Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:24

[1] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Raajota Israa'el warra amma raajii dubbachaa jiran irratti raajii dubbadhu! Warra yaaduma isaanii keessaa fuudhanii raajii dubbataniinis,“Dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!” jedhi!

[3] Waaqayyo gooftaan,“Raajota gowwoota warra wanta tokko iyyuu utuu hin argin hafuuruma ofii isaanii duukaa bu'an kanaaf wayyoo!” jedhaan.

[4] Yaa Israa'el! Raajonni kee akka waangota iddoo onaa keessa jiraatanii in ta'an.

[5] Guyyaa Waaqayyootti lola irraa hafee dhaabachuu akka danda'utti isaan gara caccabaa kellichaatti ol hin baane, mana Israa'elittis naannessanii dallaa hin ijaarre.

[6] Mul'anni isaan argan waa'ee hin baasu, hoodni isaan dubbatanis soba; isaan, utuma ani Waaqayyo isaan hin ergin,“Waaqayyo akkas jedhee dubbateera” jedhanii dubbii isaanii akkan fiixaan isaaniif baasuuf ana in eeggatu.

[7] Egaa isaan utuma ani hin dubbatin “Waaqayyotu dubbate” yommuu jedhan, mul'ata waa'ee hin baafne arguu isaanii, hooda sobaas dubbachuu isaanii mitii ree?” jedhe.

[8] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Sababii isin wanta waa'ee hin baafne dubbattanii wanta sobaas argitaniif, ani isiniin nan morma” jedha; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

[9] Raajota warra mul'ata waa'ee hin baafne argan irratti, warra hooda sobaa dubbatan irrattis harka koo ol nan fudhadha; wal ga'ii saba koo keessatti hin argamin; caaffata manni Israa'el keessatti caafamettis hin caafamin; biyya Israa'elittis hin galin! Yommus ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isin in beektu.

[10] Isaan utuma nagaan hin jiraatin “Nagaa dha” jedhanii saba koo wallaalchisaniiru; yommuu sabni koo dallaa ijaare isaan immoo maraganiiru;

[11] kanaafis warra maragan sanaan,“Bokkaan yandoon in dhufa, anis cabbii ulfaataa gad itti nan buusa, qilleensi jabaan itti in qilleensa'a, inni isin maragdanis in jiga” jedhi!

[12] Dallichi yommuu jigu immoo,“Dhoqqeen isin ittiin maragdan meerree?” jedhanii namoonni isin hin gaafatanii ree”

[13] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Ani aarii kootiin qilleensa jabaa gad itti nan dhiisa, dheekkamsa kootiinis cabbiidhaa fi bokkaa ulfaataa isa balleessu irratti nan roobsa.

[14] Dallicha isin maragdan sana diigee, hundee isaa bakkeetti baasee, lafatti nan dabala; yommuu inni jigus isin isa keessatti in dhumtu; egaa ani Waaqayyo akkan ta'e in beektu.

[15] Anis akkasitti dallichaa fi warra isa maraganitti aarii koo nan ba'a; ani isiniin,“Egaa si'achi dallichii fi warri dallicha maragan hin jiran;

[16] raajonni Israa'el warri waa'ee Yerusaalemiif raajii dubbatanii, utuma nagaan hin jiraatin mul'ataan nagaa isheedhaaf arganis hin jiran” nan jedha; kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

[17] “Yaa mucaa namaa! Ati immoo gara intaloota saba kee warra yaada isaanii keessaa fuudhanii raajii dubbatanitti fuula kee deebisiitii, raajii isaan irratti dubbadhu;

[18] isaaniinis,“Waaqayyo gooftaan isin warra lubbuu namaa ittiin adamsuudhaaf kudhaama many'ee hundumaatti hodhitanii akka akka guddina mataa isaaniitti mataa nama hundumaaf marata tolchitaniif wayyoo! Isin lubbuu keessan oolfattanii lubbuu saba koo adamsituu ree”

[19] Isin garbuu kaballaa tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii saba koo warra soba isin dubbattan dhaggeeffatanitti soba dubbachuudhaan, namoota du'uun irra hin turre ajjeeftanii, namoota jiraachuun irra hin jirre immoo jiraachiftanii, saba koo gidduutti ana xureessitan” jedhe” jedhi!

[20] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Kunoo ani kudhaama keessan isa isin akka kiyyoo ittiin simbira qabaniitti, ittiin lubbuu namootaa adamsitan irratti nan ka'a; irree keessanittiis nan cira; lubbuu namoota isin akka simbiraatti qabattaniis gad nan dhiisa;

[21] marata keessanis irraa nan babbaqaqsa saba koos harka keessan keessaa nan baasa; isaanis si'achi qabamanii harka keessan jala hin galan; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu.

[22] Ani garaa nama qajeelaa hin gaddisiifne; isin garuu garaa nama qajeelaa sobaan in gaddisiiftan, inni jal'aan jireenya isaa fayyifachuudhaaf karaa isaa isa jal'aa irraa akka hin deebineefis isa in toosiftan;

[23] kanaafis isin si'achi mul'ata waa'ee hin baafne hin argitan, hoodas hin dubbattan; ani harka keessan keessaa saba koo nan baasa; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters