[1] Ergasii Yesus Seexanaan qoramuudhaaf, hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame.
[2] Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela'e.
[3] Yommus inni isa qoru dhufee, ?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka ta'aniif abboomi!? ittiin jedhe.
[4] Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee? kan jedhu caafameera? jedhe.
[5] Seexanni ammoo gara mandara qulqullaa'aatti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irras dhaabachiisee,
[6] ?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu, ?Inni ergamoota isaa siif in abbooma, miilli kee dhagaatti akka hin buunettis isaan harka isaanii irratti si in baatu? kan jedhu caafameera? ittiin jedhe.
[7] Yesus garuu, ? ?Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin? kan jedhus immoo caafameera? ittiin jedhe.
[8] Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee,
[9] ?Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna? jedheen.
[10] Yommus Yesus immoo, ?Seexana nana, argaa koo duraa turi! ?Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen.
[11] Ergasii Seexanni isa dhiise, ergamoonni Waaqayyoos dhufanii isaaf in ergaman.
[12] Yohannis mana hidhaatti dabarfamee kennamuu isaa dhaga'ee, Yesus gara Galiilaatti in sokke.
[13] Naazireetinis dhiisee gara kutaa biyya Zebuloonii fi Niftaalem dhaqee, Qifirnaahom mandara bishaan qarqaraa keessa jiraate.
[14] Kunis Isaayaas raajichaan kan dubbatame akka raawwatamuuf,
[15] ?Biyyi Zebuloon, biyyi Niftaalem, garri galaanaa, Yordaanos gamni, Galiilaan inni kan warra saba Waaqayyoo hin ta'inii, ulfina in argatu;
[16] sabni dukkana keessa jiraate, ifa guddaa isaa arge; warra gooftummaa du'aa fi gaadidduu du'aa jala jiraataniifis ifni in ba'e? jedhe.
[17] Yeroo sanaa jalqabee Yesus, ?Mootummaan waaqaa waan dhi'aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!? jedhee labsuutti ka'e.
[18] Yesus ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu deddeebi'uu obbolaa lamaan, Simoon isa Phexros jedhamuu fi Indriiyaas obboleessa isaa kiyyoo isaanii bishaanitti darbachuutti jiru iyyuu arge; isaan qurxummi-qabduu turan.
[19] Yesusis, ?Na duukaa bu'aa! Anis nama kan walitti qabdan isin nan godhadha!? isaaniin jedhe.
[20] Achumaan isaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii isa duukaa bu'an.
[21] Inni achii adeemee obbolaa kan biraa lama, Yaaqoobii fi Yohannisin ilmaan Zabdewos, abbaa isaanii Zabdewosii wajjin bidiruu isaanii keessatti kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii argee, isaan in waame.
[22] Achumaanis bidiruu isaanii, abbaa isaaniis dhiisanii isa duukaa in bu'an.
[23] Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture.
[24] Oduun isaas Soriyaa hundumaatti dhaga'ame; yommus namoonni dhukkubsatoota isaanii, warra dhukkuba garaa garaatiin, waraansaanis dhiphatan, warra hafuurri hamaan itti gale, dhukkuba nama kuffisu kan qaban, dhagni isaanii gar tokko kan du'es hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan in fayyise.
[25] Kana irratti tuuti sonaan guddaan kutaa biyya Galiilaatii, mandaroota kurnanii, Yerusaalemii, kutaa biyya Yihudaatii, Yordaanos gamaas isa duukaa in bu'an.