Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:27

[1] Yesus dubbii kana hundumaa dubbatee erga raawwatee, Galiilaadhaa ka'ee gara kutaa biyya Yihudaa isa laga Yordaanos gamaa dhaqe.

[2] Tuuti sonaan guddaan isa duukaa bu'e, inni immoo warra dhukkubsatan achitti isaan in fayyise.

[3] Yommus warri Fariisotaa gara isaa dhufanii isa qoruudhaaf, ?Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?? jedhanii gaafatan.

[4] Inni garuu deebisee, ?Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ?Dhiiraa fi dubartii akka uume? hin dubbifnee ree?? jedhe.

[5] Itti dabalees, ? ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u?.

[6] Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!? jedhe.

[7] Fariisonni immoo, ?Yoos Museen, ?Caaffata ittiin ishee baasu kenneefii haa baasu? jedhee maaliif abboome ree?? jedhanii Yesusin gaafatan.

[8] Yesus deebisee, ?Museen sababii mata-jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee, jalqabatti akkas hin turre.

[9] Ani isinittan hima, yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja? isaaniin jedhe.

[10] Yommus bartoonni isaa, ?Seerri abbaa manaa haadha manaa isaatti hidhu akkas yoo ta'e, fuudhuu hin wayyu? ittiin jedhan.

[11] Yesus immoo deebisee, ?Dubbii kana warra isaaniif kenname duwwaatu mataatti fudhata malee, namni hundinuu danda'ee mataatti hin fudhatu.

[12] Dhalachuu isaaniitii jalqabanii xu'aashii kan ta'an jiru; warri harka namaatti xu'aashii ta'anis jiru; mootummaa waaqaatiif jedhanii warri akka xu'aashii of godhanis jiru. Namni kana mataatti fudhachuu danda'u haa fudhatu!? isaaniin jedhe.

[13] Ergasii Yesus harka isaa irra kaa'ee akka isaaniif kadhatuuf, namoonni mucoolii gara isaatti fidan; bartoonni garuu ifatanii isaan dhowwan.

[14] Yesus immoo, ?Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa! Mootummaan waaqaa warra akkasiitiif in ta'a? jedhe.

[15] Yesus harka isaa mataa mucoolii irra in kaa'e; kana booddee immoo achii in adeeme.

[16] Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, ?Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?? jedheen.

[17] Yesus immoo, ?Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuu yoo feete garuu, abboommota eegi!? ittiin jedhe.

[18] Kana irratti dargaggeessichi, ?Abboommota isaan kami?? jedheen. Yesus immoo deebisee, ? ?Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in!

[19] Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; namas akka mataa keetiitti jaalladhu!? isa jedhu? jedheen.

[20] Dargaggeessichi yommus, ?Kana hundumaa raawwadheera; egaa amma maaltu na duraa hir'ate?? jedheen.

[21] Kana booddee Yesus deebisee, ?Raawwatee guutuu ta'uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu'i!? jedheen.

[22] Dargaggeessichi qabeenya guddaa qaba waan tureef, dubbii kana yommuu dhaga'e, gadde achii in adeeme.

[23] Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Ani dhuguman isinitti hima, namni sooressi mootummaa waaqaatti galuun rakkisaa dha.

[24] Ammas isinittan hima, sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe.

[25] Bartoonni kana yommuu dhaga'an baay'ee na'anii dinqifatanii, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jedhan.

[26] Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Kun namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama? isaaniin jedhe.

[27] Phexros kana irratti, ?Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune'ootii, egaa maal arganna laata ree?? jedheen.

[28] Yesus immoo, ?Ani dhuguman isinitti hima, biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taa'u, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israa'el kudha lamaan keessatti firdii in kennitu.

[29] Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.

[30] Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru; warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru? isaaniin jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters