Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:00

[1] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Ijoollee saba keetiitti dubbadhuu,“Yommuu ani billaa biyya tokko irratti fidu, sabni biyyichaas of gidduudhaa eegduu in kaafata;

[3] eegduun sun billaan biyya sana irratti dhufuu isaa argee fiinoo afuufee biyya of eeggachiisa;

[4] namni tokko sagalee fiinoo sanaa dhaga'ee of eeggachuu yoo dhiise, billaanis dhufee yoo isa kute, dhiigni isaa mataadhuma isaa irraa in barbaadama.

[5] Inni sagalee fiinoo sanaa dhaga'ee of eeggachuu waan dhiiseef dhiigni isaa mataadhuma isaa irra in taa'a; garuu utuu of eeggateera ta'ee, silaa of in oolcha ture;

[6] eegduun sun immoo billaan akka dhufaa jiru argee, fiinoo afuufee saba yoo of eeggachiisuu dhabaate, billaanis dhufee isaan keessaa nama tokko yoo ajjeese, namichi yakka isaatiin in du'a, ani garuu dhiiga isaa harka eegduu sanaa keessaa nan barbaada” isaaniin jedhi!” jedhe.

[7] Yaa mucaa namaa! Ani mana Israa'eliif eegduu si godheera, ati immoo dubbii koo dhaga'ii of isaan eeggachiisi!

[8] Ani nama jal'aadhaan,“Yaa nama jal'aa! Ati dhugumaan in duuta” yommuun jedhu, ati immoo inni jal'aan sun karaa isaa irraa akka deebi'uuf of hin eeggachiiftu yoo ta'e, inni jal'aan sun yakka isaatiin in du'a; ani immoo dhiiga isaa harka kee keessaa nan barbaada;

[9] ati garuu isa jal'aa sana karaa isaa irraa akka deebi'uuf utuma of eeggachiiftuu, inni isa irraa deebi'uu yoo dhiise, inni yakka isaatiin in du'a; ati garuu of in oolchita.

[10] Yaa mucaa namaa! Mana Israa'elitti dubbadhu!“Isin,“Irra-daddarbaan keenyaa fi cubbuun keenya gad nu qabu isaan keessattis in tortorra, attamittis jiraanna ree?” jettan” jedhi!

[11] Ati isaanitti dubbadhuu!“Ani jiraataa dha!“Namni jal'aan karaa isaatii akka deebi'uu fi akka jiraatu malee, ani du'a nama jal'aatti hin gammadu. Deebi'aa! Isin yaa mana Israa'el maaliif duutu” Karaa keessan isa hamaattii deebi'aa!” jedha Waaqayyo gooftaan” jedhi!

[12] Kanaaf yaa mucaa namaa! Ati ijoollee saba keetiitti dubbadhuu,“Namni qajeelaan deebi'ee waan jal'aa yoo hojjete, qajeelummaan isaa durii isa hin oolchu; namni jal'aanis deebi'ee waan gaarii yoo hojjete, jal'inni isaa isatti hin lakkaa'amu; inni qajeelaan deebi'ee yoo cubbuu hojjete, qajeelummaa isaa isa duriitiin jiraachuu hin danda'u.

[13] Yommuu ani nama qajeelaadhaan,“Ati dhugumaan in jiraatta” ittiin jedhu, inni immoo qajeelummaa isaa amanatee yoo yakke, inni yakka isaatiin du'a malee, qajeelummaan isaa inni durii hin yaadatamuuf.

[14] Yommuu ani nama jal'aadhaan,“Ati dhugumaan in duuta” ittiin jedhu, inni immoo yakka isaattii deebi'ee wanta qajeelaa fi gaarii yoo hojjete,

[15] wanta qabsiisaaf fudhate yoo galche, wanta hates yoo deebise, seerrata nama jiraachisu duukaas yoo bu'e, yoo yakkuu dhabaates, inni dhugumaan in jiraata malee, hin du'u;

[16] cubbuun inni hojjete hundinuus itti hin lakkaa'amu, inni wanta qajeelaadhaa fi gaarii waan godheef, dhugumaan in jiraata.

[17] “Ijoolleen saba keetii amma iyyuu,“Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti” in jedhu, garuu karaa isa kan isaaniitu qajeelaa miti.

[18] Namni qajeelaan qajeelummaa isaattii deebi'ee yoo yakke, inni yakka isaatiin in du'a;

[19] namni jal'aan immoo jal'ina isaattii deebi'ee wanta qajeelaadhaa fi gaarii yoo godhe, inni kana gochuu isaatiin in jiraata.

[20] Isin yaa mana Israa'el!“Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti” in jettu; ani garuu akka karaa keessaniitti tokkon tokkon keessanitti nan farada” jedhi!

[21] Booji'amuu keenya booddee waggaa kudha lammaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaas guyyaa shanaffaatti namni Yerusaalemii baqatee dhufe tokko gara koo dhufee,“Mandarattiin qabamteetti” naan jedhe.

[22] Namichi baqatee dhufe sun utuu as hin ga'in, galgala isaa harki Waaqayyoo ana irra ture; hamma namichi ganama na bira dhufutti inni afaan koo in bane; afaan koo in baname, anis ergasii didaa hin taane.

[23] Ergasiis dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[24] “Yaa mucaa namaa! Warri biyya Israa'el isa diigamaa keessa jiraatan,“Abrahaam nama tokko duwwaa ture, garuu biyyicha in fudhate; nuyi garuu baay'ee dha, biyyichis akka qabannuuf nuuf kennameera” in jedhu.

[25] Kanaaf ati isaaniin,“Erga isin foon dhiigaa wajjin nyaattanii, gara waaqayyolii keessanii ilaaltanii dhiigas dhangalaaftanii, biyyicha in fudhattuu ree?” jedha Waaqayyo gooftaan.

[26] Isin billaa keessan amanattanii wanta ciiggaasiisaa in hojjettu; isin adduma addaan niitii namaa in xureessitu, egaa biyyicha in fudhattuu ree”

[27] Kana isaanitti dubbadhu! Waaqayyo gooftaan,“Ani jiraataa dha! Warra ona keessatti hafan billaan akka ajjeesu, warra biyya keessa jiran immoo bineensonni akka nyaatan nan godha; warri masaraa keessaa fi holqa keessa jiran immoo dha'ichaan in dhumu;

[28] ani biyyicha onaadhaa fi duwwaa nan godha, humni inni ittiin of jajus in dhuma; tulloonni Israa'el duwwaa in ta'u, namni tokko illees isaan keessa hin darbu;

[29] ani biyyicha sababii hojii isaanii isa ciiggaasisaadhaaf jedhee onaadhaa fi duwwaa nan godha, yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedhe.

[30] “Yaa mucaa namaa! Ijoolleen saba kee kellaa biyyichaa fi balbala manaa duratti waa'ee kee yommuu dubbatan,“Kottu ergaa isa Waaqayyo biraa dhufe dhaga'i!” waliin in jedhu;

[31] isaanis dhufanii akkuma saba kootti dubbii kee dhaga'uudhaaf si dura in taa'u; garuu isa dhaga'an kana hojii irra hin oolchan; isaan afaan isaaniitiin waa'ee jaalalaa baay'ee in dubbatu, garaan isaanii garuu bu'aa jal'inaa duukaa in bu'a.

[32] Ati kunoo isaan biratti akka nama sagalee miidhagaadhaan weedduu jaalalaa weeddisuu fi akka nama mi'a faarfannaatiin ba'eessa godhee sagalee dhageessisuu ti; isaan dubbii kee in dhaga'u, garuu isa hojii irra hin oolchan.

[33] Yommuu inni dubbatamee raawwatamuuf jiru kun dhufu garuu, kunoo raajiin isaan gidduu akka ture in beeku” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters