[1] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Fuula kee gara warra Amoonitti gara galchii raajii isaan irratti dubbadhu!
[3] Isaaniinis “Dubbii Waaqayyo gooftaa dhaga'aa” jedhi! Waaqayyo gooftaan, isin yeroo iddoon koo inni qulqullaa'aan, biyyi Israa'elis diigamee, manni Yihudaas yeroo booji'ame,“Baga?! waan jettaniif,
[4] ani immoo kunoo, saba warra ba'a-biiftuutiif dhaala godhee dabarsee isin nan kenna, isaanis buufata isaanii isin gidduu in godhatu, godoo isaaniis isin gidduu in dhaabbatu, ija midhaan keessaniis in nyaatu, aannan keessan in dhugu.
[5] Ani mandara Raabaa iddoo gaalonni dheedan, biyya Amoonis iddoo horiin qe'ee boqotan nan godha; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu” jedhe.
[6] Waaqayyo gooftaan,“Sababii isin garaa keessan keessatti badiisa biyya Israa'elitti gammaddanii harka rurrukuttanii, miillaan lafa dhidhiittaniif,
[7] ani immoo kunoo, harka koo isin irratti ol nan fudhadha, sabni lafa irraa akka isin saamuuf isatti dabarsee isin nan kenna; ani saba keessaa isin nan mura, biyya keessaas haxxaa'ee isin nan balleessa; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu” jedhe.
[8] Waaqayyo gooftaan,“Mo'aabii fi Se'iir kunoo!“Manni Yihudaa akka saba warra kaanii hundumaa ti” jedhaniiru;
[9] kanaaf ani immoo kunoo! Gatiittii Mo'aab mandaroota isaa warra gara daarii jiran, Bet-Yeshiimoot, Ba'aal-Me'on, Kiriiyat-Aayim warra ulfina biyya sanaa ta'anii jalqabee nan kuta.
[10] Seenaan warra Amoon saba lafa irraa gidduutti akka hin yaadatamnetti ani warra Mo'aab warra Amoonii wajjin saba warra ba'a-biiftuutiif dhaala godhee nan kenna;
[11] ani warra Mo'aab irratti firdii nan raawwadha; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.
[12] Waaqayyo gooftaan,“Edoom, mana Yihudaa irratti ijaa waan baafateef, kanaanis yakka waan hojjeteef,
[13] ani Waaqayyo gooftaan immoo,“Warra Edoom irratti harka koo ol nan fudhadha, namoota isaanii fi horii isaanii muree nan fixa; Temaanii hamma Dedaanitti isaan nan onsa, billaadhaanis in dhumu.
[14] Ani harka saba koo Israa'eliin Edoom irratti ijaa nan baafadha, Israa'elis hammuma ani isaanitti dheekkamee fi isaanitti aare isaan irratti in raawwata?; yommus isaan ijaa baafachuu koo in beeku” jedha; kana Waaqayyo gooftaatu dubbate.
[15] Waaqayyo gooftaan,“Warri Filiisxiyaa hammeenya garaa isaaniitii fi jibba duriitiif jedhanii warra Yihudaa irratti ijaa baafatanii isaan balleessuu waan yaadaniif,
[16] ani Waaqayyo gooftaan immoo “Kunoo! Harka koo warra Filiisxiyaa irratti ol fudhadhee warra Qareexiisii fi warra daarii galaanaatti hafan nan balleessa.
[17] Ani isaan irratti guddisee ijaa nan baafadha, aariidhaanis isaan nan adaba?; yommuu ani ijaa isaan irratti ba'u, ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.