[1] Inni yommus,“Yaa mucaa namaa! Ati miilla keetiin dhaabadhu, ani sittan dubbadha” naan jedhe;
[2] yommuu inni anatti dubbates, hafuurri anatti galee miilla kootiin na dhaabachiisee, utuu anatti dubbatuu nan dhaga'e.
[3] Inni,“Yaa mucaa namaa! Ani gara Israa'eloota warra boqu-jaboota ana irratti ka'anitti sin erga; abboonni isaanii fi isaan hamma har'aatti iyyuu ana irratti cubbuu hojjechaa jiru.
[4] Sabni ani itti si ergu kun warra nyaara badanii fi warra mata-jabeeyyii dha; ati immoo “Waaqayyo gooftaan akkana jedha” jedhiin;
[5] isaan yoo dhaga'an, yoo dhaga'uu dhabaatanis mana warra didanii ka'anii ti; raajiin isaan gidduu akka tures in beeku.
[6] Ati garuu yaa mucaa namaa! Wanti namatti hin tollee fi qoraattiin sitti naanna'anii jiru yoo ta'e illee, torbaanqabaa gidduu yoo jiraattes, isaan hin sodaatin, dubbii isaaniis hin sodaatin! Isaanoo mana warra didanii ka'anii tii, dubbii isaanii, isaanis hin sodaatin!
[7] Isaan warra didanii ka'anii dha, yoo dhaga'an, yoo dhaga'uu dhabaatanis ati dubbii koo isaanitti dubbadhu!
[8] Ati garuu yaa mucaa namaa! Wanta ani sitti himu dhaga'i! Akka mana warra didanii ka'an sanaa hin didin! Afaan kee banii wanta ani siif kennu nyaadhu!” jedhe.
[9] Ani yommuun mil'adhe harki tokko utuu anatti hiixatuu nan arge; harkicha keessas macaafni maramu tokko ture;
[10] inni macaaficha ana duratti in diriirse; isa irratti keessaa fi duubaan boo'ichi, gaddi, wawwaannaanis caafamanii jiru.