Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:55

[1] Ammas Waaqayyo,“Yaa mucaa namaa! Ati billaa qara qabeessa fudhadhuutii akka qarabaatti ittiin mataa kee fi areeda kee haaddadhu! Rifeensichas madaalii fudhadhuutii safarii gargar hiri!

[2] Yommuu guyyaan marfamuu sun raawwatamu, rifeensicha harka sadii keessaa harka tokko mandarattii walakkaatti ibiddaan gubi, harka tokkos mandarattii naannessii billaadhaan rukuti, harka tokkos qilleensa keessa bittimsi! Anis isaan duubaan billaa nan luqqifadha.

[3] Rifeensicha irraas muraasa fuudhiitii fiixee wayyaa keetti hidhi!

[4] Ammas muraasa fuudhiitii ibidda keessa buusii gubi! Isa keessaas guutummaa mana Israa'elitti ibiddi in ka'a” jedhe.

[5] Waaqayyo gooftaan,“Kun Yerusaalem ishee ani saba lafa irraa gidduu kaa'ee dha; biyyi isaaniis isheetti naanna'ee jira.

[6] Isheen wanta na duratti qajeelaa ta'e tuffattee, seerrata koo duukaas waan hin bu'iniif, saba lafa irraa caalaatti wanta na duratti qajeelaa ta'e in xureessite; biyya garaa garaa naannoo ishee jiran caalaattis jal'inaan seerrata koo irratti in kaate” jedhe.

[7] Waaqayyo gooftaan,“Kanaafis isin saba lafa irraa warra naannoo keessan jiran hundumaa caalaatti diddanii in kaatan, isin seerrata koo duukaa hin buune, wanta ana duratti qajeelaa ta'es hin eegne; isin wanta saba lafa irraa warra naannoo keessan jiran duratti qajeelaa ta'e iyyuu hin goone” jedhe.

[8] Waaqayyo gooftaan,“Kunoo ani si irratti nan ka'a; utuma sabni lafa irraa ilaaluu adaba si irratti nan raawwadha.

[9] Hojii kee isa ciiggaasisaadhaaf jedhee wanta ani kanaan dura hojjedhee hin beekne, si'achis deebi'ee hin hojjenne si irratti nan hojjedha.

[10] Kanaafis si keessatti abboonni ijoollee isaanii, ijoolleenis abboota isaanii in nyaatu; ani firdii si irratti nan raawwadha; si keessaa warra hafan immoo guutummaatti golee qilleensaa hundumaatti nan bittimsa” jedhe.

[11] Egaa Waaqayyo gooftaan “Ani jiraataa dha! Sababii ati waaqayyolii tolfamoo keetiin, wanta ciiggaasisaa hojjechuu keetiinis mana qulqullummaa koo xureessiteef, ani faara koo si irraa nan deebisa, iji koos siif hin oo'u, si hin oolchus.

[12] Namoota kee keessaa harki sadaffaan dha'ichaan in du'a, beelaanis in dhuma; harki sadaffaan dallaa kee duubatti billaadhaan in ajjeefama; harka sadaffaas golee qilleensa hundumaatti nan bittimsa; anis isaan duubaan billaa nan luqqifadha.

[13] Akkasittis dheekkamsi koo in raawwatama, anis aarii isaanitti ba'ee garaa nan ciibsadha; yommuu aariin koo isaan irratti raawwatamus, ani Waaqayyo hinaaffaa kootiin akkan dubbadhe in beeku.

[14] Ati saba lafa irraa warra naannoo kee jiran gidduutti, ija warra achiin darban hundumaa durattis akka diigamtu, muka ga'oos akka taatu nan godha” jedhe.

[15] Waaqayyo,“Yommuu ani dheekkamsaan, aariidhaan, ifata jabaadhaan firdii raawwadhu, ati saba lafa irraa warra naannoo kee jiran hundumaa duratti arrabsoodhaa fi muka ga'oo, wanta ilaalanii of eeggatan, wanta rifachiisus in taata.

[16] Yommuu ani isin balleessuudhaaf xiyya beelaa isa hamaa isinitti gad dhiisu, beelas daddabalee isinitti fidu, midhaan isin irraa nan kuta.

[17] Ani beelaa fi bineensa hamaa isinitti nan erga, isaanis ijoollee keessan isin harkaa in butatu; dha'ichi, dhiiga dhangalaasuunis isin gidduu in adeema; anis billaa isinitti nan fida, ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters