[1] Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbata guddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan.
[2] Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa gara galche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e.
[3] Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture.
[4] Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an.
[5] Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, ?Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa!
[6] Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa kaa'amee ture iyyuu ilaalaa!
[7] Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, ?Inni du'aa ka'eera, kunoos inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu? jedhaatii himaa! Kunoo ani isinitti himeera? jedhe.
[8] Yommus isaan sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa ba'anii, bartoota isaatti himuudhaaf in fiigan.
[9] Kunoo, Yesus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate; isaan immoo itti dhi'aatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
[10] Yommus Yesus, ?Hin sodaatinaa, dhaqaa Galiilaatti akka gad bu'aniif obboloota kootti himaa! Isaanis achitti na arguuf jiru? isaaniin jedhe.
[11] Warri dubartootaa utuu karaa adeemaa jiranii, kunoo warra awwaalicha egaa turan keessaa kaan gara mandaraa dhaqanii, waan ta'e hundumaa luboota warra angafootatti himan.
[12] Luboonni warri angafoonnis maanguddootaa wajjin wal ga'anii, erga mari'atanii booddee, horii ga'u warra loltuu sanaaf kennanii,
[13] ?Waa'ee isaa immoo, ?Bartoonni isaa halkan dhufanii utuu nuyi rafnuu, reeffa isaa hatanii sokkan? jedhaatii namootatti himaa!
[14] Dubbiin kun gurra bulchaa biyyaa bira yoo ba'e immoo, nuyi in qabbaneessina; isin rakkinatti akka hin galles in goona? jedhaniin.
[15] Kanaaf warri eegdonni horicha fudhatanii, akka isaanitti himame in godhan. Egaa dubbiin kun hamma har'aatti iyyuu Yihudoota gidduutti akkasitti in odeeffama.
[16] Bartoonni kudha tokkon immoo, Galiilaa keessaa gara gaara itti Yesus wal argina isaaniin jedhe, in dhaqan.
[17] Yeroo isa argan in sagadaniif; kaan garuu in maman.
[18] Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, ?Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera.
[19] Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!
[20] Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira? isaaniin jedhe.