[1] Waggaa kurnaffaatti, ji'a kurnafaatti, ji'icha keessaas guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Ati fuula kee gara Fara'oon mootii Gibxiitti gara galchiitii isa irratti, warra Gibxii hundumaa irrattis raajii dubbadhu!
[3] Mootichaanis Waaqayyo gooftaan, kunoo, “Ani si irratti ka'eera yaa Fara'oon mootii Gibxii, ati naacha guddaa laga isaa keessa ciisuu dha; atis:- Lagni Abbayyaa kan koo ti, anatu ofii kootiif uummate, in jetta.
[4] Ani garuu hokkoo sibiilaa mangaagaa kee keessa nan kaa'a, qurxummoota bishaan kee keessaas qola keetti nan maxxansa; qurxummii bishaan kee keessaa warra qola keetti maxxanan hundumaa wajjinis harkisee bishaan kee keessaa sin baasa;
[5] ani si'iin, qurxummoota bishaan kee keessaa hundumaas lafa onaatti nan gata; ati lafa gogaa irratti in kufta, achiis namni si kaasu hin jiru; ani bineensota caakkaatii fi allaattii qilleensa keessa balali'uuf nyaata godhee sin kenna” jedha.
[6] “Yommus warri Gibxii hundinuu ani Waaqayyo akkan ta'e in beeku; ati mana Israa'eliif harcummee jajjabaa taateetta;
[7] yommuu isaan harka isaaniitiin si qaban, ati immoo cabdee gatiittii isaanii hundumaa urte; yommuu isaan sitti irkatan immoo cabdee mudhiin isaanii akka rom'u in goote” jedhe.
[8] Kanaaf Waaqayyo gooftaan “Kunoo! Ani billaa sitti nan erga, namaa fi horii si keessaa ciree nan balleessa;
[9] sababii ati“Lagni Abbayyaa kan koo ti, anatu isa uume” jetteef biyyi Gibxii onaadhaa fi duwwaa in ta'a; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku.
[10] Kanaaf kunoo! Ani sii fi laga kee irratti ka'eera, Miigdolii hamma Aswaanitti, hamma daarii Kuushittis biyyi Gibxii raawwatee akka baduu fi akka onu nan godha.
[11] Waggaa afurtama guutuu namni isa keessa hin jiraatu; miilli namaa fi kotteen horii isa keessa hin darbu;
[12] ani biyya Gibxii biyyoota onan keessatti nan onsa, mandaroonni ishees waggaa afurtama mandaroota onan keessa onanii in taa'u; ani warra Gibxii saba lafa irraa keessa nan bittimsa, biyya keessas isaan nan facaasa” jedhe.
[13] Waaqayyo gooftaan,“Waggaan afurtamni erga dhumee garuu ani warra Gibxii saba lafa irraa warra isaan keessa faca'anii turan keessaa walitti nan qaba;
[14] ani warra Gibxii lafa isaan itti booji'amanii deebisee biyya isaan dur keessa turan biyya Faaxrositti nan galcha; isaan achitti mootummaa xinnoo ishee in dhaabbatu;
[15] inni mootummaa mootummoota irra xinnaatu in ta'a; deebi'ees saba warra kaan irratti ol of hin qabu; ani akka inni deebi'ee saba warra kaan irratti hin moonetti isa nan dadhabsiisa.
[16] Manni Israa'el cubbuu inni dur irratti hojjete yaadata malee, deebi'ee warra Gibxii hin amanatu; yommus ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.
[17] Waggaa digdamii torbaffaatti, ji'a tokkoffaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[18] “Yaa mucaa namaa! Nebukadnezaar mootiin Baabilon loltuu isaa Xiiros irratti kaasee mataan hundinuu hamma luqqa'utti, gatiittiin hundinuus hamma madaa'utti hojii jabaa isaan hojjechiiseera; haa ta'u iyyuu malee mootichii fi loltuun isaa hojii kanaaf Xiirosittii bu'aa tokko illee hin arganne.
[19] Kanaaf Waaqayyo gooftaan “Kunoo! Ani biyya Gibxii Nebukadnezaar mootii Baabilonitti nan kenna, inni biyyicha in saama, in booji'as, badhaadhummaa ishees fudhatee in adeema; kan inni booji'u kunis loltuu isaatiif gatii in ta'a;
[20] ani hojii inni biyya Gibxii irratti anaaf hojjeteef gatii isaa biyyicha nan kennaaf” jedha” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
[21] “Guyyaa sanatti ani mana Israa'eliif akka gaanfaatti humna nan kennaaf, ani isaan keessatti akka ati afaan kee saaqqattu nan godha; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.