[1] Warri Fariisotaa fi warri Saduqootaa dhufanii Yesusin qoruudhaaf, akka inni milikkita waaqa irraa isaan argisiisuuf gaafatan.
[2] Inni immoo deebisee, ?[Yeroo galgalaa'u, ?Waaqni diimateera, kanaaf bor bokkaan hin roobu?
[3] ganama immoo, ?Boruun diimatee duumessi irra buufateera, kanaaf har'a in rooba? in jettu. Egaa bifa waaqaa ilaaltanii waan ta'u himuu beektu, milikkita yeroo kanaa immoo hubachuu hin dandeessan.]
[4] Dhaloonni hamaan gara gaggalaanis milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf? isaaniin jedhe. Kana booddee achumatti isaan dhiisee adeeme.
[5] Bartoonni yeroo bishaanicha gamatti ce'anitti, buddeena tokko illee fudhachuu irraanfatan.
[6] Yesus immoo, ?Ilaaladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi, warra Saduqootaa irraas of eeggadhaa!? isaaniin jedhe.
[7] Yommus isaan walii isaanii gidduutti dudubbatanii, ?Isa nuyi buddeena hin fudhatiniif akkas jedha? jedhan.
[8] Yesus garuu kana baree, ?Yaa warra amantii hir'uu! Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii walii keessan gidduutti dudubbattu?
[9] Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii? Buddeenan shanan namoota kuma shaniif kennaman, hurraa gundoo meeqas akka walitti qabdan hin yaadattanii ree?
[10] Yookiis buddeenan torban namoota kuma afuriif kennaman, gundoo meeqas walitti qabdan?
[11] Attamittis waa'ee buddeenaaf akka ani isinitti hin dubbatin yaadatti fudhachuu dadhabdani ree? Anoo raacitii warra Fariisotaa fi Saduqootaattii of eeggadhaan jedhe? isaaniin jedhe.
[12] Ergasii isaan, waa'ee raacitii buddeenaa utuu hin ta'in, barsiisa warra Fariisotaa fi Saduqootaattii akka of eeggatan jechuu isaa akka ta'e hubatan.
[13] Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, ?Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate.
[14] Isaan yommus deebisanii, ?Kaan ?Inni Yohannis cuuphaa dha? jedhu, kaan ?Inni Eliyaas?, kaanis ?Inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko? jedhu? jedhan.
[15] Yesus immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee isaan gaafate.
[16] Simoon Phexros deebisee, ?Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti? jedhe.
[17] Kana irratti Yesus deebisee, ?Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne.
[18] Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo'us.
[19] Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a? jedhe.
[20] Yommusumas Masiihicha ta'uu isaa nama tokkotti iyyuu akka isaan hin himneef, bartoota isaa cimsee abboome.
[21] Yeroo sanaa jalqabee Yesus gara Yerusaalem akka dhaqan harka maanguddootaatiin, harka luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun, ajjeefamuun, guyyaa sadaffaattis du'aa kaafamuun akka isa irra jiru bartoota isaatti mul'isuutti ka'e.
[22] Phexros immoo gara bukkeetti isa qabee, ?Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin ta'uuf? jedhe isa gorsuutti ka'e.
[23] Inni garuu gara gale Phexrosiin, ?Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu? jedhe.
[24] Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!
[25] Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in argata.
[26] Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?
[27] Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf.
[28] Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf jiru? jedhe.