[1] Yesus ammoo fakkeenyaan namootatti dubbate;
[2] ?Mootummaan waaqaa mootii ilma isaatiif cidha godhatetti fakkeeffama.
[3] Mootichi warra cidhichatti waamamanii turan haa yaadachiisaniif hojjetoota isaa erge; isaan garuu dhufuu hin jaallanne.
[4] Amma immoo hojjetoota kan biraa ergee, ?Warra waamaman sanaan, kunoo nyaanni qophaa'eera, sangoonni, horiin coccoomoon qalamaniiru, hundinuus qophaa'aa dha, gara cidhaatti kottaa jedhaatii itti himaa!? jedhe.
[5] Warri waamaman garuu tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaa, inni kaanis gara bitaa gurgurtaa isaa dhaqe.
[6] Warri kaan immoo hojjetoota mootichaa qabanii, salphisanii, ajjeesanis.
[7] Mootichi yommus baay'ee aaree, loltoota isaa itti ergee, warra hojjetaa isaa ajjeesan sana balleessee, mandara isaanii gube.
[8] Ergasii hojjetoota isaatiin, ?Cidhichi qophaa'aa dha, warri waamaman garuu cidhichaaf hin malle.
[9] Gara karaa mandaratti galchu dhaqaa, namuma argitanis gara cidhichaatti waamaa!? jedhe.
[10] Yommus hojjetoonni sun gara karaa gurguddaatti ba'anii, kan argatan hundumaa, warra hamootas warra gaggaariis dachaasan, manni cidhichaas keessummootaan guute.
[11] ?Kana booddee mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf ol galee, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge.
[12] Namichaan immoo, ?Namicho! Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol lixe?? jedhe; namichis waan dubbatu dhabe.
[13] Yommus mootichi warra achi keessaa ergamaniin, ?Harka isaa fi miilla isaa hidhaatii, dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe.
[14] Warri waamaman baay'ee dha, warri fo'aman garuu muraasa? jedhee dubbii isaa xumure.
[15] Yommus warri Fariisotaa dhaqanii waan inni dubbatuun kiyyootti isa galchuudhaaf, Yesus irratti mari'atan.
[16] Ergasiis duuka-buutuu isaanii akkasumas warra garee Herodis keessaa gar tokko gara Yesusitti erganii, ?Yaa barsiisaa, akka ati dhuga-qabeessa taate, karaa Waaqayyoos dhugaadhumaan akka barsiiftu beekna; ati nama hin sodaattu, nama wal caalchisuunis si bira hin jiru.
[17] Ammas maal sitti fakkaata, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun seera moo, seera miti? Nutti himi!? jedhaniin.
[18] Yesus garuu jal'ina isaanii beekee, ?Isin warra of hin arginee nana, maaliif na qortu?
[19] Horii ittiin gibira sana baaftan anatti argisiisaa!? jedhe; kanaaf isaan bifa horichaa isatti fidan.
[20] Yesus immoo, ?Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?? jedhe.
[21] Isaanis, ?Kan mooticha warra Roomaa ti? ittiin jedhan. Achumaanis Yesus, ?Egaa mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? isaaniin jedhe.
[22] Yeroo kana dhaga'anitti dinqifatanii, achumatti isa dhiisanii adeeman.
[23] Gaafasuma Saduqoonni, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan, gara Yesus dhufanii,
[24] ?Yaa barsiisa, ?Namni tokko dhala utuu hin godhatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana dhaalee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhe Museen.
[25] Kunoo obboloonni torba nu gidduu jiraachaa turan; inni angafni niitii fuudhee, utuu dhala hin godhatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee du'e.
[26] Inni lammaffaan inni sadaffaanis hamma isa torbaffaatti ishee fuudhanii dhala utuu hin godhatin irraa du'an.
[27] Hunduma isaanii booddee immoo dubartittiin in duute.
[28] Egaa hundumti isaanii ishee fuudhanii turani'o, du'aa ka'uutti isaan torbanuu keessaa isa kamiif haadha manaa taati ree?? jedhanii isa gaafatan.
[29] Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin beekiniif irraa kaattan.
[30] Du'aa ka'uutti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa ta'u malee hin fuudhan, hin heerumanis.
[31] Waa'ee ka'uu warra du'anii immoo isa Waaqayyo isiniin jedhe hin dubbifnee ree?
[32] Inni, ?Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob? jedheera. Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee? isaaniin jedhe.
[33] Yommus namoonni kana dhaga'anis barsiisa isaatti in dinqifatan.
[34] Yesus warra Saduqootaa afaan qabachiisuu isaa yommuu dhaga'an, warri Fariisotaa achitti walitti dacha'an.
[35] Isaan keessaa immoo namichi seera beekaan tokko Yesusin qoruudhaaf gaaffii isa gaafatee,
[36] ?Yaa barsiisa, seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhe.
[37] Yommus Yesus deebisee, ? ?Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?.
[38] Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana.
[39] Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ?Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?.
[40] Seerrii fi barsiissi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan irra dhaabatanii jiru? jedheen.
[41] Akkuma warri Fariisotaa walitti dacha'anii jiranitti, Yesus gaaffii isaan gaafate;
[42] ?Waa'ee Masiihichaa maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?? jedhe. Isaan immoo, ?Ilma Daawit? jedhanii deebisaniif.
[43] Kana irratti inni, ?Yoos immoo attamitti Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gooftaa ittiin jedhe ree?
[44] ?Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaa'utti, gara mirga koo taa'i, jedheera? jedhee dubbate.
[45] Egaa Daawit ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? isaaniin jedhe.
[46] Namni tokko illee sagalee tokko deebii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sanaa jalqabees gaaffii tokko isa gaafachuudhaaf namni ija jabaate hin turre.