[1] Kana booddee namichi gara bitaatti gad na baasee oobdii isa gara duubaatti na fidee, kutaa manaa isa fuullee oobdii mana qulqullummaa fi fuullee ijaarsa isa gara bitaa sanaatti na geesse.
[2] Dheerinni ijaarsa sanaa karaa fuul duraa dhundhuma dhibba tokko, bal'inni isaa karaa balbala gara bitaatiin dhundhuma shantama ture.
[3] Isa dhundhuma digdamaa gamaan gara oobdii isa keessaatti, fuullee buusaa dhagaa gara oobdii isa duubaatti seqqoo sadanuutti golee xixinnoon walitti gara gaggalanii jiru.
[4] Fuula kutaawwan manaa dura karaan gara keessaatti dabarsu, dhundhuma kudhan bal'atee dhundhuma dhibba tokko dheeratu tokko ture; balbaloonni kutaawwan mana sanaa gara bitaatti in ba'u turan.
[5] Ijaarsa sana keessatti golee xixinnoon, kutaawwan manaa warra gara gadii fi warra gidduu caalaa warra gara olii irraa iddoo waan kukkutaniif, kutaawwan manaa warri gara olii jiran dhidhiphoo ta'an.
[6] Kutaawwan manaa warri seqqoo sadaffaa irraa akka oobdii isa gara duubaa utuboota hin qaban; kanaaf keessi kutaawwan sanaa kan warra gara gadii fi kan warra gidduu caalaa in xixxinaatu.
[7] Keenyan tokko immoo karaa bakkee kutaawwan manaa fi oobdii gara duubaa sana maddiidhaan ture; innis kutaawwan manaa sana fuula duraan dhundhuma shantama in dheerata.
[8] Dheerinni kutaawwan manaa warri oobdii isa gara duubaatti aanan, bukkee sanaan dhundhuma shantama yommuu ta'u, dheerinni kan warra bukkee gara mana qulqullummaatti dhi'aatanii immoo dhundhuma dhibba tokko ta'a.
[9] Karaa namni oobdii isa gara duubaatiin ol lixuun, kutaawwan manaa warri gad aanan gara lixa-biiftuutiin balbala tokko qabu.
[10] Karaa gara ba'a-biiftuu dheerina keenyan oobdii isa gara duubaa oobdii mana qulqullummaatti aananii, fuullee keenyan isa duubaa sanaan kutaawwan manaa turan.
[11] Fuula isaanii dura karaan keessa darban jira; kutaawwan manaa kun akkuma kutaawwan manaa warra gara bitaa jiranii ti; dheerinni isaanii, bal'inni isaanii, karaan gad ba'an, akki isaan itti ijaaraman, balbaloonni isaaniis waluma fakkaatu.
[12] Balbaloonni kutaawwan manaa warra gara mirgaa immoo, jalqaba karaa keessa darban isa keenyan sana dura qajeelee gara ba'a-biiftuutti geessu gamni tokkoon karra kutaa manaa sanatti nama galchu tokko qabu.
[13] Namichi anatti dubbatee,“Kutaawwan manaa warri gara bitaa fi warri gara mirgaa warri fuullee oobdii jiran sun kutaawwan manaa qulqullaa'oo dha; luboonni warri gara Waaqayyootti dhi'aatan kennaa wanta hundumaa irra qulqullaa'aa ta'e achitti in nyaatu; iddoon sun qulqullaa'aa waan ta'eefis, kennaa wanta hundumaa irra qulqullaa'aa ta'e, kennaa midhaanii, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatus achi in kaa'u.
[14] Luboonni iddoo qulqullaa'aa yommuu lixan uffanni isaan ittiin achi keessatti hojjetan qulqullaa'aa waan ta'eef, uffaticha of irraa baasanii utuu hin kaa'in, achi keessaa gara oobdii isa alaatti gad hin ba'in; isaan gara iddoo namoota warra kaaniitti utuu gad hin ba'in, uffata kan biraa uffachuun isaan irra jira” jedhe.
[15] Namichi manicha qulqullummaa karaa keessaa safaree erga fixee, karaa karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galuu gad na baasee, naannoo sanas in safare.
[16] Inni cinaacha isaa gara ba'a-biiftuutiin ulee safaraa sana dhibba shan in safare.
[17] Akkasumas gara galee gara bitaatiin ulee safaraa sana dhibba shan in safare.
[18] Kana booddees gara galee gara mirgaatiin dhundhuma dhibba shan ulee safaraatiin in safare.
[19] Booddee immoo gara gara lixa-biiftuutiin gara galee ulee safaraa sana dhibba shan in safare.
[20] Akkasitti naannoo sana gara arfanuutiin in safare; iddoon sun isa qulqullaa'aa isa hin qulqullaa'inittii gargar baasuudhaaf naanna'ee dallaa dheerinni isaa dhundhuma dhibba shanii, bal'inni isaas dhundhuma dhibba shanii qaba ture.