[1] Yeroo sanatti bartoonni Yesusitti dhi'aatanii, ?Mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?? jedhaniin.
[2] Yommus inni mucaa tokko gara isaatti waamee isaan gidduu dhaabachiisee,
[3] ?Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta'uu dhabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan.
[4] Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.
[5] Eenyu illees mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima? jedhe.
[6] Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujjuba galaanaa keessatti liqimsiifamuu isaaf wayya ture.
[7] Gufannaan waan dhufuuf biyya lafaatiif wayyoo! Gufannaan dhufuun irra jira'o; garuu nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf wayyoo!
[8] ?Harki kee yookiis miilli kee yoo si gufachiise, of irraa murii gati; harka lama yookiis miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee mannaa, bu'aan dhagna keetii hir'uu ta'ee, yookiis hokkolaa taatee jireenyatti galuu siif wayya.
[9] Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee qilillee ibiddaatti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya? jedhe.
[10] Yesus, ?Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaaladhaa! Ani isinittan hima, waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula abbaa koo isa waaqa irraa duratti in argamu'o. [
[11] Ilmi namaas isa bade oolchuuf dhufe.]
[12] ?Namni tokko hoolota dhibba qabaatee tokko keessaa yoo bade, sagaltamii salganuu gaarota irratti dhiisee isa bade sana barbaacha hin dhaquu ree? Maal isinitti fakkaata?
[13] Ani dhuguman isinitti hima, yoo argate sagaltamii salgan warra takkaa karaa irraa hin badin caalaatti, isatti in gammada.
[14] Akkasumas isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee baduun jaalala abbaa keessan isa waaqa irraa miti? jedhe.
[15] Yesus itti fufee, ?Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan kophaa jirtanitti balleessaa isaa itti himi! Inni yoo si dhaga'e obboleessa kee deebifatteetta.
[16] Inni yoo si dhaga'uu dhabaate garuu, dubbiin hundinuu amansiisa dhuga-baatota lamaa yookiis sadiitiin dhaabataa akka ta'utti, nama kan biraa tokko yookiis lama ofii wajjin fudhadhuu dhaqi.
[17] Isaanis yoo dhaga'uu dide waldaatti himi; waldaa iyyuu yoo dhaga'uu dide immoo, si biratti akka nama hin amaniniif, akka qaraxxuu hin amanamnetti haa lakkaa'amu.
[18] ?Ani dhuguman isiniin jedha; waanumti isin lafa irratti hiitan, waaqa irrattis hidhamaa in ta'a; waanumti isin lafa irratti hiiktan immoo, waaqa irrattis hiikamaa in ta'a.
[19] ?Ammas isiniin nan jedha; isin keessaa namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa'ee waan tokkotti walii galanii yoo kadhatan, abbaa koo isa waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan in kennamaaf.
[20] Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama? jedhe.
[21] Ergasii Phexros gara Yesusitti dhi'aatee, ?Gooftaa, obboleessi koo si'a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma si'a torbaattii?? jedheen.
[22] Yesus deebisee, ?Ani hamma si'a torbaatamii torbaatti malee, hamma si'a torbaatti siin hin jedhu? jedheen.
[23] Yesus itti fufee, ?Akkasumas mootummaan waaqaa mootii hojjetoota isaa irraa gatii lakkaa'achuuf murtoo godhetti in fakkeeffama.
[24] Yommuu inni lakkaa'achuu jalqabetti immoo, nama inni meetii millionii baay'ee irraa qabu tokko itti fidan.
[25] Namichi waan baasu dhabnaan garuu, gooftaan isaa gatichi haa baafamuuf, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa, wanti inni qabu hundinuus akka gurguraman abboome.
[26] Hojjetaan sun immoo miilla gooftaa isaa jalatti lafa dha'ee, ?Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi? jedhee cimsee kadhate.
[27] Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise; gatii isa irraa qabus in dhiiseef.
[28] ?Hojjetaan sun garuu akkuma gad ba'een, hojjetaadhuma akka isaatii kan gatii akka birrii dhibba tokkoo irraa qabutti ba'ee, morma isaa hudhee qabee, ?Gatiin si irraa qabu anaaf baasi!? jedhe.
[29] Hojjetichi akka isaatii sun immoo miilla isaa jalatti kufee, ?Anaaf obsi, gatii kees siifan baasa? jedhee kadhate.
[30] Abbaan gatii garuu in dide; hamma namichi gatii isaa baasuufitti, dhaqee mana hidhaatti isa galchisiise.
[31] Hojjetoonni akka isaatii warri kaan waan ta'e kana yommuu argan baay'ee gaddan; dhaqaniis waan ta'e kana hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
[32] Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isa duraa sana waamsisee, ?Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise.
[33] Akkuma ani siif oo'e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo'uun siif hin ta'u turee ree?? jedheen.
[34] Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.
[35] ?Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha? jedhe.