Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:57

[1] Ergasii Yesus tuuta achi jirutti, bartoota isaattis dubbatee,

[2] ?Barsiisonni seeraa, Fariisonnis iddoo Musee bu'anii in barsiisu.

[3] Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'inaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan.

[4] Isaan ba'aa ulfaataa hidhanii gatiitii namootaa irra in kaa'u; ofii isaaniitii garuu qubuma isaanii iyyuu itti hin buusan.

[5] Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuudhaaf hojjetu. Isa yeroo kadhataatti akka kudhaamaa rarraafatanis in bal'isu, shaashara isa ittiin seera Waaqayyoo yaadachuudhaaf uffata isaaniitti hoddhatanis in dheeressu.

[6] Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanuu jaallatu.

[7] Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis in jaallatu.

[8] ?Isin garuu ?Barsiisaa guddaa? ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha; isin immoo hundumti keessan obboloota.

[9] Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.

[10] Geggeessaa amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.

[11] Isin keessaa inni caalaan hojjetaa keessan haa ta'u.

[12] Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama? jedhe.

[13] Yesusis, ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, mootummaa waaqaa namoota duraa waan cuftaniif isiniif wayyoo! Ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuu yaalan immoo akka itti galaniif karaa hin kennineef. [

[14] Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isin fucha eeggattanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata keessan waan dheeressitaniif isiniif wayyoo! Kanaafis yakki caalaan isinitti in murama.]

[15] Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii warra Yihudootaa fudhachiisuudhaaf galaana irra biyya keessas asii fi achi in adeemtu; erga inni amantii kana fudhatee immoo hamminni isaa harka lama isinitti naanna'e qilillee akka dhaqu in gootu.

[16] ?Isin geggeessituu jaamota nana, isiniif wayyoo! ?Namni mana qulqullummaatiin kakate kakaan isa hin ga'u; namni warqee mana qulqullummaatiin yoo kakate garuu kakaan isa in ga'a? in jettu.

[17] Isin gowwoota nana, jaamota nanas! Warqicha moo manicha qulqullummaa isa warqicha qulqulleessutu caala?

[18] Isin immoo, ?Namni iddoo aarsaatiin yoo kakate kakaan isa hin ga'u, kennaa isa iddoo aarsaa irra jiruun yoo kakate garuu kakaan isa in ga'a? in jettu.

[19] Isin jaamota nana! Kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?

[20] Egaa namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatiin, waan iddoo aarsaa irra jiru hundumaanis kakachuu isaa ti.

[21] Namni mana qulqullummaatiin kakatus, mana qulqullummaatiin, Waaqayyo isa mana qulqullummaa keessa jiraatuunis kakachuu isaa ti.

[22] Namni bantii waaqaatiin kakatus, teessoo Waaqayyootiin, Waaqayyo isa teessicha irra taa'uunis kakachuu isaa ti.

[23] ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Baala kefoo, inchilaala, ija dimbilaalaas kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu; garuu seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.

[24] Geggeessituu jaamota nana! Bookee in calaltu gaala immoo in liqimsitu.

[25] ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Kubbayyaadhaa fi waciitii duuba duuba isaa in qulleessitu, garuu keessi isaanii sassataa fi of gad dhiisuudhaan guutuu dha!

[26] Fariisicha jaamaa nana! Duubi isaa akka qullaa'utti mee dura kubbayyicha keessa isaa qulleessi!

[27] ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin alaa gaarii akka awwaalota nooraa dibamanii ti; isaan karaa alaa ijatti mimmiidhagoo in fakkaatu, keessi isaanii garuu lafee warra du'anii fi waan xuraa'aa hundumaatiin guutuu dha.

[28] Isinis immoo akkasuma karaa alaa namoota biratti qajeelota fakkaattu, keessi keessan garuu of arguu dhabinaa fi irra-daddarbaan guutuu dha? jedhe.

[29] Yesus itti fufee, ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin seenaa raajotaatiif awwaala isaanii in ijaartu, seenaa awwaalota warra qajeelotaas in miidhagsitu.

[30] Kanaanis, ?Bara abboota keenyaa sana utuu jiraannee, nuyi dhiiga raajotaa dhangalaasuu isaaniitti walii hin gallu turre? in jettu.

[31] Akkasitti immoo isin ilmaan warra raajota ajjeesanii akka taatan of irratti dhugaa baasiftu.

[32] Egaa isinis safara jal'ina abboota keessanii guuttadhaa!

[33] Isin bofoota, ijoollee mar'ataa nana! Qilillee keessatti adabamuu jalaa attamitti baatu ree?

[34] ?Kanaaf kunoo ani raajota, namoota ogeeyyii, barsiisotas isinittan erga; isaan keessaa kaan in ajjeeftu kaan in fanniftu, warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti in reebdu, mandaraa gara mandaraattis in ari'attu.

[35] Kanaanis dhiigni warra qajeelotaa inni lafatti dhangala'e hundinuu isin irratti in dhufa; kunis immoo dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaa jalqabee, hamma dhiiga Zakaariyaas ilma Baraakiyaa, isa isin iddoo aarsaa fi balbala mana qulqullummaa gidduutti ajjeeftaniitti, isa jiruu dha.

[36] Ani dhuguman isinitti hima, gumaan kun hundinuu dhaloota kana irratti in dhufa? isaaniin jedhe.

[37] Yesus amma immoo, ?Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si'a meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.

[38] Ilaa, manni keessan onee in hafa.

[39] Ani isinittan hima; ammaa jalqabee, ?Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu galateeffamaa dha? hamma jettanitti ana hin argitan? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters