[1] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[2] “Yaa mucaa namaa! Fuula kee gara Yerusaalemitti deebisiitii iddoo qulqullaa'aa irratti lallabi! Biyya Israa'el irrattis raajii dubbadhu!
[3] Waaqayyo, biyya Israa'eliin,“Kunoo! Ani siin nan morma, billaa koos mann'ee isaa keessaa nan luqqifadha, isa qajeelaa, isa jal'aas si keessaa nan kuta;
[4] isa qajeelaa, isa jal'aas si keessaa waanan kutuuf, billaan koo gara mirgaatii hamma gara bitaatti foon kan uffate hundumaa irratti mann'ee isaa keessaa in luqqifama.
[5] Egaa foon kan uffate hundinuu, ani Waaqayyo billaa koo mann'ee isaa keessaa akkan luqqifadhe haa beeku! Inni si'achi mann'ee isaatti hin deebi'u” jedhe.
[6] “Yaa mucaa namaa! Ati hamma mudhiin si citutti aadi! Isaan durattis gadda keessa ba'ee namatti hadhaa'uun aadi!
[7] Yommuu isaan “Ati maaliif aadda?” siin jedhan, ati immoo “Oduu waanan dhaga'eefan aada, yommuu wanti kun dhufu, onneen hundinuu na'ee in baqa, harki hundinuu in bushaa'a, lubbuun hundinuu in gaggaba, jilbi hundinuus bishaan in ta'a. Kunoo, kun in dhufa, in raawwatamas” jedhiin” Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
[8] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[9] “Yaa mucaa namaa! Ati raajii dubbadhu!” jedhe; “Waaqayyo,“Billaan! Billaan morodameera, qarameeras,
[10] inni akka qaluuf qarameera, akka balaqqeessa'uufis morodameera; yookiis uleen mootummaa inni kan ilma kootii, ulee mootummaa warra kaan hundumaa waan tuffateef in gammannaa ree”
[11] Billichis morodamuudhaaf kennamee, qabannaatti akka toluufis qopheeffameera, inni morodamee qaramee, harka isa ittiin ajjeesuutti kennameera.
[12] Yaa mucaa namaa! Billaan kun saba koo fi gurguddoota Israa'el hundumaatti in dhufa; gurguddoonnis saba koo wajjin billaa dura in buufamu, kanaafis mudhii kee rurrukutii, iyyii wawwaadhu!”
[13] “Qoramni dhuguma in dhufa; ati maaliif ulicha tuffatte ree” inni fiixaan hin ba'uu ree?” jedhe Waaqayyo gooftaan.
[14] “Yaa mucaa namaa! Raajii dubbadhu, harkas rukutadhu! Billaan nama qalu inni namoota baay'ee qalu karaa hundumaan isaan marsee jira; billichi si'a lama, si'a sadiis isaan haa rukutu!
[15] Onneen isaanii baqee, baay'een isaanii karra isaanii hundumaa duratti akka gufataniif, ani billaa isa nama qalu isaan dura kaa'eera; kunoo kaa, billichi akka balaqqeessa'uuf morodameera, ittiin qaluudhaafis luqqifameera.
[16] Yaa billaa nana! Gara mirgaatti, gara bitaattis, garuma qarri kee itti gara galee jirutti muri!
[17] Anis immoo harka koo walitti nan rukuta aariin koos ana irraa in gala; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.
[18] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[19] “Yaa mucaa namaa! Billaan mootii Baabilon akka irra dhufuuf ati karaa lama argisiisi! Karaan kun biyyuma tokko keessaa ka'uutu irra jira; iddoo inni itti mandarichatti jal'atu irras muka milikkitaa dhaabi!
[20] Karaa billaan Raabaa isa kan ijoollee Amoonotaatti dhufu tokko, karaa billaan biyya Yihudaa, mandara Yerusaalem ishee dallaa dhagaa qabdu irratti dhufus tokko argisiisi!
[21] Mootiin Baabilon hooda dubbachuudhaaf mataa wal ga'ii karaa irra in dhaabata, xiyyoolii gad in naqa, waaqayyolii tolfamoo warra mana keessaa in gaafata, tiruu horii qalamees in ilaala.
[22] Wanti gara mirga isaa bu'u hooda Yerusaalem irratti dubbatamuu dha; innis akka wanta ittiin masaraa jigsan dhaaban, qaluudhaaf akka itti ajajan, iyya lolaas akka itti dhageessisan, akka itti wanta ittiin masaraa jigsan karra dura dhaaban, akka itti wanta marsaadhaaf barbaachisu itti hojjetanii koobii itti hojjetan in hima.
[23] Kunis warra isaa wajjin ka'uudhaan walii galan duratti hooda sobaa in fakkaata; inni garuu yakka isaanii isaan yaadachiisee isaan in booji'aa?” jedhe.
[24] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Sababii yakki keessan akka yaadatamu gootaniif, irra-dadarbaan keessan mul'ateefis, wanta hojjettan hundumaan cubbuun keessan in mul'ate; kana wanta gootaniif isaan isin in qabatu.
[25] Ati yaa guddaa Israa'el isa xuraa'aa fi jal'aa nana! Yaa isa guyyaan kee, guyyaan itti sitti faradamu ga'ee!” jedhe.
[26] Waaqayyo gooftaan,“Marata of irraa baasi! Gonfoos of irraa fuudhi! Wanti akka amma jiru kanatti hafu hin jiru; inni gad deebi'aan ol in kaafama; inni ol ka'aan gad in deebifama.
[27] Badiisa! Badiisa! Badiisa nan fida; kunis hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta'u” jedhe.
[28] Yaa mucaa namaa! Ati waa'ee warra Amoon, waa'ee yeelloo isaaniis raajii dubbadhu! Waaqayyo gooftaan, “Billaan! Billaan akka qaluuf luqqifameera, akka fixuuf, akka bakakkaas akka ibsuuf morodameera;
[29] utuma isaan mul'ata sobaa siif arganii, hooda sobaas siif himanii, morma reeffa warra jal'ootaa warra guyyaan isaanii, guyyaan itti isaanitti faradamu ga'e irra, billaan in kaa'ama.
[30] Ati billaa kee mann'ee isaatti deebisi! Ani iddoo ati itti uumamtetti, biyya hundee dhaloota keetii keessatti sittis nan farada;
[31] ani aarii koo si irratti nan roobsa, ibidda dheekkamsa koos sitti nan bobeessa; harka namoota warra akka bineensaa keessa, warra nama balleessuutti beekamanii keessas sin buusa.
[32] Ati irbaata ibiddaa in taata, dhiigni kee biyyicha keessatti in dhangala'a, deebitees hin yaadatamtu; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.