[1] Yesus mana qulqullummaa keessaa ba'ee, utuu adeemaa jiruu, bartoonni isaa ijaarsa mana qulqullummaa isatti argisiisuudhaaf dhufan.
[2] Inni garuu deebisee, ?Isaan kana hundumaa in argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in diigama malee? isaaniin jedhe.
[3] Akkuma Yesus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti, ?Nutti himi, kun yoom ta'a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?? jedhan.
[4] Yesus immoo deebisee, ?Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa!
[5] Baay'een, ?Ani Masiihii dha? jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu.
[6] Lolaa fi oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanetti ilaaladhaa! Kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti.
[7] Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a.
[8] Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti.
[9] ?Yommus rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin in ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu.
[10] Yeroo sanatti namoonni baay'een in gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennu, walis in jibbu.
[11] Raajonni sobduun baay'een in ka'u; namoota baay'ees in wallaalchisu.
[12] Seera malee jiraachuun waan baay'atuuf, jaalalli namoota baay'ee qabbanaa'aa in adeema.
[13] Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya.
[14] Saba hundumaatti akka dhugaa ba'uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa? jedhe.
[15] Yesus itti fufee, ?Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, inni Daani'el raajichi waa'ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa'aa dhaabatee arguuf jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu!
[16] Yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.
[17] Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin bu'in!
[18] Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin!
[19] Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha!
[20] Baqachuun keessan yeroo gannaatti yookiis guyyaa Sanbataatti akka hin taaneef kadhadhaa!
[21] Yommus rakkinni guddaan ta'uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'es hin ta'u.
[22] Guyyoonni sun utuu gabaabbachuu dhabaatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.
[23] ?Egaa yeroo sanatti namni, ?Ilaa Masiihiin as jira? yookiis ?Achi jira? yoo isiniin jedhe hin amaninaa!
[24] Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.
[25] Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
[26] ?Kanaafis, ?Kunoo, lafa onaa keessa jira? yoo isiniin jedhan gad hin ba'inaa; ?Kunoo mana keessa gola jira? yoo isiniin jedhanis hin amaninaa!
[27] Akka bakakkaan ba'a-biiftuutti bu'u hamma lixa-biiftuutti ibsu, dhufni ilma namaas akkasuma in ta'a.
[28] Raqni iddoo jirutti gogocoroonni wal ga'u? jedhe.
[29] Yesus itti dabalee, ?Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu.
[30] Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul'ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo'uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.
[31] Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokko hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu? jedhe.
[32] Yesus ammoo ?Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi'aate in hubattu.
[33] Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa!
[34] ?Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin darbu.
[35] Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu? jedhe.
[36] Yesus itti dabalee, ?Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.
[37] Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a.
[38] Bara sana bishaan badiisaa dura, hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan.
[39] Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a.
[40] Gaafas namoonni lama lafa qotiisaatti in argamu, inni tokko in fudhatama inni kaan immoo in dhiifama.
[41] Dubartoonni lama dhagaa daakuutti in daaku, isheen tokko in fudhatamti isheen kaan immoo in dhiifamti.
[42] Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!
[43] Abbaan manaa halkan keessaa yeroo hattuun itti dhuftu utuu beeke in dammaqa, mana isaas hin qochiisiisu ture; kanas immoo yaadadhaa!
[44] Kanaaf isinis immoo qophaa'oo ta'aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa? jedhe.
[45] Yesus itti fufee, ?Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa'ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaa'ate isa kami ree?
[46] Egaa hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba.
[47] Dhuguman isinitti hima, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf jira.
[48] Garuu hojjetaan hamaan sun yaada isaa keessatti, ?Gooftaan koo in tura? in jedha ta'a;
[49] hojjetoota akka isaatii reebuu, ofii isaatii immoo nyaachuu warra machooftuu wajjinis dhuguu in jalqaba ta'a.
[50] Yommus gooftaan isaa guyyaa inni hin eeginitti, yeroo inni hin beekinittis in dhufa;
[51] mataa hojjetaa sanaas in tarsaasa, guyyaa isa dhumaattis ga'aa warra of hin arginee in hiraaf, achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe.