Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:15

[1] Yeroo sana Yesus guyyaa Sanbataatti maasii qamadii tokko keessa darbe; bartoonni isaa immoo beela'anii waan turaniif, asheetii isaa ciranii nyaachuutti ka'an.

[2] Warri Fariisotaa yommuu kana argan Yesusiin, ?Bartoonni kee akka seeraatti Sanbataan gochuun kan hin taane gochaa jiru, ilaali?!

[3] Inni immoo deebisee, ?Daawit namoota isaa wajjin yommuu beela'e waan godhe hin dubbifne moo isin?

[4] Inni mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa isa Waaqayyoof dhi'aate nyaate; isa nyaachuun luboota duwwaaf malee, isaaf warra isaa wajjin turaniif, seeraan dhowwamaa ture.

[5] Yookiis luboonni guyyuma Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti Sanbata akka xureessan, yakka ta'ees akka isaanitti hin lakkaa'amin, seera keessaa hin dubbifnee ree?

[6] Mana qulqullummaa irra kan caalu as akka jiru, ani isinittan hima.

[7] Garuu inni, ?Ani gara-laafina malee, aarsaan barbaada miti? jedhu, maal jechuu akka ta'e utuu hubattaniittu ta'ee, warra yakka hin qabnetti yakka hin murtan turtan.

[8] Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha? isaaniin jedhe.

[9] Achiis darbee Yesus mana sagadaa isaanii lixe.

[10] Kunoo, namni harki isaa naafaa tokko achi ture; yommus jarri ittiin isa hadheessuudhaaf, ?Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraa?? jedhanii isa gaafatan.

[11] Inni immoo, ?Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, hoolaan isaas guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo kufe, qabee achi keessaa kan hin baafne eenyu inni?

[12] Egaa namni immoo hammam hoolaa irra haa caalu ree? Kanaafis guyyaa Sanbataatti gaarii hojjechuun seera? isaaniin jedhe.

[13] Ergasii namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe; namichis diriirse, harki isaa deebi'ee akkuma isa kaanii fayyaa ta'e.

[14] Warri Fariisotaa garuu gad ba'anii, attamitti akka isa balleessan mari'achuutti ka'an.

[15] Yesus kana baree achii sokke; namoonni baay'eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise;

[16] jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe.

[17] Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta'e;

[18] innis, ?Ilaa hojjetaa koo isa ani fo'adhe, isa jaallatamaa kan koo tii, isa lubbuun koo itti gammade; hafuura koo isa irra nan bulcha, inni saba hundumaaf firdii qajeelaa in labsa.

[19] Inni hin wacu, hin caraanus, namni tokko illees karaa keessatti sagalee isaa hin dhaga'u.

[20] Firdiin qajeelaan akka mo'u hamma godhutti, inni jajjaba buruqfamaa hin cabsu, fo'aa ibsaa isa seequs hin dhaamsu;

[21] sabni hundinuu maqaa isaa in abdatu? isa jedhee dha.

[22] Yommus namicha hafuurri hamaan keessa jiru, iji isaa jaamaa, arrabni isaas didaa tokko gara Yesusitti fidan; inni immoo arrabni namichaa akka dubbatu, iji isaas akka argu godhee isa fayyise.

[23] Yommus namoonni hundinuu na'anii dinqifatanii, ?Kun ilma Daawit ta'uu hin danda'uu?? jedhan.

[24] Warri Fariisotaa yommuu kana dhaga'an garuu, ?Namichi kun Bi'el Zebul angafa Seexanootaa duwwaadhaan hafuurota hamoota baasa? jedhan.

[25] Yesus immoo yaada isaanii beekee, ?Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu; mandarri tokko yookiis maatiin tokko ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, dhaabachuu hin danda'u.

[26] Seexannis Seexana yoo baase ofii isaatii gargar in caba, egaa mootummaan isaa attamitti dhaabachuu danda'a ree?

[27] Yoo ani humna Bi'el Zebuliin hafuurota hamoota baase, ijoolleen keessan immoo humna eenyuutiin isaan baasu? Kanaafis ijoolleedhumti keessan isinitti in farachiisu.

[28] Ani garuu hafuura Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.

[29] ?Yookiis namicha jabaa sana duraan dursee yoo hidhe malee, attamitti namni mana nama jabaa tokkoo lixee mi'a isaa saamuu danda'a ree? Erga isa hidhee garuu dhuguma mana isaa akka jirutti saamuu in danda'a.

[30] Eenyu illee gara koo yoo ta'uu dhabaate mormituu koo ti, akkasumas na gargaaree kan walitti hin qabne, in bittimsa.

[31] Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka'u garuu hin dhiifamu.

[32] Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti, bara dhufuttis dhiifama hin argatu? isaaniin jedhe.

[33] Yesus itti fufee, ?Muka gaarii qabaadhaa, iji isaas gaarii in ta'a; yookii immoo muka gadhee qabaadhaa, iji isaas gadhee in ta'a; mukti ija isaatiin in beekama.

[34] Isin ijoollee mar'ataa! Ofii keessanii hamoota erga taatanii, attamitti gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata.

[35] Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa.

[36] Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii, guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru.

[37] Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama? jedhe.

[38] Yommus barsiisota seeraa fi Fariisota keessaa jarri tokko Yesusiin, ?Yaa barsiisaa! Milikkita akka ati nu argisiiftu barbaanna? jedhan.

[39] Inni garuu deebisee, ?Dhaloonni hamaanii fi gara gaggalaan milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas raajichaa irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf.

[40] Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira.

[41] Namoonni Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa wajjin ka'anii in dhi'aatu, ittis in farachiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga'anii yaada garaa isaanii geddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira.

[42] Mootuun biyya gara mirgaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin kaatte in mul'atti, ittis in farachiifti. Isheen ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf biyya fagoodhaa dhufteetti; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira? jedhe.

[43] Yesus, ?Hafuurri hamaan nama keessaa yommuu ba'u, iddoo itti aara galfatu barbaaduuf lafa bishaan hin jirre keessa in deddeebi'a; garuu tokko illee hin argatu.

[44] Kana booddees, ?Mana koo isa ani keessaa ba'ettan deebi'ee gala? jedha. Yommuu deebi'ee dhufus, manichi duwwaa isaa haramee, qopheeffamee in argata.

[45] Ergasii dhaqee hafuurota torba isa irra kan hammaatan of duukaa in fida; isaanis manichatti galanii keessa taa'u. Jireenyi namicha sanaa inni gara booddee isa duraa irra kan itti hammaatu ta'a; kan dhaloota hamaa kanaas akkasuma in ta'a? jedhe.

[46] Utuu Yesus namootaa wajjin dubbachaa jiruu, kunoo haati isaa, obboloonni isaas isaa wajjin dubbachuu barbaadanii dhufanii, ala in dhaabatu turan. [

[47] Yommus namni tokko, ?Ilaa! Haati kee fi obboloonni kee ala dhaabatanii jiru, sii wajjin dubbachuu barbaadus? ittiin jedhe.]

[48] Yesus garuu deebisee namicha isatti himeen, ?Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufa'i?? jedhe.

[49] Harka isaas gara bartoota isaatiitti qabee, ?Kunoo ti haati koo, obboloonni koos!

[50] Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa kan godhu eenyu iyyuu, obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters