Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:58

[1] Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana.

[2] Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche.

[3] Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraan dhalche; Faares Hesromin dhalche; Hesrom Aaramin dhalche.

[4] Aaram Aminaadaabin dhalche; Aminaadaab Nahasonin dhalche; Nahason Salmoonin dhalche.

[5] Salmoon Rahaab irraa Boazin dhalche; Boaz Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Iseyin dhalche.

[6] Isey Daawit mooticha dhalche; Daawit haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoonin dhalche;

[7] Solomoon Rehobiyaamin dhalche; Rehobiyaam Abiiyaa dhalche; Abiiyaan Asaafin dhalche;

[8] Asaaf Yosaafaaxin dhalche; Yosaafaax Yooraamin dhalche; Yooraam Oziyaasin dhalche;

[9] Oziyaas Yoataamin dhalche; Yoataam Akaazin dhalche; Akaaz Hizqiyaasin dhalche.

[10] Hizqiyaas Minaaseen dhalche; Minaasee Amosin dhalche; Amos Yosiyaasin dhalche.

[11] Yosiyaas bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amanitti Yekoniyaasii fi obboloota Yekoniyaas dhalche.

[12] Sabni Israa'el biyya Baabilonitti erga booji'amanii booddee Yekoniyaas Salaatiyelin dhalche; Salaatiyel Zarubaabelin dhalche.

[13] Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqimin dhalche; Eliyaaqim Azorin dhalche;

[14] Azor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyudin dhalche.

[15] Eliyud Eleazaarin dhalche; Eleazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche;

[16] Yaaqoob Yoseefin dhalche; Yoseef kun kaadhima Maariyaam; isheen immoo Yesusin isa ?Kristosicha? jedhamee moggaafame deesse.

[17] Dhaloonni kun hundinuu Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amaniitti dhaloota kudha afur, bara biyya Baabilonitti booji'amanii hamma Kristositti dhaloota kudha afur turan.

[18] Dhalachuun Yesus Kristos akka kanatti fufee jiru ture; Maariyaam haati isaa Yoseefiif kaadhimatamtee turte; isheen Yoseefii wajjin utuu wal bira hin ga'in, hafuura qulqulluudhaan ulfooftee argamte.

[19] Yoseef inni ishee kaadhimates nama jireenya qajeelaa jiraatu waan tureef, dhoksaatti ishee dhiisuudhaaf murtoo godhe malee, immata duratti ishee yeellaasisuu hin barbaanne.

[20] Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, ?Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!

[21] Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ?Yesus? jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa? jedheen.

[22] Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.

[23] Innoo, ?Kunoo durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas ?Amaanu'el? jedhanii in moggaasu? jedhe; ?Amaanu'el? jechuun ?Waaqayyo nuu wajjin jira? jechuu dha.

[24] Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate.

[25] Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo, ?Yesus? jedhee in moggaase.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters