Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:19

[1] Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.

[2] Innis bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate, fuulli isaas akka biiftuu ibse uffanni isaas akka ifaa addaatee balaqqise.

[3] Kunoo Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan.

[4] Phexros gidduutti, ?Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif nan ijaara? jedhee Yesusitti dubbate.

[5] Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo duumessi ifa of keessaa qabu tokko isaanitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!? jedhe.

[6] Bartoonni immoo sagalicha dhaga'anii adda isaaniitiin gombifaman, guddaas in sodaatan.

[7] Yesus garuu isaanitti dhi'aatee harkaan isaan qabee, ?Ka'aa, hin sodaatinaas!? isaaniin jedhe.

[8] Isaan yommuu ol ilaalan Yesus duwwaa argan malee, nama biraa tokko iyyuu hin argine.

[9] Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yesus, ?Ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa hamma kaafamutti, mul'ata argitan kana nama tokkotti iyyuu hin himinaa!? jedhee bartoota isaa abboome.

[10] Kana booddee bartoonni, ?Egaa maaliif barsiisonni seeraa, ?Eliyaas dura dhufuutu ta'a? jedhu?? jedhanii isa gaafatan.

[11] Yesus immoo deebisee, ?Eliyaas waan hundumaa iddootti deebisuudhaaf dhufuun isaa beekamaa dha.

[12] Ani garuu, Eliyaas kanumaan dura iyyuu akka dhufe isinittan hima; namoonni waanuma jaallatan isa irratti hojjetan malee isa hin hubanne; ilmi namaas immoo akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira? isaaniin jedhe.

[13] Yommus bartoonni waa'ee Yohannis cuuphaatiif isaanitti dubbachuu isaa in hubatan.

[14] Isaan gara tuuta sanaatti yommuu deebi'an, namni tokko Yesusitti dhi'aatee jilbeenfatee isa kadhatee,

[15] ?Yaa gooftaa ilma koo anaaf maari, innoo dhukkuba yeroo yerootti nama kuffisu tokkoon qabamee baay'ee dhiphachaa jira; takka takka ibidda keessatti in kufa, takka takkas bishaan keessatti in kufa.

[16] Ani bartoota keetti isa fideera, isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye? jedhe.

[17] Yesus deebisee, ?Isin dhaloota hin amannee fi jajal'aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta'a? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Mucicha as naa fidaa!? jedhe.

[18] Yesus hafuuricha hamaa sana ifannaan, inni gurbicha keessaa ba'e; gurbichi immoo si'uma sana fayye.

[19] Bartoonni ergasii kophaatti gara Yesus dhufanii, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan.

[20] Yesus immoo deebisee, ?Amantiin keessan waan hir'ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ?Asii ka'ii achi butadhu? in jettu, gaarichis asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin jiru. [

[21] Inni akkasii kun kadhataan soomuudhaanis malee gonkumaa hin baafamu]? jedheen.

[22] Bartoonni Galiilaatti Yesus biratti walitti qabamnaan Yesus, ?Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama.

[23] Isaan isa in ajjeesu, inni garuu guyyaa sadaffaatti du'aa in kaafama? isaaniin jedhe; kana irratti bartoonni baay'ee in gaddan.

[24] Yesusii fi bartoonni isaa Qifirnaahomitti gallaan, warri gibira mana qulqullummaa fuudhan Phexros bira dhufanii, ?Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin baasuu?? jedhanii isa gaafatan.

[25] Phexros immoo deebisee, ?Lakkii in baasa? jedheen. Phexros gara manaa dhufee utuu inni hin dubbatin, Yesus, ?Maal sitti fakkaata yaa Simoon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiis gibira eenyu irraa fudhatu? Namoota isaanii irraa moo yookiis warra ormaa irraa fudhatu?? jedhee isa gaafate.

[26] Phexros deebisee, ?Warra ormaa irraa fudhatu? jennaan, Yesus immoo, ?Yoos namoonni isaanii hin gaafataman kaa!

[27] Haa ta'u iyyuu malee, nuyi gufuu akka isaanitti hin taanetti, gara ciisa bishaanii dhaqiitii hokkoo ittiin qurxummii qaban bishaanichatti darbadhu; qurxummii isa dura ba'u fuutee, afaan isaa yoo bante, horii meetii akka birrii lamaa in argatta. Meeticha kana fuudhiitii anaaf, ofii keetiifis itti kenni!? jedheen.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters