Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:05

[1] Yesusis, ?Mootummaan waaqaa akka nama araddaa qabu tokkoo ti; namichi iddoo dhaabaa waynii isaatiif hojjetoota qacarachuudhaaf ganama obboroodhaan gad ba'e.

[2] Inni guyyaatti nama tokkoof birrii tokko kennuudhaaf hojjetoota sanaa wajjin erga walii galee, gara iddoo waynii isaatti isaan erge.

[3] Gara sa'aatii sadiittis achi ba'ee, kaan immoo lafa gabaa hojii malee dhaabatanii arge.

[4] Jara sanaanis, ?Isinis gara iddoo waynichaa dhaqaa, ani immoo waan ta'u isiniifan kenna? jedhe.

[5] Jarris in dhaqan; gara sa'aatii ja'aatti, gara sa'aatii sagaliittis ammoo gad ba'ee akkasuma godhe.

[6] Gara sa'aatii kudha tokkoottis gad ba'ee kan biraa immoo utuu dhaabatanii arge. Isaaniinis, ?Maaliif guyyaa guutuu hojii malee addana dhaabattu?? jedhe.

[7] Isaanis, ?Namni tokko iyyuu hojiitti waan nu hin qacaratiniif as dhaabanna? jedhaniin; inni immoo, ?Isinis gara iddoo waynichaa dhaqaa!? jedheen.

[8] ?Yeroo galgalaa'es abbaan waynichaa isa hojii isaa adeemsisuun, ?Hojjetoota waami! Warra booddeetii jalqabii hamma warra duraatti, beenyaa isaanii baasiif!? jedhe.

[9] Warri gara sa'aatii kudha tokkotti qacaraman dhufanii, birrii tokko tokko fudhatan.

[10] Warri duraa yommuu dhufan immoo caalaa waan argatan isaanitti fakkaate; garuu isaanis birrii tokko tokko fudhatan.

[11] Haa ta'u iyyuu malee, fudhatanii abbaa waynichaa irratti guunguman.

[12] Isaan, ?Warri booddee kun sa'aatii tokko duwwaaf hojjetan, ati garuu nuyi warra dadhabbii guyyichaa fi o'a saafaa baatee wajjin wal isaan qixeessite? ittiin jedhan.

[13] Namichi garuu isaan keessaa isa tokkoon, ?Yaa namicho! Ani waan tokko illee sitti hin balleessine; ati birrii tokkotti anaa wajjin walii hin gallee ree?

[14] Amma kan kee fudhadhuu dhaqi! Ani namicha isa booddee kanaafis hammuma kan keetii kennuufii nan fedha.

[15] Ani immoo horii ofii kootiitiin waanan fedhe gochuun anaaf hin ta'uu ree? Yookiis arjummaa koo weennaattaa?? jedheen.

[16] Akkasuma warri booddee warra duraa, warri duraas warra booddee in ta'u? jedhe.

[17] Yesus gara Yerusaalemitti ol in ba'a ture; karaatti immoo bartoota kudha lamaan kophaatti fudhatee,

[18] ?Kunoo, nuyi gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya, ilmi namaa immoo luboota warra angafootaatti barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama. Isaanis yakka du'aa itti in muru;

[19] akka itti ga'isaniif, akka reebamuuf, akka fannifamuufis saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsanii isa in kennu; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in kaafama? isaaniin jedhe.

[20] Ergasii haati ilmaan Zabdewos ilmaan ishee wajjin gara Yesus dhuftee, waa kadhachuudhaaf miilla isaatti kufte.

[21] Inni immoo, ?Maal barbaadda?? isheedhaan jedhe. Isheen itti fuftee, ?Ilmaan koo kun lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee akka taa'aniif abboomi!? ittiin jette.

[22] Yesus garuu deebisee, ?Waan kadhattan hin beektan! Isin immoo xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jiru keessaa dhuguu in dandeessuu?? jennaan, isaan immoo, ?In dandeenya? jedhaniin.

[23] Innis, ?Xoofoo koo keessaa illee dhuguuf jirtu, gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a? isaaniin jedhe.

[24] Bartoonni warri kaan kurnan yommuu kana dhaga'an obbolaa lamaan sanatti aaran.

[25] Yesus garuu gara isaatti isaan waamee, ?Warri saba biyya lafa kanaa abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu.

[26] Isin gidduutti akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira.

[27] Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, garbicha isiniif ta'uutu isa irra jira.

[28] Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay'eedhaaf kennuuf dhufe malee? jedhe.

[29] Akkuma isaan Yerikoodhaa ba'aniin tuuti sonaan baay'een Yesus duukaa bu'an.

[30] Kunoo, namoonni jaamonni lama karaa bukkee in taa'u turan; isaanis Yesus achiin darbaa akka ture dhageenyaan iyyanii, ?Gooftaa, yaa ilma Daawit nu maari!? jedhan.

[31] Tuuti sun calluma isaan jechisiisuudhaaf isaan ifate. Isaan garuu ittuma caalchisanii iyyanii, ?Gooftaa, yaa ilma Daawit nu maari!? jedhan.

[32] Yommus Yesus dhaabatee isaan waamee, ?Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?? jedhe.

[33] Isaan immoo deebisanii, ?Gooftaa, ija keenya akka nuuf bantu? jedhaniin.

[34] Yesusis gara-laafinaan ija isaanii qaqqabnaan, achumaan agartuun isaanii deebi'eefii, isa duukaas bu'an.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters