[1] Yaa Waaqayyo wanta nu irra ga'e yaadadhu! Kunoo, yeellaasifamuu keenyas ilaali!
[2] Dhaalli keenya kan ormaa ta'e, manneen keenyas alagaatu fudhate.
[3] Nuyi ijoollee hiyyeeyyii abbaan irra hin jirre taane, haadhotiin keenyas haadha hiyyeessaa ta'an;
[4] bishaan horiidhaan bitannee dhugna, qoraanis horii malee hin argannu.
[5] Warri nu ari'an faana keenya irra bu'anii nu qaqqabu, nuyi dadhabneerra isaan garuu boqonnaa nuuf hin kennan.
[6] Buddeena quufuudhaaf jennee, warra Gibxii fi warra Asoritti of in kennine.
[7] Abboonni keenya warri dur cubbuu hojjetan, har'a hin jiran; nuyi garuu amma iddoo isaanii adabamaa jirra.
[8] Garboonni nu irratti in mo'an, namni isaan jalaa nu baasu garuu hin jiru.
[9] Lafa onaa keessa warri nama ajjeesan waan jiraniif, nuyi buddeena keenya illee lubbuu keenya gannee arganna;
[10] beela irraa kan ka'e gogaan dhagna keenyaa illee gugubatee, akka giimii ibiddaa in ta'e.
[11] Dubartoonni Xiyoon keessatti, durboonnis mandaroota Yihudaa keessatti in yeellaasifaman;
[12] angafoota biyyaa harka isaaniitiin in fannisan, jaarsoliidhaaf ulfina hin kennine;
[13] dargaggoota daakuu in daaksifatan, ijoollota immoo qoraan guursifatanii, ba'aa ulfaataa jalatti akka kukkufan in godhan;
[14] jaarsoliin, yaa'ii karra mandarichaa dhiisanii in adeeman, dargaggoonnis sagalee faarfannaa dhageessisuu in dhiisan.
[15] Garaan keenya gammachuu in dhabe, sirbi keenyas gaddatti in diddiirame;
[16] nuyi cubbuu waan hojjenneef, ulfinni keenya nu irraa godaaneera'o, nuuf wayyoo!
[17] Onneen keenya dhukkubsatee, iji keenyas dimimmisaa'uun,
[18] sababii tulluun Xiyoon onee, waangonni achi irra yaa'aniif ture.
[19] Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan in moota, teessoon kees dhalootaa hamma dhalootaatti in jiraata;
[20] ati maaliif bara kana hundumaa nu irraanfatte” maaliifis yeroo dheeraa hammana ga'uuf nu gatte”
[21] Yaa Waaqayyo, gara kee akka dhufnutti ati ofii keetii nu deebisi! Ulfina keenya duriis nuuf deebisi!
[22] Yoo kanaa achii baay'ee nutti aaruu kee ti, raawwattees nu gatuu kee ti.