Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:46

[1] Yeroo Yesus gaara irraa gad bu'etti tuuti sonaan baay'een isa duukaa bu'an.

[2] Kunoo namichi lamxaa'aan tokko gara isaa dhufee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, ?Yaa gooftaa! Fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedheen.

[3] Yesus hiixatee qabee, ?Fedheera, qullaa'i!? jedheen; achumaanis lamxiin isaa isa irraa qullaa'e.

[4] Yesus, ?Beekkadhu, waan tokko illee namatti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaatti haa mul'atuuf akka Museen abboometti kennaa kee dhi'eessi!? ittiin jedhe.

[5] Yommuu Yesus mandara Qifirnaahomitti galetti, angafni dhibbaa tokko gara isaa dhufee kadhatee,

[6] ?Yaa gooftaa naa'oon koo dhagni isaa gar tokko du'ee mana ciisee baay'ee dhiphachaa jira? jedhe.

[7] Yesus immoo, ?Ani dhufee isa nan fayyisa? jedheen.

[8] Angafni dhibbaa sun garuu deebisee, ?Gooftaa! Bantii mana kootii jala lixuun kee anaaf hin ta'u, dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu naa'oon koos in fayya.

[9] Anis immoo of irraa nama na abboomu qaba, loltuus of jalaa qaba; isa tokkoon dhaqi yoon jedhe in dhaqa, isa kaaniinis kottu yoon jedhe, in dhufa; naa'oo kootiin kana raawwadhu yoon jedhe, in raawwata? jedhe.

[10] Yesus kana yommuu dhaga'e dinqifate warra isa duukaa jiraniin, ?Dhuguman isiniin jedha, ani Israa'el keessatti illee eenyu biratti iyyuu amantii guddaa akkasii hin argine.

[11] Baay'een immoo ba'a-biiftuutii, lixa isheetiis dhufanii mootummaa waaqaa keessatti Abrahaam Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti akka taa'an ani isinittan hima.

[12] Warri ijoollee mootummichaa ta'uudhaaf yaadaman garuu, dukkana isa alaatti in darbatamu; achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe.

[13] Yesus angafa dhibbaa sanaan immoo, ?Dhaqi! Akkuma ati amantes siif haa ta'u? jedheen; naa'oon sunis yerottii sanatti fayye.

[14] Yesus mana Phexros yommuu lixe, amaatiin Phexros dhukkuba dhagna-gubaadhaan dhukkubsattee, ciifti iyyuu arge.

[15] Inni immoo harka ishee qabee, dhagna-gubaan sunis ishee dhiifnaan, kaatee isaaf in ergamte.

[16] Galgala sanas warra hafuurri hamaan keessa ture baay'ee gara isaatti fidan; inni immoo sagalee tokkoon hafuurota hamoota baase, warra dhukkubsatan hundumaa in fayyise.

[17] Kunis raajicha Isaayaasiin, ?Inni waraansa keenya nu irraa fuudhe, dhukkuba keenyas baate? kan jedhame akka raawwatamuuf ta'e.

[18] Yesus tuuta sonaan baay'ee naannoo isaatti yommuu arge, gara gamaatti haa ce'aniif bartoota isaa abboome.

[19] Barsiisaan seeraa tokko immoo gara isaatti as ba'ee, ?Barsiisa! Garuma ati dhaqxutti si duukaan bu'a? jedheen.

[20] Yesus immoo, ?Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu, ilmi namaa garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu? jedheen.

[21] Kan biraa tokko immoo bartoota keessaa, ?Yaa gooftaa! Dura abbaa koo awwaaladhee akkan deebi'uuf sin kadhadha? ittiin jedhe.

[22] Yesus garuu, ?Na duukaa bu'i! Warra du'anis dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan? jedheen.

[23] Yesus bidiruu yaabe, bartoonni isaas isaa wajjin adeeman.

[24] Kunoos qilleensi jabaan bishaanicha irratti ka'ee hamma dha'aan bishaanii bidiricha irra danbali'utti ga'e; Yesus garuu rafee ture.

[25] Bartoonni yommus gara isaatti dhi'aatanii isa dammaqsanii, ?Nu oolchi yaa gooftaa! Nu'oo dhumuuf? jedhan.

[26] Inni immoo deebisee, ?Isin yaa warra amantii hir'uu, maaliif sodaattan?? isaaniin jedhe; yommusumas ka'ee qilleensichaa fi bishaanicha ifate; gabiin guddaan isaas in ta'e.

[27] Kana irratti namoonni na'anii dinqifachaa, ?Kun nama attamii ti? Qilleensii fi bishaan iyyuu in abboomamuuf? jedhan.

[28] Yesus bishaanicha gama ce'ee gara biyya Gadaraa yommuu dhufe, namoonni hafuuronni hamoonni keessa turan lama awwaalota gidduudhaa ba'anii itti dhufan; isaan kun hamma namni karaa sana irra darbuu dadhabutti in sodaachisu turan.

[29] Isaan immoo kunoo caraananii, ?Maal nuttii qabda? Maaltus dhimma keenya keessa si buuse, yaa ilma Waaqayyoo? Yeroon utuu hin ga'in nu dhiphisuu dhuftee ree?? jedhan.

[30] Xinnoo isaan irraa fagaataniis hoomaan booyyee bobba'anii jiru turan.

[31] Hafuuronni hamoonni sun, ?Yoo gad nu baafte, gara hoomaa booyyee sana keessatti nu ergi!? jedhanii isa kadhatan.

[32] Inni ?Dhaqaa!? isaaniin jennaan, jara keessaa ba'anii booyyota sanatti galan; yommusumas hoomaan booyyee sun guutummaatti hallayaa irraa gara ciisa bishaaniitti gad konkolaatanii dhuman.

[33] Warri booyyee eeganis baqatanii, mandaratti galanii waan hundumaa, waan warra hafuuronni hamoonni keessa turaniif ta'es in odeessan.

[34] Yommus mandarri sun guutummaatti Yesusin arguudhaaf gad ba'e; yeroo isa arganis kutaa biyya isaanii dhiisee akka adeemuuf isa kadhatan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters