[1] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta'u; guyyaan dhufu sun isaan in guba; hidda yookiis damee isaaniif hin hambisu.
[2] Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba'a; akka jabbii goorana keessaa ba'ees gad baatanii in burraaqxu;
[3] isin yommus warra hamoota in dhidhiittu; isaanis guyyaa ani waan kana godhutti koomee keessan jalatti daaraa in ta'u; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[4] “Barsiisa garbicha koo Musee, seerrataa fi wanta ana Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e, isa ani tulluu Horeeb irratti guutummaa Israa'eliif isatti kenne yaadadhaa!
[5] Kunoo, guyyaan koo inni guddaanii fi inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga.
[6] Ani dhufee, lafa abaarsaan rukutee akkan hin balleessinetti, inni garaa abbootaa gara ijoollee isaaniitti, garaa ijoollees gara abboota isaaniitti in deebisa” jedha.