Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:18

[1] Ergasii Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yerusaalemii gara Yesus dhufanii,

[2] ?Bartoonni kee maaliif seera muka abbaa keenyaa irra daddarbu? Isaanoo buddeena nyaachuu isaanii dura harka dhiqachuudhaan of hin qulleessan? jedhaniin.

[3] Yesus deebisee, ?Isinoo seera muka abbaa keessaniitiif jettanii, maaliif abboommii Waaqayyoo irra daddarbitu?

[4] Waaqayyo, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? iddoo biraatti immoo, ?Abbaa isaa fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu dhugumaan haa ajjeefamu!? jedheera.

[5] Isin garuu, ?Namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, wanti na biraa isiniif kennamuuf malee, amma Waaqayyoof kenname yoo jedhe,

[6] egaa abbaa isaaf yookiis haadha isaaf ulfina kennuu isa hin barbaachisu? jettu. Akkasitti seera muka abbaa keessaniitiif jettanii dubbii Waaqayyoo busheessitu.

[7] Isin of hin arginee nana! Isaayaas waa'ee keessaniif raajii isaa keessatti,

[8] ?Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;

[9] ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu? isa jedhe ba'eessa dubbate? jedhe.

[10] Yesus namoota ofitti waamee, ?Dubbii koo dhaga'aa hubadhaas!

[11] Wanti afaan namaa lixu, xuraa'aa nama hin godhu; wanti afaan namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha? isaaniin jedhe.

[12] Yommus bartoonni gara isaa dhufanii, ?Warri Fariisotaa dubbii ati jette yommuu dhaga'an gufachuu isaanii beekteettaa?? ittiin jedhan.

[13] Yesus immoo deebisee, ?Biqiltuun abbaan koo inni waaqa irraa hin dhaabin hundinuu in buqqa'a.

[14] Waa'ee isaanii dhiisaa! Isaan jaamota, jaamota akka isaaniis karaa in argisiisu; namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa yoo argisiise, lachuu wal fudhatanii boolla keessa in bu'u? jedhe.

[15] Phexros garuu deebisee, ?Fakkeenyicha nuuf hiiki!? jedheen.

[16] Yesus immoo deebisee, ?Isinumtuu hamma ammaatti hin hubatin jirtuu?

[17] Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar'umaanitti darbee bakkeetti akka ba'u hin qalbifattanii ree?

[18] Dubbiin afaan keessaa ba'u garuu, yaada garaa namaa keessaa dhufa; isatu xuraa'aa nama godha.

[19] Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba'ao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba'uu, nama salphisuus.

[20] Isaan kanatu xuraa'aa nama godha malee, harka dhiqachuudhaan utuu of hin qulleessin nyaachuun xuraa'aa nama hin godhu? jedheen.

[21] Yesus achii adeemee gara kutaa biyya Xiiroosii fi Sidoonitti sokke.

[22] Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee guddaadhaan, ?Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli koo hafuura hamaadhaan qabamte jirti, anaaf maari!? jette.

[23] Yesus garuu sagalee tokko iyyuu isheef hin deebifne. Bartoonni isaa yommus gara isaa dhufanii, ?Ishee nu booddeedhaa iyyaa adeemtu kana, waan isheen barbaaddu godhiifii of biraa deebisi!? jedhaniin.

[24] Inni immoo deebisee, ?Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne? jedheen.

[25] Dubartittiin garuu dhuftee miilla Yesusitti kuftee, ?Yaa gooftaa na gargaari!? jetteen.

[26] Yesus yommus deebisee, ?Buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaa darbachuun ba'eessa miti? jedheen.

[27] Isheen, ?Eyyee, yaa gooftaa, haa ta'u iyyuu malee, saroonnis maaddii gooftota isaanii irraa isa harca'u in nyaatu? jette.

[28] Kana irratti Yesus, ?Dubartii nana! Amantiin kee guddaa dha, akkuma ati barbaadde siif haa ta'u!? jedhee deebiseef; intalli ishees si'uma sana fayyite.

[29] Ergasii Yesus achii adeemee, ciisa bishaan Galiilaa bira dhufee, gaara tokkotti ol ba'ee achi in taa'e.

[30] Tuuti sonaan baay'een immoo warra hokkolan, warra jaaman, warra kottaa'an, warra arraba didaa akkasumas kan biraa baay'ee fidanii dhufanii, miilla Yesus jala kaa'an; yommus inni isaan in fayyise.

[31] Tuuti sun immoo, warri arraba didaa akka dubbatan, warri kottaa'an akka fayyan, warri hokkolan akka asii fi achi adeeman, warri jaaman akka argan hubatee in raajeffate; Waaqayyo gooftaa Israa'eliif immoo hooqubaa dhi'eesse.

[32] Yesus garuu bartoota isaa ofitti waamee, ?Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaaniif nan oo'a; egaa ani akka isaan karaatti hin kukkufnetti, akkuma beela'aa jiranitti gad isaan dhiisuu hin barbaadu? isaaniin jedhe.

[33] Kana irratti bartoonni isaa, ?As lafa onaa kanatti buddeena tuuta guddaa kana quufsu eessaa arganna ree?? jedhaniin.

[34] Yesus immoo, ?Buddeena meeqa qabdu?? jedhee isaan gaafannaan, isaan immoo, ?Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna? jedhaniin.

[35] Yommus inni lafuma sana akka tattaa'aniif namoota abboome.

[36] Buddeenan torbanii fi qurxummiiwwan sana fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, caccabsee bartootatti kekkenne; bartoonnis tuuta sanaaf in dhi'eessan.

[37] Hundumti isaaniis nyaatanii quufan; hurraa irraa hafes gundoo gurguddaa torba guutanii fuudhan.

[38] Warri buddeenicha nyaatan dubartootaa fi ijoollota malee dhiirota kuma afur turan.

[39] Ergasii Yesus tuuta sana gad dhiisee, bidiruu yaabbatee gara kutaa biyya Magadaan jedhamuu dhaqe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters