Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:07

[1] Yeroo sanatti Herodis abbaan biyyaa oduu Yesus dhaga'ee,

[2] hojjetoota isaatiin immoo, ?Kun Yohannis cuuphaa dha, isatu du'aa kaafame; kanaaf hojiin aangoo kun hundinuu isaan hojjetamaa jiru? jedhe.

[3] Herodis waa'ee Herodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphosiif jedhee, Yohannisin qabsiisee fuuncaadhaan hiisisee, mana hidhaatti galchisiisee ture.

[4] Yohannis yommus Herodisiin, ?Ati ishee fuudhuun kee seera miti? in jedha ture.

[5] Inni Yohannisin ajjeesisuu barbaade ture, garuu namoota warra Yohannisin akka raajiitti ilaalan sodaate.

[6] Guyyaan seenaa dhaloota Herodis geenyaan, intalli Herodiyaas keessummoota sana duratti sirbitee Herodisin gammachiifte.

[7] Kana irratti inni waanuma isheen gaafatte isheedhaaf kennuudhaaf kakaadhaan abdachiise.

[8] Intalattiin immoo haadha isheetiin gorfamtee, ?Asitti mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf kenni? jette.

[9] Mootichi yommus in gadde, garuu sababii kakaa isaatiif, keessummoota isaatiifis jedhee akka inni isheedhaaf kennamu in abboome.

[10] Itti erges, mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kuchisiise.

[11] Mataan isaa sun gabateetti fidamee intalattiidhaaf in kenname; isheen immoo haadha isheetti in geessite.

[12] Yommus bartoonni Yohannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; dhaqaniis Yesusitti in himan.

[13] Yesus kana yommuu dhaga'e kophaa isaa bidiruudhaan achii ka'ee gara iddoo qoofniitti sokke; tuuti sun immoo adeemuu isaa dhaga'anii mandarootaa miillaan isa duukaa bu'an.

[14] Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'e tuuta gobbuu argee, isaaniif oo'ee, dhukkubsatoota isaaniis in fayyise.

[15] Yeroo galgalaa'e immoo bartoonni gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, guyyichis sokkeera; egaa tuuti kun gara gandeenii dhaqanii nyaata ofii isaaniitiif haa bitataniif gad isaan dhiisi!? jedhan.

[16] Yesus immoo, ?Dhaquu isaan hin barbaachisu, ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? isaaniin jedhe.

[17] Isaan garuu deebisanii, ?Nuyi buddeena shanii fi qurxummii lama duwwaa asii qabna? jedhaniin.

[18] Inni immoo, ?As gara kootti fidaa!? jedhe.

[19] Kana booddee marguma sana irra akka taa'aniif tuuta sana abboomee, buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisee cabsees, buddeenan sana bartoota isaatti kekkenne; bartoonni immoo tuuta sanaaf in dhi'eessan.

[20] Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan; ergasii bartoonni hurraa isaan irraa hafe gundoo kudha lama guutuu fuudhan.

[21] Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee dhiirri akka kuma shanii turan.

[22] Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce'aniif bartoota isaa in giddisiise.

[23] Tuuta sana erga gad dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture.

[24] Bidirichi garuu yeroo kana qarqara irraa baay'ee fagaate; sababii qilleensi fuula duraan itti qilleensa'uufis dha'aa bishaaniitiin asii fi achi daddarbatamaa ture.

[25] Halkan keessaa gara iyya indaanqoo isa lammaffaattis Yesus bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe.

[26] Bartoonni garuu bishaan irra utuu inni adeemuu arganii baay'ee na'anii, ?Innoo ekeraa dha? jechaa, sodaachuu isaanii irraa kan ka'e iyyan.

[27] Yesus immoo achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe.

[28] Phexros deebisee, ?Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!? jedheen.

[29] Inni immoo, ?Kottu!? jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti ka'e.

[30] Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, ?Gooftaa! Na oolchi!? jedhe.

[31] Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee, ?Yaa namicha amantii hir'uu! Maaliif mamte?? jedheen.

[32] Yeroo isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate.

[33] Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, ?Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!? jedhaniin.

[34] Yommuu ce'anis bakkee Genesaarexitti lafatti ba'an.

[35] Namoonni iddoo sanaa immoo isa ta'uu baranii, naanna'aa sana hundumaatti erganii, warra dhukkubsachaa turan hundumaa gara isaatti fidan.

[36] Warri dhukkubsatan kun shaashara wayyaa isaattii duwwaa illee akka tuqaniif isa in kadhatu turan; hammi shaashara wayyaa isaa tuqan hundinuus in fayyan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters