

[33] Akkasumas guddinni kutaawwan manaa bukkee garasii fi garanaa, kan tuggeewwan isaatii fi kan gardaafota isaatii kan warra kaanii wajjin wal qixxee ture; naannoo karrichaa fi gardaafoo isaatti qaawwan jiru turan; hojjaan isaa dhundhuma shantama, bal'inni isaas dhundhuma digdamii shan ta'e.

[34] Gardaafoon isaa gara oobdii isa alaatti gara galee jira; cinaacha tuggeewwan isaa lamaanuu irratti mukti meexxii gar-lachanuun miidhagfamee jira; karaan ittiin ol yaaban immoo buusaa saddeet qaba.

[35] Ergasii immoo inni gara karra isa gara bitaatti na geessee, karra sana in safare; guddinni isaas kan warra kaanii wajjin wal qixxee ture.

[36] Guddinni kutaawwan manaa, kan tuggeewwan isaa fi kan gardaafoo isaas kan warra kaanii wajjin wal qixxee ture; naannoo karrichaa fi gardaafoo isaatti qaawwan jiru turan; hojjaan isaa dhundhuma shantama, bal'inni isaas dhundhuma digdamii shan ta'e.

[37] Gardaafoon isaa gara oobdii isa alaatti gara galee jira; cinaacha tuggeewwan isaa lamaanuu irratti mukti meexxii gar-lachanuun miidhagfamee jira; karaan ittiin ol yaaban immoo buusaa saddeet qaba.

[38] Kutaan manaa balballi isaa gara gardaafoo karra sanaatti ba'u tokkos jira ture; inni lafa aarsaan gubamu itti dhiqamuu dha.

[39] Gardaafoo karra sanaa keessas garasii fi garanaan, gabatoonni lama lama warri qalmi gubamu, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu, aarsaan sababii yakkaatiif dhi'aatus irratti qalaman jiru.

[40] Karaa bukkee gara dugda duubaatiin gara balbala karra isa gara bitaatti yeroo ol ba'an immoo gabatoota lamatu jira; akkasumas fuullee karaa gara gardaafoo sanaatti ol ba'aniin gabatoota lamatu jira.

[41] Gabatoonni isaan qalma isaanii irratti qalan bukkee karra sanaa garanaan afur, garasiinis afur, walumatti gabatoota saddeetitu achi jira.

[42] Gabatoonni afur immoo qalmi gubamu akka irratti dhi'aatuuf dhagaa soofamaa irraa hojjetaman; dheerinni isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, bal'inni isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, hojjaan isaaniis dhundhuma tokko ture; akkasumas mi'a ittiin qalma gubamuu fi qalma aarfamu, warra kaanis ittiin qalan achuma irra in kaa'u turan.

[43] Hokkoowwan mataa lama lamaa hojjaan isaanii hamma bal'ina harkaa kan ta'u manicha keessaan naanna'anii itti fayyifamanii jiru; gabatoota sana irra immoo foon aarsaatu kaa'ama ture.

[44] Karra isa gara keessaa duubaan, oobdii isa keessaa sana keessa immoo, warra faarfatootaaf kutaawwan manaa lama turan; inni tokko karra isa gara bitaa bukkeedhaan gara mirgaatti gara galee, inni kaanis karra isa gara mirgaa bukkeedhaan gara bitaatti gara galee ture.

[45] Namichi,“Kutaan manaa inni gara mirgaatti gara galee jiru kun kan luboota warra eegumsi mana qulqullummaa itti kennamee ti;

[46] kutaan manaa inni gara bitaatti gara galee jiru immoo kan luboota warra eegumsi iddoo aarsaa itti kennamee ti; isaan kun ilmaan Zaadoq, warra ilmaan Lewwii keessaa Waaqayyoof hojjechuudhaaf gara isaatti dhi'aatanii dha” naan jedhe.

[47] Kana booddee immoo oobdii sana in safare; dheerinni oobdichaa dhundhuma dhibba, bal'inni isaas dhundhuma dhibba, cinaachi isaa arfanuu wal qixxee ture; iddoon aarsaas manicha qulqullummaa sana dura ture.

[48] Namichi ammoo gara gardaafoo mana qulqullummaatti na geessee, utubaa gardaafoo sanaa adduma addaan yommuu safare, cinaacha gara lachuutiin dhundhuma shan shan ta'e; bal'inni karra sanaas garanaan dhundhuma sadii, garasiinis dhundhuma sadii ture.

[49] Dheerinni gardaafoo sanaa dhundhuma digdama, bal'inni isaas buusaa isuma ittiin ol yaabbatanii wajjin dhundhuma kudha tokko ture; tuggeewwan sana bukkeedhaan immoo utubaan tokko garanaan, tokkos garasiin ture.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters