Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:23

[1] Bara mooticha Herodisitti, Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate, kunoo namoonni ogeeyyiin urjii lakkaa'an tokko ba'a-biiftuutii gara Yerusaalem dhufan.

[2] Isaan, ?Inni mootii Yihudootaa ta'ee dhalate eessa jira? Nuyi urjii isaa ba'a-biiftuutti arginee, isaaf sagaduu dhufneerra'o? jedhanii iyyaafatan.

[3] Herodis mootichi kana dhaga'ee in raafame, Yerusaalem guutuunis isaa wajjin in raafame.

[4] Yommus inni luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraa saba Yihudootaa keessaa walitti qabee, Masiihiin eessatti dhalachuuf akka jiru isaan gaafate.

[5] Isaan immoo, ?Mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaa keessatti in dhalata. Raajichaan caafamee,

[6] ?Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko saba koo Israa'elin kan bulchu in ba'a? kan jedhu jira? jedhan.

[7] Ergasii Herodis jarreen ogeessota ofitti waamee, yeroo urjichi itti mul'ate isaan irraa hubatee in bare.

[8] Jaraan immoo, ?Dhaqaatii waa'ee mucichaa hubadhaa qoraa! Anis dhaqee akkan sagaduufitti akkuma argattaniin immoo anatti himaa!? jedhee, Betlihemitti isaan erge.

[9] Kanaaf jarri waan mootichi jedhe erga dhaga'anii booddee karaa isaanii irra bu'an; kunoos urjiin isaan ba'a-biiftuutti arganii turan, hamma iddoo mucichi ture sana irra ga'ee dhaabatutti isaan dura in adeeme.

[10] Jarri urjicha yommuu argan gammachuu sonaan guddaa in gammadan.

[11] Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii, lafatti gad gombifamanii isaaf sagadan; qorxii isaaniis bananii, warqee, ixaanaa fi qumbii harka fuudhaa kennaniif.

[12] Gara Herodisitti akka hin deebineef abjuutti waan ajajamaniif, karaa biraatiin gara biyya isaaniitti deebi'uudhaaf sokkan.

[13] Erga jarri biyya isaaniitti sokkanii immoo, kunoo ergamaan gooftaa tokko abjuutti Yoseefitti mul'atee, ?Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!? ittiin jedhe.

[14] Yoseef yommus ka'ee mucicha, haadha isaas fudhatee halkaniin biyya Gibxitti in sokke.

[15] Hamma yeroo Herodis du'ettis achuma ture; kun waan Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin, ?Ani biyya Gibxii ilma koo waame? jedhee dubbate haa raawwatamuuf ta'e.

[16] Warri ogeessonni sun akka isa gowwoomsan yommuu hubate Herodis baay'ee aare; akka yericha isa warra ogeessota sana irraa gaafatee barettis Betlihemii fi naannoo ishee hundumaa keessaa ijoollee dhiiraa waggaa lama guutan yookiis isaa gad kan ta'an hundumaa akka ajjeesaniif namoota in erge.

[17] Kanaanis dubbiin raajicha Ermiyaasiin dubbatame in raawwatame;

[18] innis, ?Sagaleen Raamaatti dhaga'ame, sagalee boo'ichaa fi wawwaannaa ture; Raahel ijoollee isheetiif boosse, isaan waan hin jirreef jajjabaachuu didde? isa jedhuu dha.

[19] Yeroo Herodis du'etti garuu ergamaan gooftaa tokko biyya Gibxitti abjuutti Yoseefitti mul'atee,

[20] ?Warri lubbuu mucichaa barbaadan du'aniiruutii, ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Israa'el dhaqi!? ittiin jedhe.

[21] Kana irratti inni ka'ee mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Israa'el in dhaqe.

[22] Arkelaawos qooda abbaa isaa Herodis Yihudaa irratti mo'uu isaa waan dhaga'eef garuu, Yoseef achi dhaquu in sodaate; abjuudhaanis gorfamee gara kutaa biyya Galiilaatti in sokke.

[23] Achis dhaqee, raajonni waa'ee Yesusiif, ?Inni ?Naaziricha? in jedhama? jedhanii kan dubbatan akka raawwatamuuf, mandara Naazireet jedhamtu tokko keessa jiraate.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters