[1] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Tiksoota Israa'el irratti raajii dubbadhu! Raajii dubbadhuu wanta Waaqayyo gooftaan jedhu isaanitti himi!“Tiksoota Israa'el warra ofuma isaanii duwwaa sooraniif wayyoo! Tiksoonni hoolota eeguun irra hin turree ree”
[3] Isin cooma in nyaattu, uffata rifeensa irraa hojjetames in uffattu; warra coomanis in qalattu; garuu hoolota immoo hin soortan;
[4] isin warra dadhaboota hin jabeessine, warra dhukkubsatanis hin fayyifne; warra caban hin wal'aanne; warra karaa irraa ce'anii badanis barbaaddanii hin deebifne; isin humnaan gara-jabinaanis isaan irratti in mootan.
[5] Isaanis sababii tiksee dhabaniif tamsa'anii, bineensa daggalaa hundumaaf nyaata ta'an;
[6] hoolonni koo tulloota hundumaa irra, gaara ol jedhaa hundumaa irra in tamsa'an; irra lafaa hundumaa irras in faca'an; namni tokko illee isaan hin ilaalle, isaanis hin barbaanne” jedha” jedhi!
[7] Kanaaf isin tiksoota nana dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!
[8] Ani jiraataa dha! jedha Waaqayyo gooftaan, hoolonni koo tiksee waan hin qabneef, tiksoonnis waan isaan hin eeginiif, hoolonni koo saamamanii bineensota caakkaa hundumaaf nyaata ta'an; tiksoonnis ofii isaanii sooran malee, hoolota koo hin soorre;
[9] kanaaf isin tiksoota nana, dubbii Waaqayyo dhaga'aa!
[10] Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ani tiksoota irratti nan ka'a, hoolota koos harka isaanii keessaa nan barbaada; si'achis hoolotaa fi tiksoota akka isaan hin taane nan godha; tiksoonni sun si'achi ofii isaanii akka hin soorre nan godha; ani hoolota koo afaan isaanii keessaa nan baasa, si'achis nyaata isaaniif hin ta'an!” jedha.
[11] Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ani ofii kootii hoolota koo nan barbaada, isaanis nan eega;
[12] akkuma tikseen yommuu bira jiru hoolota isaa warra tamsa'an eegu, akkasuma ani hoolota koo nan eega; guyyaa duumessaa fi guyyaa dukkanaatti iddoo isaan itti tamsa'anii turan hundumaatii baasee isaan nan fida;
[13] ani saba keessaa isaan nan fida, biyya keessaas isaan walitti nan qaba; ani biyya isaaniitti isaan nan galcha, tulloota Israa'eli irrattis isaan nan bobbaasa; laga keessatti, biyya namni keessa jiraatu hundumaa keessattis isaan nan soora.
[14] Marga gaarii keessas isaan nan tiksa, tulloonni Israa'elis iddoo dheedumsa isaanii in ta'u; achitti isaan marga gaarii keessa in cicciisu, tulloota Israa'el hundumaa gubbaadhaa marga coomsu in argatu.
[15] Ani hoolota koo nan tiksa, ani isaan nan boqochiisa; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.
[16] Ani isa bade nan barbaada, isa karaa irraa ce'es deebisee nan fida, isa cabe nan wal'aana, isa dadhabaa nan jabeessa, isa coomaa fi isa jabaa immoo nan balleessa; firdii qajeelaadhaanis isaan nan tiksa” jedhe.
[17] Waaqayyo gooftaan,“Kunoo! Ani isin hoolota koo gidduutti, korbeeyyii hoolaa fi korbeeyyii reettii gidduuttis nan farada;
[18] isin marga isa gaarii dheeduun isinitti xinnaannaan isa hafe immoo miillaan lafatti dhidhiittuu” Bishaan qulqulluus dhuguun isinitti xinnaannaan isa hafe immoo miillaan keessa ejjettanii booressituu ree”
[19] Hoolonni koo immoo isa isin miilla keessaniin lafatti dhidhiittan in dheedu, isa isin miilla keessaniin keessa ejjettanii booressitanis in dhugu” jedha.
[20] Kanaaf Waaqayyo gooftaan isaaniin,“Kunoo! Ani ofii kootii hoolota warra coccoomoo fi warra huqqatoo gidduutti nan farada;
[21] sababii isin cinaachaa fi gatiittiidhaan isaan darbattanii, warra dadhaboota hundumaas gaanfa keessaniin jifattanii ala isaan baaftaniif,
[22] ani immoo hoolota koo nan oolcha, deebi'aniis hin qabaman; ani hoolotaa fi hoolota gidduutti nan farada;
[23] ani tiksee biraa tokko isaaniif nan kaasa; garbichi koo Daawit tiksee isaaniif in ta'a, isaan in sooras.
[24] Ani Waaqayyo gooftaa isaaniif nan ta'a; garbichi koo Daawit immoo dura-buutuu isaaniif in ta'a; ani Waaqayyo kana dubbadheera.
[25] “Ani isaaniif kakuu nagaa nan gala, bineensota caakkaas biyyicha keessaa nan baasa; isaan lafa onaa keessa sodaa malee in jiraatu, bir'aa malees caakkaa keessa in rafu.
[26] Ani yommus isaan nan eebbisa, iddoo naannoo gaara koo jiru sanas nan eebbisa; ani yeroo isaatti tiifuu nan roobsa, innis tiifuu eebbaa in ta'a.
[27] Mukkeetiin maasii keessaa ija in godhatu, laftis midhaan in baasa; sabnis biyyicha keessa bir'aa malee in taa'a; ani lolosoo waanjoo isaanii caccabsee warra garba isaan godhate harkaa yommuun isaan baasu, ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku;
[28] sabni lafa irraa si'achi isaan hin qabatu, bineensonni caakkaa keessaas si'achi isaan hin nyaatan; bir'aa malee in jiraatu, wanti tokko illee isaan hin naasisu.
[29] Isaan biyyicha keessatti beelaan dhumanii sabni lafa irraa akka isaanitti hin ga'ifnetti, ani iddoo dhaabaa isa midhaan baasuutti beekamu isaaniif nan kenna;
[30] yommus ani Waaqayyo gooftaan isaanii isaanii wajjin akkan jiru, manni Israa'elis ofii isaatii saba koo akka ta'e isaan in beeku; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.
[31] Isin hoolota koo ti, hoolota koo warra ani tiksuu dha; isin namoota koo ti, ani immoo Waaqayyo keessan; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera” jedhe.