Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:38

[1] Kana booddee namichi gara balbala mana qulqullummaatti deebisee na fide; manni qulqullummaa gara ba'a-biiftuutti gara galee waan jiruuf, buusaa balbala mana qulqullummaa sana jalaa bishaan burqee gara ba'a-biiftuutti utuu yaa'uu nan arge; bishaanichis iddoo aarsaa irraa harka mirgaa, cinaacha mana qulqullummaa isa gara mirgaa jalaa in yaa'a ture.

[2] Ergasii immoo karaa karra gara bitaa gad na baasee, dugda duubaan gara karra isa duubaa isa gara ba'a-biiftuutti gara galutti na geesse; bishaanichis karaa gara mirgaa irra alatti in yaa'a ture.

[3] Namichi ulee safaraa isaa of harkatti qabatee yeroo gara ba'a-biiftuutti ba'e, dhundhuma kuma tokko in safare; ana immoo bishaanicha isa gulubii ga'u sana keessa na adeemsise.

[4] Dhundhuma kuma tokko immoo safaree, bishaanicha keessa na adeemsise; bishaanichis jilba in ga'a ture; ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaanicha keessa na adeemsise; bishaanichis mudhii in ga'a ture.

[5] Itti dabalees dhundhuma kuma tokko in safare; bishaanichis ol ka'ee, kan namni daakaadhaan malee ce'uu hin dandeenye waan ta'eef, anis keessa adeemee ce'uu hin dandeenye.

[6] Namichi immoo,“Yaa mucaa namaa! Ati kana argiteettaa?” naan jedhe. Kana booddee qarqara bishaanichaa irra deebisee na geesse.

[7] Utuun deebi'aa jiruus qarqara bishaanichaa garanaa fi garasiin mukkeetii sonaan baay'ee nan arge.

[8] Ergasii namichi,“Bishaan kun gara kutaa biyya gara ba'a-biiftuutti yaa'ee, gara Arabaayitti gad jal'atee galaanatti in gala; yeroo inni galaanichatti nam'us bishaan galaanichaa in haara'a.

[9] Lafa bishaanichi ga'e hundumaas uumamni lubbuu qabaatee totocho'u hundinuu in jiraata; bishaan kun, bishaanota galaanichaatti galee waan haaressuuf achitti qurxummiin sonaan baay'een in argamu; kanaaf lafuma bishaanichi ga'u wanti hundinuu in jiraata.

[10] Warri qurxummii qaban qarqara isaa irra in ijaajju; En-Gediidhaa hamma En-Eglaayimitti iddoo itti kiyyoo diriirsanii qoorfatan in ta'a; qurxummiin isaa immoo akka qurxummii galaana guddichaa gosi isaa sonaan baay'ee dha.

[11] Dhaqdhaqiin isaa fi kuufamni isaa garuu soogidda ta'u malee, hin haareffaman!

[12] Qarqara lagichaa garasii fi garanaan mukti iji isaa nyaatamu akaakuun garaa garaa jira; bishaan lagichaa iddoo qulqullaa'aa keessaa waan ba'uuf mukkeetiin sun baalli isaanii hin harca'u, ji'a ji'aanis ija in godhatu malee hin dhaban; iji isaanii nyaataaf baalli isaanii immoo qorichaaf in ta'a” naan jedhe.

[13] Waaqayyo gooftaan,“Daariin isin biyyicha akka gosa Israa'el kudha lamaaniitti dhaala gootanii ittiin hirmaattan akka kanatti fufee jiru in ta'a; Yoseef qooda lama haa qabaatu!

[14] Biyya kana abboota keessaniif kennuudhaaf harka koo ol fuudhee waanan kakadheef, biyyi kun dhaala keessan ta'ee isiniif haa hiramu; isinis isa tokkoof akkuma isa kaaniitti wal qixxeetti hiraaf!

[15] “Egaa daariin biyyichaa akka kanatti aanu haa ta'u! Karaa gara bitaa, galaana guddicha irraa ka'ee karaa Hetloon hamma karra Haamaatitti, darbees hamma Zedaaditti,

[16] Berootaa, Siibraayim isa daarii Damaasqoo fi daarii Haamaat gidduu, Haazer-Hatiikon isa karaa daarii Hawuraan;

[17] akkasitti daariin isaa galaanicha irraa hamma Hazar-Enon isa daarii Damaasqoo gara bitaa akkasumas gara bitaatiin hamma daarii Haamaatitti in ta'a; kun daarii biyyichaa isa gara bitaa ti.

[18] “Karaa gara ba'a-biiftuu immoo daariin isaa Hawuraanii fi Damaasqoo gidduu ba'ee, Yordaanosin dha'atee Giil'aadii fi biyya Israa'el gidduudhaan, hamma galaana ba'a-biiftuu fi hamma Taamaaritti in adeema; daariin isaa karaa gara ba'a-biiftuu isa kana.

[19] “Karaa gara mirgaa Taamaarii ka'ee, hamma bishaan Mariibaa-Qaadeshitti, darbees karaa laga Gibxii hamma galaana guddichaatti in adeema; daariin isaa karaa gara mirgaa isa kana.

[20] “Gara lixa-biiftuutiin immoo hamma fuullee karra Haamaat sanaatti galaanni guddichi daarii isaa in ta'a; daariin isaa karaa gara lixa-biiftuu isa kana.

[21] “Isin gosoonni Israa'el akkasitti biyya kana hirmaadhaa!

[22] Isin ofii keessaniif, warra orma biyya keessanitti galanii isin gidduutti ijoollee godhataniifis, dhaala godhaatii buufata mukaatiin hiraa! Isaan akkuma ijoollee Israa'el warra dhaloota biyyaa haa ta'an, gosa Israa'el gidduudhaas buufata mukaatiin dhaala haa hirmaatan!

[23] Namni galaan sun gosa kam keessa iyyuu yoo jiraate, isin dhaala isaa achumaa kennaafii!” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters