[1] Yesus, ?Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa!
[2] Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama.
[3] Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu?
[4] Yookiis attamitti obboleessa keetiin, ?Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa? jetta ree? Kunoo utubaanoo ija kee keessa jiraa!
[5] Ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa.
[6] ?Foon aarsaadhaaf qulqullaa'e sarootaaf hin kenninaa! Callee keessan akka isaan hin dhidhiinnetti booyyee dura hin buusinaa! Isinumatti gara galanii isin in kukkutu'o? jedhe.
[7] Yesus itti fufee, ?Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.
[8] Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.
[9] Isin keessaa nama attamiitu ilmi isaa buddeena yoo isa kadhate, dhagaa kennaafi ree?
[10] Yookiis ilmi isaa qurxummii yoo kadhate, bofa kennaafi ree!
[11] Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna!
[12] ?Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallatan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu? jedhe.
[13] Yesus, ?Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal'aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay'ee dha.
[14] Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa? jedhe.
[15] Yesus itti fufee, ?Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.
[16] Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii baalaanwaraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree?
[17] Akkasumas mukti gaariin ija ba'eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata.
[18] Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba'eessa godhachuu hin danda'u.
[19] Mukti ija ba'eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama.
[20] Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu? jedhe.
[21] Yesus, ?Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa? naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti.
[22] Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?? anaan jedhu.
[23] Ani immoo yeroo sanatti, ?Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!? jedheen mul'inatti isaanitti hima? jedhe.
[24] Yesus, ?Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
[25] Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne.
[26] Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hin hojjenne hundinuu garuu, nama gowwaa mana isaa hundee malee lafa cirrachaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
[27] Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichis in jige; jiguun isaas badduu baasa ta'e? jedhe.
[28] Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na'anii barsiisa isaa in dinqisiifatan.
[29] Inni akka barsiisota seeraa warra kan isaanii utuu hin ta'in akka nama aboo qabutti isaan in barsiisa ture.