Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:13

[1] Yaa mucaa namaa! Ati tulloota Israa'elitti raajii dubbadhuu,“Yaa tulloota Israa'el dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!”

[2] Waaqayyo gooftaan, diinonni waa'ee keef“Baga iddoon ol ka'aan inni durii sun kan keenya ta'e!” jedhu.

[3] Kanaaf raajii dubbadhuu,“Waaqayyo gooftaan,“Isin waan ontaniif karaa hundumaanis waan caccabdaniif saba warra kaaniifis qabeenya waan taataniif, namoonni waa'ee keessan odeessanii isin in hamatu?.

[4] Kanaafis yaa tulloota Israa'el dubbii ana Waaqayyo gooftaa dhaga'aa! Ani Waaqayyo gooftaan,“Tullootaa fi gaarotatti, lagootaa fi dachootatti, mandaroota jiganii onanitti, warra saamamanitti, warra sabni naannoo isaanii jiran itti ga'isanittis nan dubbadha?;

[5] ani Waaqayyo gooftaan,“Hinaaffaa koo isa gubaadhaan saba warra kaan irratti, Edoom irrattis nan dubbadha; isaan garaa isaanii keessatti gammaduudhaan, ceephoodhaanis biyya koo saamanii fudhatanii, lafa horiin dheedus kan isaanii in godhatan” nan jedha” jedhi!

[6] Kanaaf ati waa'ee biyya Israa'el, tulloota ishee fi gaarota isheetti, lagoota ishee fi dachoota isheetti raajii dubbadhu!“Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ati yeelloo saba warra kaanii waan baatteef ani aaree hinaafeera” jedha” jedhi!

[7] Waaqayyo gooftaan,“Sabni naannoo kee jiranis akka yeella'an ani harka koo ol fuudhee kakadheera.

[8] “Yaa tulloota Israa'el!“Isin garuu damee in baaftu, saba koo saba Israa'eliifis ija in godhattu, isaanis dafanii in dhufu.

[9] Kunoo! Ani fuula gara keessanitti deebifadhee faara isinitti toleera, isin in qotamtu sanyiinis isin irra in facaafama;

[10] ani namoota guutummaa mana Israa'el isin irratti nan baay'isa, mandaroota keessas namni in jiraata, warri diigamanis deebi'anii in ijaaramu;

[11] ani namoonnii fi horiin isin irratti akka baay'atan nan godha; isaanis wal horanii in baay'atu; akkuma dur namoonni isin irra turan, akkasuma ammas namoota isin irra nan teessisa, isa durii caalaas waan gaarii isiniif nan godha?; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu.

[12] Namoonni Israa'el warri saba koo ta'an isin irra akka adeeman nan godha; isaan isin in qabatu, isinis dhaala isaanii in taatu; si'achi ijoolleen isaanii duraa fudhatamuun itti hin baay'atu” jedha.

[13] Waaqayyo gooftaan,“Namoonni isiniin,“Isin nama in nyaattu saba keessanis ijoollee malee in hambiftu” waan jedhaniif,

[14] isin si'achi nama hin nyaattan, saba keessanis ijoollee malee hin hambiftan; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.

[15] Ani si'achi ga'oo saba warra kaanii isin hin dhageessisu, isin si'achi deebitanii ceephoo namootaa hin baattan; sabni keessanis akka kufu hin gootan” jedha; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

[16] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[17] “Yaa mucaa namaa! Namoonni Israa'el biyya isaanii keessa yommuu turan karaa isaaniitii fi gocha isaaniitiin isa xureessaniiru; karaan isaanii ana duratti akkuma xurii dubartii garaa dhukkubbii qabduu ture;

[18] isaan biyya sana keessatti dhiiga waan dhangalaasaniif, waaqayyolii tolfamoo isaaniitiinis waan isa xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaase;

[19] ani saba warra kaan gidduu isaan nan tamsaase, isaanis biyya keessa in faca'an; ani akka karaa isaanii fi akka gocha isaaniitti isaanitti nan farade;

[20] biyya saba warra kaanii yommuu dhaqan namoonni,“Isaan kun namoota Waaqayyoo, warra biyya isaa keessaa ba'anii dha” waan isaaniin jedhaniif, iddoodhuma dhaqanitti maqaa koo isa qulqulluu in xureessan.

[21] Ani garuu isa namoonni Israa'el saba warra kaan gidduu yommuu dhaqan maqaa koo isa qulqulluu xureessan sanaaf nan gadda” jedhe.

[22] Kanaaf ati mana Israa'eliin,“Waaqayyo gooftaan,“Ani wantan gochuuf jiru kana maqaa koo isa qulqulluu, isa ati saba warra kaan gidduutti xureessiteef jedhee malee, siif jedheen godha miti, yaa mana Israa'el!

[23] Ani maqaa koo isa guddaa isa saba warra kaan gidduutti xuraa'e, isa isin isaan gidduutti xureessitan sana nan qulqulleessa; ani qulqulluu ta'uu koo karaa keessan yommuun isaanitti argisiisu, sabni warri kaan ani Waaqayyo akkan ta'e in beeku” jedhe, ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.

[24] “Ani saba warra kaan gidduudhaa isin nan fuudha; biyya hundumaa keessaas walitti isin nan qaba, biyya keessanittis isin nan galcha;

[25] ani bishaan taliila isinitti nan facaasa, isinis in qullooftu; ani xuraa'ummaa keessanii fi waaqayyolii tolfamoo keessan hundumaattii isin nan qulleessa;

[26] ani garaa haaraa isiniif nan kenna, hafuura haaraas isin keessa nan kaa'a; ani garaa isa akka dhagaa sana isin keessaa nan baasa, garaa isa akka fooniis isiniif nan kenna;

[27] ani hafuura koo isin keessa nan kaa'a, isin akka seerrata kootti akka adeemtaniif, wanta qajeelaa ta'es gaarii gootanii akka eegdan isin nan godha.

[28] Biyya isa ani abboota keessaniif kenne keessas in jiraattu; isin saba koo in taatu, ani immoo Waaqayyo keessan nan ta'a;

[29] ani xuraa'ummaa keessan hundumaa keessaa isin nan baasa; ani midhaan nan waama, akka inni baay'atus nan godha; beelas isinitti hin fidu;

[30] isin si'achi sababii beelaatiif saba warra kaan gidduutti akka hin yeellaanetti, ani ija mukkeetii fi midhaan maasii keessaa nan baay'isa;

[31] yommus isin karaa keessan isa hamaadhaa fi hojii keessan isa jal'aa in yaadattu, yakka keessanii fi hojii keessan isa ciigga'amaa yommuu argitan isin of in jibbitu.

[32] Ani kana isiniif jedhee akkan hin goone beekaa, yaa namoota Israa'el! Karaa keessaniif qaana'aa, yeella'aas!” jedhi! Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

[33] Waaqayyo gooftaan,“Gaafa ani yakka keessan hundumaattii isin qulleessu, mandaroota keessan keessa namni akka jiraatu nan godha, inni diigames deebi'ee in ijaarama;

[34] lafti inni onaan deebi'ee in qotama, warri karaa darbanis si'achi onaa ta'ee hin argan;

[35] isaanis,“Lafti inni onaa ture kun iddoo dhaabaa Eden in fakkaata; mandaroonni diigamanii, onanii balleeffamaniis turan; amma kunoo, dallaan itti ijaarameera, namnis isaan keessa in jiraata!” in jedhu.

[36] Yommus sabni warri naannoo keessanitti hafan sun ani Waaqayyo isa diigame akkan ijaare, isa onee tures akkan deebisee dhaabe in beeku; ani Waaqayyo kana dubbadheera, nan godhas immoo” jedha.

[37] Waaqayyo gooftaan,“Ani ammas wanta namoonni Israa'el na kadhatan tokko nan godhaaf; ani namoota isaanii akka karra hoolotaa nan baay'isaaf;

[38] akkuma yeroo ayyaana beekamaatti karri bushaayee aarsaadhaaf qophaa'an Yerusaalemin guutan akkasuma namoonni baay'een mandaroota warra diigamanii turan keessa in guutu; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedha.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters