Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:46

[1] Kana booddee inni sagalee guddaadhaan,“Warri mandarattii adaban hundinuu adduma addaan mi'a waraanaa harkatti qabatanii as haa dhi'aatan!” jedhee waamuu isaa nan dhaga'e.

[2] Namoonni ja'as kunoo adduma addaan mi'a waraanaa isa ittiin balleessan harkatti qabatanii, karaa balbala kellaa isa gara olii isa gara harka bitaatti gara galee jiruu in dhufan; namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu tokkos isaan gidduu ture; isaanis ol lixanii iddoo aarsaa isa sibiila borrajjii irraa hojjetame bukkee in dhaabatan.

[3] Ulfinni Waaqayyoo isa kan Israa'elis Kiruubel isa irra buufatee ture sana irraa ka'ee, gara buusaa balbala manichaa dhaqee, namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu sana in waame.

[4] Waaqayyo yommus namichaan,“Mandara Yerusaalem keessa adeemiitii adda namoota warra sababii wanti ciiggaasisaan as keessatti hojjetameef gaddanii boo'anitti milikkita godhi!” jedhe.

[5] Ammas utuman dhaga'uu warra kaaniin immoo,“Isa booddeedhaan mandarattii keessa adeemaatii garaan keessan utuu isaaniif hin oo'in utuu hin hiliniifis rukutaa!

[6] Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!” jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.

[7] Ammas isaaniin,“Manicha qulqullummaa xureessaa, reeffa warra ajjeefamaniis oobdii keessa guutaatii achii adeemaa!” jedhe; isaanis ba'anii mandarattii keessa naanna'anii ajjeesuu jalqaban.

[8] Utuu isaan rukutaa jiraniis ani kophaa kootti hafee, adda kootiin gad gombifamee,“Yaa Waaqayyo gooftaa! Dheekkamsa kee isa Yerusaalem irratti dhangalaafteen Israa'el keessaa warra hafan hundumaa in balleessitaa ree?” jedhee nan iyye.

[9] Inni garuu,“Yakki mana Israa'elii fi mana Yihudaa sonaan guddaa dha; isaan “Waaqayyo biyyicha dhiiseera, Waaqayyo hin argus” waan jedhaniif, biyyicha keessa dhiiga dhangalaasuun, mandarattii keessas jal'inni guuteera.

[10] Ani garuu akka hojiin isaaniittan mataa isaaniitti deebisa malee, garaan koo isaaniif hin oo'u hin hiluufis” jedhee anaaf deebise.

[11] Kunoo, namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu sun dhufee,“Ani akka ati ana abboomte godheera” jedhee, isatti dubbate.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters