Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:53

[1] Bara sanatti Yohannis cuuphaan sabatti mul'atee, lafa onaa biyya Yihudaatti labsee,

[2] ?Mootummaan waaqaa dhi'aateeraatii yaada garaa keessanii geddaradhaa!? jedhe.

[3] Isaayaas raajichi, ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa? yommuu jedhe waa'ee namicha kanaaf dubbate.

[4] Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha'ame uffate, mudhii isaas teephaan hidhate; nyaanni isaa immoo hawaannisaa fi damma moggaa ture.

[5] Yeroo sanatti warri Yerusaalem jiraatan, warri Yihudaa, warri kutaa biyya naanna'aa Yordaanos jiraatan hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'an.

[6] Isaan kun cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti isa of in cuuphsisu turan.

[7] Yohannis garuu Fariisotaa fi Saduqoota keessaa namoonni baay'een cuuphamuudhaaf gara isaa dhufuu isaanii yommuu arge, ?Isin ijoollee mar'ataa nana, dheekkamsa isinitti bu'uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise?

[8] Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu!

[9] Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii kan galtan isinitti hin fakkaatin; Waaqayyo dhagoota kanattii Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka danda'u isinitti nan hima.

[10] Ammuma iyyuu qottoon hidda muka hundumaa irra kaa'amee jira; mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee ibiddatti in naqama? jedhee gorse.

[11] Yohannisis itti fufee, ?Yaada garaa keessanii geddarachuu keessaniif bishaaniin isin nan cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuudhaaf nama ta'u miti; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

[12] Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; abaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba? jedheen.

[13] Yesus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe.

[14] Yohannis garuu, ?Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?? jedhee jabeesse isa ittise.

[15] Yesus garuu deebisee, ?Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta'e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta'uuf, amma ana ittisuu dhiisi!? jedheen; kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise.

[16] Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba'een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu'uu isaa in arge.

[17] Kunoo sagaleen immoo, ?Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama? jedhee waaqa irraa in dubbate.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maatewos Caafe — Chapters