[1] Yommuu lafti bari'es luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesusin ajjeesuudhaaf mari'atan.
[2] Isaan isa hidhanii, geessanii, Philaaxos bulchaa biyyaatti dabarsanii kennan.
[3] Yihudaan inni dabarsee isa kenne Yesusitti akka faradame yommuu hubate gaabbee, meetii soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee,
[4] ?Ani dhiiga nama yakka hin qabne dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera? isaaniin jedhe. Isaan garuu, ?Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!? jedhan.
[5] Yihudaan kana irratti meetticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase.
[6] Luboonni warri angafoonni garuu meetticha fuudhanii, ?Meetiin kun horii dhiiga namaa dhangalaasise waan ta'eef, horii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti? jedhan.
[7] Ergasii mari'atanii iddoo awwaala warra ormaaf akka ta'utti, lafa namicha suphee dha'u tokkoo ittiin bitan.
[8] Kanaaf lafti sun hamma har'aatti ?Lafa dhiigaa? jedhamee waamama.
[9] Inni Ermiyaas raajichi dubbate kanaan raawwatame, ?Isaan meetii soddomman gatii isa namoota Israa'eliin shallagame sanaa fuudhanii,
[10] akkuma gooftichi na abboometti gatii lafa namicha suphee dha'uu kennan? jedhee ture.
[11] Yesus yeroo bulchaa biyyaa dura dhaabatetti, bulchaan biyyaa, ?Sii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebisee, ?Situ akkas jedha? jedheen.
[12] Isa luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni isa hadheessan irratti immoo deebii hin laanne.
[13] Yommus Philaaxos, ?Waan isaan kun si irratti dhugaa ba'an kana hundumaa hin dhageessuu ree?? ittiin jedhe.
[14] Yesus garuu dubbii tokkoof iyyuu deebii isaaf hin laanne; bulchaan biyyaas kanatti guddaa dinqifate.
[15] Bulchaan biyyaa ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa, namuma isaan gad nuuf dhiisi jedhan tokko, namootaaf gad dhiisuu amala godhatee ture.
[16] Yeroo sanatti Barabbaa kan jedhamu, namni dira'ina isaatiin beekame tokko hidhamee ture.
[17] Yommuu jarri walitti qabamanis Philaaxos, ?Eenyuun akkan isiniif gad dhiisu barbaaddu? Barabbaa moo yookiis Yesus isa Kristos jedhamu?? isaaniin jedhe.
[18] Inni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan beeka ture.
[19] Kanuma irratti iyyuu utuu Philaaxos barcuma firdii irra taa'uu haati manaa Philaaxos, ?Namicha qajeelaa sana waa hin godhin! Anoo eda halkan abjuutti waa'ee isaatiif baay'ee dhiphachaan ture? jettee itti dhaamte.
[20] Luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni garuu, Barabbaa gad nuuf dhiisi, Yesusin immoo balleessi jedhanii, Philaaxosin akka kadhataniif namoota tole jechisiisan.
[21] Bulchaan biyyaa immoo, ?Isaan lamaan keessaa eenyuun akkan gad isiniif dhiisu barbaaddu?? jedhee isaan gaafate. Isaan immoo ?Barabbaa gad nuuf dhiisi!? jedhan.
[22] Philaaxos, ?Egaa Yesus isa Kristos jedhamu immoo maal godhu ree?? jedhee isaan gaafate; yommus hundumti isaanii, ?Haa fannifamu!? jedhan.
[23] Inni immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? jedhe; isaan garuu ittuma caalchisanii, ?Haa fannifamu!? jedhanii iyyan.
[24] Philaaxos immoo caalaatti waca kaasuu malee homaa akka waa'ee hin baafne yommuu arge, bishaan fudhatee, namoota duratti harka isaa dhiqatee, ?Ani dhiiga nama kanaa irratti yakka hin qabu, isin beekkadhaa!? jedhe.
[25] Kana irratti namoonni hundinuu, ?Dhiigni isaa nu irraa, ijoollee keenya irraas haa barbaadamu!? jedhanii deebisaniif.
[26] Philaaxos ergasii Barabbaa gad isaaniif dhiisee, Yesusin immoo reebsisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
[27] Yommus loltoonni bulchaa biyyaa Yesusin gara mana mootummaatti geessanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafan isatti dachaasan.
[28] Isaan wayyaa irraa baasanii, uffata bildiimaa itti uffisan.
[29] Gonfoo qoraattii hojjetanii mataa isaa irra kaa'anii, ulees harka isaa mirgaatiin qabachiisan. Isa durattis jilbeenfatanii, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii itti ga'isan.
[30] Isatti tufanii, ulicha fuudhanii ittiin mataa isaa rurrukutan.
[31] Erga itti ga'isanii booddee immoo, uffata sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddees fannisuudhaaf isa geessan.
[32] Utuu gad ba'aniis, nama biyya Qareenaa Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.
[33] Isaan iddoo Golgootaa jedhamu dhufan; ?Golgootaa? jechuun ?iddoo lafee mataa? jechuu dha.
[34] Loltoonni achitti daadhii waynii hadhooftuudhaan makame haa dhuguuf kennaniif; inni garuu afaaniin qabee, dhuguu jibbe.
[35] Erga isa fannisanii booddee muka buufatanii uffata isaa hirmaatan.
[36] Kana booddee isaan taa'anii achitti isa eegan.
[37] Caaffanni yakka inni ittiin hadheeffame mul'isus, ?Inni kun Yesus mootii Yihudootaa ti? kan jedhu, mataa isaa irraan kaa'amee ture.
[38] Yommus saamtonni lama isaa wajjin, inni tokko mirga isaatti, inni kaan immoo bitaa isaatti fannifaman.
[39] Warri achiin darbanis mataa isaanii raasanii,
[40] ?Ati isa mana qulqullummaa jigsitee, guyyaa sadiitti ijaartu, ilma Waaqayyoo yoo taate mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.
[41] Luboonni warri angafoonnis immoo barsiisota seeraa fi maanguddootaa wajjin akkasuma isatti ga'isanii,
[42] ?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u. Inni mootii Israa'el erga ta'ee, mee amma fannoo irraa gad haa bu'u nus isatti in amanna.
[43] Inni Waaqayyoon amanateera, Waaqayyo immoo yoo isatti gammade isa haa oolchu; innumtuu ?Ani ilma Waaqayyoo ti? jedheera? jedhan.
[44] Warri saamtonni isaa wajjin fannifaman iyyuu akkasuma isa in arrabsu turan.
[45] Guyyaa sa'aatii ja'aa hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.
[46] Gara sa'aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elii, Elii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.
[47] Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Namni kun Eliyaasin waammata? jedhan.
[48] Achumaan immoo tokko isaan keessaa fiigee waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa daadhii waynii dhangaggaa'aan guutame fuudhee uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneef.
[49] Warri kaan garuu, ?Turi! Eliyaas isa oolchuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhan.
[50] Yesus ammoo sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
[51] Kunoo golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e, lafti in socho'e, kattaawwanis in dadaya'an.
[52] Awwaalonnis immoo banamanii, warri qulqulloonni dur du'an in kaafaman.
[53] Isaanis awwaalota keessaa ba'anii, du'aa ka'uu Yesus booddee Yerusaalem mandara qulqullaa'aatti lixanii namoota baay'eetti mul'atan.
[54] Angafni dhibbaa fi namoonni isaa wajjin Yesusin egaa turan, socho'a lafaa, waan yeroo sana ta'e hundumaas yommuu argan guddaa sodaatanii, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhan.
[55] Dubartoonni baay'een Galiilaadhaa isa duukaa bu'anii isaaf kan hojjetan, halaala dhaabatanii in ilaalu turan.
[56] Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Yoseef, haati ilmaan Zabdewosis isaan keessa turan.
[57] Yommuu galgalaa'e sooressi mandara Armaatiyaa, Yoseef jedhamu tokko dhufe; namichi kun ofuma isaatii bartuu Yesus ta'eera.
[58] Inni Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate; kana irratti Philaaxos akka kennamuuf in abboome.
[59] Yommus Yoseef reefficha fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee,
[60] awwaala isa reefuu ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti tolfate keessa kaa'e; dhagaa guddaas gara balbala awwaalichaatti gangalchee, adeeme.
[61] Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam isheen kaanis fuullee awwaalichaa in taa'u turan.
[62] Guyyaan qophaa'ummaa darbee borumtaa isaa luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni Philaaxos duratti walitti qabamanii,
[63] ?Gooftaa! Inni wallaalchifataan sun utuu jiruu, ?Guyyaa sadii booddee nan kaafama? akka inni jedhe yaadanneerra.
[64] Kanaafis awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu, abboomi! Kun yoo ta'uu dhabaate garuu bartoonni isaa dhufanii isa hatanii namootaan immoo, ?Inni du'aa ka'eera? in jedhu; wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo isa duraa irra caalaa kan hammaatu in ta'a? jedhaniin.
[65] Philaaxos yommus, ?Warra eegan fudhadhaa dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa!? isaaniin jedhe.
[66] Akkasitti isaan eegdota sanaa wajjin dhaqanii, dhagichatti mallattoo godhanii, awwaalicha eegsisan.