[1] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Wanta Waaqayyo gooftaan jedhu geggeessituu Xiirositti dubbadhu, ati garaan kee waan kooreef“Ani Waaqayyoo dha, ani teessoo Waaqayyoo irra garaa galaanaa keessas nan taa'a” in jetta; ati illee Waaqayyo isa ogeessa of seeta, ati garuu namuma malee, Waaqayyo miti.
[3] “Ati dhuguma Daani'el caalaa ogeessaa ree” Wanti tokko iyyuu si duraa hin dhokannee”
[4] Ogummaa kee fi hubachuu keetiin, badhaadhummaa argatteetta, warqeedhaa fi meetiis lafa qabeenyi kee taa'u keessatti walitti qabatteetta;
[5] nagada waan baay'ee beektuuf badhaadhummaa baay'ifteetta; badhaadhummaa kee irraa kan ka'es garaan kee kooreera” jedhe.
[6] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Ati Waaqayyo isa ogeessa waan of seetuuf,
[7] ani immoo kunoo, orma, saba isa baay'ee gara-jabeessa billaa isaa miidhagummaa kee fi ogummaa kee irratti luqqifatee, ulfina kee isa calaqqisaa xureessu si irratti nan fida;
[8] isaan boolla keessa si buusu, ati garaa galaanaa keessatti du'a gadhee in duuta;
[9] ati warra si ajjeesan kana duratti amma iyyuu“Ani Waaqayyoo dha” in jettaa ree” Ati harka warra si ajjeesanii keessatti namuma malee, Waaqayyo miti.
[10] Ati harka ormaa keessatti du'a nama dhagna hin qabatinii in duuta” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
[11] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[12] “Yaa mucaa namaa! Waa'ee mootii Xiirosiif wawwaadhu, Waaqayyo gooftaan, “Ati fakkeenya guutummaatti, ogummaadhaa fi miidhagummaadhaan guutteetta.
[13] Ati iddoo dhaabaa Waaqayyoo isa Eden jiru keessa turte; dhagoonni gati-jabeeyyiin hundinuu, Saardiiyon, Tophaaziyon, Yaasphis, Krisoliixos, Sardoniikis, Beerilos, Safiiros, Kaarbunkil, Simaaragidosis si miidhagsu turan; wanti sitti naqamee fi sitti maxxanfame hundinuu warqee irraa hojjetame; isaanis yommuu ati uumamte qopheeffaman.
[14] Ani akka Kiruub eegduu isa dibamaatti sin dhaabe, ati tulluu koo isa qulqullaa'aa irra in teesse, ati dhagaa ibiddaa gidduus in deddeebita turte;
[15] ati gaafa uumamtee jalqabdee, hamma jal'inni si irratti argamutti, adeemsa keetti mudaa hin qabdu turte.
[16] Garuu ati sababii nagadi kee guddaa bal'ateef, jal'inni si keessa guute, cubbuus hojjette; kanaaf ani tulluu Waaqayyoo irraa akka wanta xuraa'aatti gad si darbadhee si balleesse. Yaa isa akka Kiruub eegdichaa! Dhagaa ibiddaa sana gidduudhaas sin baase.
[17] Sababii miidhagummaa keetiif garaan kee in koore, sababii simboo keetiifis ogummaa kee in balleessite; kanaaf ani lafatti gad si darbadhee, mootonni akka si ilaalan godhe;
[18] ati yakka kee isa baay'eedhaan, nagada kee isa jal'aadhaanis, iddoo qulqullaa'aa isa kan keetii in xureessite; kanaafan ibiddi si keessaa ba'ee, akka si fixu godhe, warra si ilaalan durattis, akka ati daaraa taatee lafatti dabalamtu nan godhe.
[19] Warri si beekan hundinuu waa'ee keef in gaddu, ati dhuma nama sodaachisu bira geesseetta, deebitees hamma bara baraatti hin argamtu” jedha” jedhe.
[20] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[21] “Yaa mucaa namaa! Ati fuula kee gara Sidoonitti gara galchii ishee irratti raajii dubbadhu!
[22] Waaqayyo gooftaan, “Kunoo! Ani si irratti ka'eera, ani si keessatti ulfina nan argadha yaa Sidoon! Ani ishee irratti firdii raawwadhee, qulqulluu akkan ta'e yommuun mul'isu, ani Waaqayyo akkan ta'e namoonni ishee in beeku.
[23] Ani dha'icha ishee irratti nan erga, karaa ishee irrattis dhiigni akka dhangala'u nan godha, ishee keessatti billaa isa karaa hundumaan isheetti dhufuun rukutamanii in kufu; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku.
[24] “ ‘Si'achi olloonni warri mana Israa'el jibbanii akka baalaanwaraantee waraananii dhukkubsanii fi akka qoraattii qara qabuu isaan waraanan hin jiran?; yommus ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.
[25] Waaqayyo gooftaan,“Yommuu ani mana Israa'el saba warra isaan keessatti tamsa'anii turan hundumaa keessaa walitti qabee saba lafa irraa duratti akkan qulqulluu ta'e isaanitti argisiisu, isaan immoo biyya isaanii isa ani Yaaqoob garbicha koof kenne keessa in jiraatu;
[26] achi keessa nagaatti in jiraatu, mana in ijaaru, wayniis in dhaabbatu; yommuun olloota isaanii warra isaan jibban hundumaa irratti firdii raawwadhu, isaan immoo nagaatti in jiraatu; yommus ani Waaqayyo gooftaa isaanii akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.