Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:16

[1] Yesus yommus, ?Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata.

[2] Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afchaalota turan.

[3] Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne.

[4] Warri afchaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan.

[5] Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.

[6] ?Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ?Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!? jedhutu dhaga'ame.

[7] Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan.

[8] Warri gowwoonni warra afchaalotaan, ?Ibsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa!? ittiin jedhan.

[9] Warri afchaalonni garuu deebisanii, ?Warra gurguran bira dhaqaatii bitadhaa malee, innoo nuufis isiniifis hin ga'u? jedhaniin.

[10] Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame.

[11] Durboota sana keessaa warri hafan immoo booddee dhufanii, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!? jedhaniin.

[12] Inni immoo deebisee, ?Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku? jedheen.

[13] Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!? jedhe.

[14] Yesus itti dabalee, ?Dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti; inni hojjetoota isaa waamee, horii callaa qaba ture itti kennate.

[15] Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme.

[16] Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si'uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate.

[17] Inni meetii kuma lama fudhate immoo, meetii kuma lama buufate.

[18] Namichi inni meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale.

[19] ?Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi'ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa'ate.

[20] Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera? jedhe.

[21] Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.

[22] Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera? jedhe.

[23] Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.

[24] ?Namichi inni meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, ati nama gara-jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsinii walitti qabattu, ta'uu kee ani beeka.

[25] Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti? jedhe.

[26] Gooftaan isaa garuu deebisee, ?Ati hojjetaa hamaa dhaa fi dhibaa'aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu, iddoo itti hin bittimsinii akkan walitti qabadhu, beekteetta mitii?

[27] Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa'uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture.

[28] Egaa meeticha kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, isa meetii kuma kudhan qabuuf kennaa!

[29] Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf; kana kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama.

[30] Hojjetaa isa waa'ee hin baafne kana dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe? isaaniin jedhe.

[31] Yesus ammoo, ?Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a.

[32] Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar fo'u, innis namoota sana gargar in fo'a.

[33] Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re'ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.

[34] Ergasii mootichi warra mirga isaa jiraniin, ?Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa!

[35] Beela'een ture, nyaata anaaf kennitaniittu; dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simtaniittu.

[36] Qullaa koo ta'een ture, daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafattaniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu? jedhe.

[37] ?Ergasii warri qajeelonni deebisanii, ?Gooftaa! Yoom beela'uu kee arginee, nyaata siif kennine? Yookiis yoom dheebochuu kee arginee, dheebuu si baafne?

[38] Yoom orma ta'uu kee arginee, akka nama keenyaatti si simne? Yookiis yoom qullaa ta'uu kee arginee, daara si baafne?

[39] Yoom dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, gara kee dhufne?? jedhaniin.

[40] Mootichi immoo deebisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan? isaaniin jedhe.

[41] ?Ergasii mootichi namoota bitaa isaa jiraniin, ?Isin abaaramoo nana, na biraa adeemaa! Gara ibidda bara baraa isa Seexanaa fi ergamoota Seexanaatiif qophaa'e dhaqaa!

[42] Ani beela'een ture, isin nyaata anaaf hin kennine; dheebodheen ture, isin dheebuu ana hin baafne.

[43] Orman ture, isin akka nama keessaniitti ana hin simne; qullaa koo ta'een ture, isinis daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture, hidhameen tures, isinis ana hin dubbifne? in jedha.

[44] ?Isaanis deebisanii, ?Gooftaa! Yoom beela'uu kee, dheebochuu kee, orma ta'uu kee, qullaa ta'uu kee, dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, siif hojjechuu dhiifne?? jedhanii in gaafatu.

[45] Yommus mootichi deebisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof kan hin godhin anaafis hin goone? isaaniin jedhe.

[46] Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters