[1] Kun jalqaba wangeela Yesus Kristos ilma Waaqayyoo ti.
[2] Macaafni, ?Ilaa, ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga!? in jedha. Macaafa Isaayaas raajichaa keessatti immoo,
[3] ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa!? kan jedhu caafamee jira.
[4] Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa! Waaqayyo immoo cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse.
[5] Guutummaa kutaa biyya Yihudaa keessa, mandara Yerusaalem keessa kan jiraatanis hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'anii, cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti of in cuuphsisu turan.
[6] Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha'ame uffate, mudhii isaas teephaan hidhate, hawaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate.
[7] Innis, ?Inni ana irra jabaatu na booddeedhaan dhufaa jira; gad gugguufee hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf ani nama ta'u miti.
[8] Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha? jedhee labse.
[9] Bara sanatti Yesus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe.
[10] Yohannis akkuma Yesus bishaanicha keessaa ba'een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gugeetti dhufee isa irra bu'uu isaa arge.
[11] Sagaleen immoo, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhee waaqa irraa dubbate.
[12] Hafuurri qulqulluun achumaan Yesusin gara lafa onaatti in baase.
[13] Yesus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, Seexanaanis qoramaa ture. Achittis bineensota gidduu ture, ergamoonni Waaqayyoos isaaf in ergamu turan.
[14] Yohannis cuuphaan mana hidhaatti dabarfamee erga kennamee booddee, Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe.
[15] ?Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!? jedhe.
[16] Yesus ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu darbuu, Simoonii fi Indriiyaasin obboleessa Simoon kiyyoo isaanii bishaanichatti utuu darbatanii arge; isaan qurxummi-qabduu turan.
[17] Yesus immoo, ?Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadha? isaaniin jedhe.
[18] Isaan achumaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii, isa duukaa in bu'an.
[19] Yesus takka adeemee, Yaaqoobii fi Yohannisin ilmaan Zabdewos, bidiruu isaanii keessa taa'anii kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii arge.
[20] Inni achumaan isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewosin hojjetootaa wajjin bidiruu keessatti dhiisanii, Yesusin duukaa bu'an.
[21] Yesus, bartoonni waamamanis mandara Qifirnaahom dhaqan; inni immoo guyyaa Sanbataatti mana sagadaatti galee barsiise.
[22] Garaan warra isa dhaga'aniis barsiisa isaatiin rukutame; Yesus akka barsiisota seeraatti utuu hin ta'in, akka nama aboo qabutti isaan in barsiisa ture.
[23] Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee,
[24] ?Yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo? jedhe.
[25] Yesus garuu, ?Gab jedhi, keessaa ba'is!? jedhee hafuuricha hamaa in ifate.
[26] Hafuurri hamaan sun namicha qabatee ture sana wixxifachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee, namicha keessaa ba'e.
[27] Isaan hundinuu na'anii, dinqifataniis, ?Maal wanti akkasii? Barsiisa haaraa aboo of keessaa qabu! Inni hafuurota hamoota iyyuu in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? jedhanii walitti dudubbatan.
[28] Oduun isaa takkaadhumaan naanna'aa kutaa biyya Galiilaa sana keessaa iddoo halle hundumaatti dhaga'ame.
[29] Yesus mana sagadaatii akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe.
[30] Yommus amaatiin Simoon dhukkuba dhagna-gubaadhaan qabamtee in ciifti turte; achumaan jarri waa'ee ishee isatti himan.
[31] Yesus itti dhi'aatee, harka ishee qabee ol ishee kaase. Dhagna-gubaan sunis ishee dhiise, isheen immoo isaan in keessumsiifte.
[32] Galgala sana erga aduun lixee booddee, warra dhukkubsatan, warra hafuura hamaadhaan qabamanis hundumaa gara isaatti fidan.
[33] Namoonni mandara sanaa hundumtuu balbala duratti walitti qabaman.
[34] Yesus dhukkubsatoota baay'ee warra dhukkuba garaa garaatiin rakkachaa turan fayyisee, hafuurota hamootas baay'ee baase; hafuuronni hamoonni isa waan beekaniif, inni dubbachuu isaan dhowwe.
[35] Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate.
[36] Simoonii fi warri isaa wajjin turan isa barbaacha ba'an.
[37] Isa argatanii, ?Hundinuu si barbaadaa jiru? jedhaniin.
[38] Yesus garuu, ?Ani isaaf waanan ba'eef, achittis akkan lallabuuf kottaa gara mandaroota nutti aananii in dhaqnaa!? isaaniin jedhe.
[39] Inni dhaqee manneen sagadaa isaanii guutummaa kutaa biyya Galiilaa keessa jiranitti lallabee, hafuurota hamootas namoota keessaa baase.
[40] Namni dhagni isaa lamxaa'e tokko gara Yesus dhufee [jilbeenfatee], ?Fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedhee isa kadhate.
[41] Kanaaf Yesus garaa laafeefii hiixatee qabee, ?Fedheeraa qullaa'i!? ittiin jedhe.
[42] Achumaan namichi lamxii isaa irraa fayyee qullaa'e.
[43] Yommus Yesus namicha cimsee of eeggachiisee,
[44] ?Beekkadhu, waan tokko illee namatti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaattuu haa mul'atuuf akka Museen abboomettis qullaa'uu keetiif kennaa kee dhi'eessi!? jedhee isa gad dhiise.
[45] Namichi achii erga ba'ee booddee, waan baay'ee waa'ee isaatiif odeessuutti ka'ee, dubbii kana biyyaan ga'e. Kanaaf Yesus lafa namni hin jirre bubbule malee, mul'inatti mandaratti galuu hin dandeenye; namoonnis iddoo hallee gara isaa in dhufu turan.