[1] Yesus bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota xuraa'ota akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee hundumaas akka fayyisaniif aboo isaaniif kenne.
[2] Maqaan ergamoota kudha lamaanii immoo kanatti fufee jira; inni duraa Simoon isa Phexros jedhamee moggaafame, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob ilma Zabdewos, Yohannis obboleessa Yaaqoob;
[3] Filiphos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa fuudhu, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos;
[4] Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame, Yihudaa nama biyya Keriyot isa dabarsee Yesusin kenne.
[5] Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, ?Karaa saba Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra Samaariyaa tokko illees hin lixinaa!
[6] Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badanii dhaqaa!
[7] Akkuma dhaqxaniinis, ?Mootummaan waaqaa dhi'aateera? jedhaa lallabaa!
[8] Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!
[9] Adeemuudhaaf warqee, meetii yookiis sibiila diimaa gudunfachuu hin barbaadinaa;
[10] karaadhaaf korojoo, qomee lama, kophee, ulees baachuu hin barbaadinaa; hojjetaan waan isa barbaachisu argachuun in ta'aaf.
[11] Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta'u barbaadaa, hamma iddoo sanaa adeemtanitti isa bira turaa!
[12] Manichatti yeroo lixanis nagaa dhi'eessaa.
[13] Manichi kanaaf kan male yoo ta'e nagaan keessan isa irra haa buufatu, garuu yoo isaaf hin malle ta'e, nagaan keessan isiniif haa deebi'u.
[14] Eenyu illee yoo isin simuu dhabaate, dubbii keessanis yoo dhaga'uu dhabaate, manicha sanaa yookiis mandaricha sanaa yommuu baatan awwaara miilla keessan irraa dhadha'adhaa!
[15] Ani dhuguman isinitti hima, guyyaa firdiitti inni warra Sodoomii fi Gomoraatti faradamu kan warra mandara kanaa irra salphaa in ta'a? jedhe.
[16] Yesus itti dabalee, ?Kunoo, akka hoolota yeeyyii gidduu dhaqaniittan isin erga; egaa akka bofaa afchaala ta'aa, akka gugees garraamii ta'aa!
[17] Namoota irraa garuu of eeggadhaa! Yaa'iitti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa isaanii keessattis isin in reebu.
[18] Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dhugaa ba'uudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu.
[19] Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama.
[20] Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti.
[21] ?Obboleessi obboleessa, abbaanis ilma du'atti dabarsee in kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti in ka'u, isaan in ajjeesus.
[22] Anaaf jettanii hundumaa biratti in jibbamtu; namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya.
[23] Mandara tokko keessaa yoo isin ari'atan, gara isa kaaniitti baqadhaa! Dhuguman isinitti hima, ilmi namaa hamma dhufutti mandaroota Israa'el hundumaa waliin hin geessan.
[24] ?Bartuun barsiisaa isaa gara irraa miti, hojjetaanis isa isa hojjechiifatu gara irraa miti.
[25] Bartuudhaaf akka barsiisaa isaa ta'uun, hojjetaafis akka isa hojjechiifatuu ta'uun isa in ga'a; abbaa manaa ?Bi'el Zebul? jedhanii erga waamanii, warra mana isaatii immoo hammam caalchisanii maqaa gadheedhaan haa waamani ree!? jedhe.
[26] Yesus ammoo, ?Egaa isaan hin sodaatinaa! Waan haguugame jiru hundinuu in mul'ifama; waan dhoksaatti eegamaa jirus in beeksifama.
[27] Waan ani dukkana keessatti isinitti himu ifa guyyaa keessatti dhageessisaa, waan hasaasamee dhageessan lafa ol jedhaa irratti labsaa.
[28] Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda'u sodaadhaa!
[29] Simbirroonni lama akka saantiima tokkotti in gurguramu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu'u;
[30] isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha.
[31] Kanaafis hin sodaatinaa! Isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu? jedhe.
[32] Itti fufes Yesus, ?Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf.
[33] Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana? jedhe.
[34] Yesus ammoo, ?Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.
[35] Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera.
[36] Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u.
[37] Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti.
[38] Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti.
[39] Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata? jedhe.
[40] Yesus, ?Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti.
[41] Namni, raajii tokko raajii ta'uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni, nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata.
[42] Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu? jedhe.