Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:48

[1] Kana booddee warri hojii miidhagsanii hojjechuu beekan sun uffata kulaan miidhagfame boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee fi bildiimaadhaan dha'ame, isa uffatanii iddoo qulqullaa'aa sana keessa hojjetan in qopheessan; akkasumas uffata Aaron isa qulqullaa'aa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in hojjetan.

[2] Isaan dirata fuula duraa sanas warqee, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii walitti fo'ame irraa in hojjetan.

[3] Warqee tumanii erga haphisanii booddee akka boffeetti qaqal'isanii babbaqaqsanii, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii wajjin walitti fo'anii, warra harka-toleeyyii in dhoofsisan.

[4] Gatiittii lamaan irras kan ittiin qaxxaamurfatan lama, duraa fi booddeedhaan kan itti qabsiifaman in hojjetan.

[5] Hidhanni inni ittiin hidhatamus, akkuma Waaqayyo Musee abboometti, hojii isa fakkaatuun warqee, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii walitti fo'ame irraa hojjetame ture.

[6] Isaan dhagoota gati-jabeeyyii“Sardoniikis” jedhaman qopheessanii, xiyyoo warqee daraaraa hidhaa furgaasaa fakkaatutti in galchan; maqaa ilmaan Israa'el immoo akka mallattoo isa keessa galfamee qirixamuutti, keessa galchanii dhagoota sana irratti in qirixan.

[7] Dhagoota sana akkuma Waaqayyo Musee abboometti, ilmaan Israa'el akka ittiin yaadatamaniif, isa dirata fuula duraa sana ittiin gatiittii irra qaxxaamurfatanitti in qabsiisan.

[8] Ergasii isaan akkuma diranni fuula duraa sun hojjetametti, qomee akka gaachanaa, warqee boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii walitti fo'ame irraa warra harka-toleeyyii in hojjechiisan.

[9] Cinaachi qomee akka gaachanaa sun gara arfaniin wal qixxee dha; isas dirribiidhaan dheerina isaa taakkuu tokko, bal'ina isaas taakkuu tokko in godhan.

[10] Isa irratti immoo dhagaa gati-jabeessa toora afuriin in maxxansan; toora isa duraa keessa, dhagoota gati-jabeeyyii Saardiyon, Tophaaziyon, Simaaragidos;

[11] toora isa lammaffaa keessa, Kaarbunkil, Safiiros, Yaasphis;

[12] toora isa sadaffaa keessa, Hiiyaakinxos, Kaalqedon, Ametiisxos;

[13] toora isa afuraffaa keessa, Krisoliixos, Sardoniikis, Beerilos turan; xiyyoon warqees naannoo isaaniitti hojjetamee maxxanfaman.

[14] Dhagoonni sun akka maqaa ilmaan Israa'elitti kudha lama turan; isaan akkuma mallattootti maqaan gosa kudha lamaanii adduma addaan keessa lixee tokko tokko irratti kan qirixame turan.

[15] Isaan funcaa warqee qullaa'aa isa micciiramaa akka funyoo, qomee akka gaachanaa sanaaf in hojjetan.

[16] Xiyyoo warqee daraaraa hidhaa furgaasaa fakkaatu lama, amartii warqee lamas hojjetanii, golee qomee akka gaachanaa warra gara olii lamaanitti in qabsiisan.

[17] Kana booddees funyoo warqee sana lamaan amartii lamaan golee qomichaa warra gara olii jiran sanatti in qabsiisan.

[18] Fiixee funyoowwan sanaa lamaan daraaraa akka hidhaa furgaasaa lamaanitti akkasumas fuula duraan isa dirata fuula duraa sana ittiin gatiittii irra qaxxaamurfatanitti in qabsiisan.

[19] Amartii warqee lamas hojjetanii, fiixee qomee akka gaachanaa sana lamaanitti, andaara isaa isa gara keessaatiin dirata fuula duraa sanatti aanutti in kaa'an.

[20] Ammas amartii warqee lama tolchanii, fuula duraan warra dirata fuula duraa sana ittiin gatiittii irra qaxxaamurfatan lamaanitti, gara jalaan iddoo inni hidhata sana gara irraatti walitti bu'utti in qabsiisan.

[21] Isaan akkuma Waaqayyo Musee abboometti, qomeen akka gaachanaa sun hidhata sana irra akka taa'utti, qomeen akka gaachanaa sun dirata fuula duraa sanattii hiikamee akka hin laafnetti, shanqaqqoo bifa waaqaa qabuun amartii isaa amartii dirata fuula duraatti in hidhan.

[22] Qoloo dirata fuula duraa wajjin uffatamu guutummaatti boffee bifa waaqaatiin warra wayyaa dha'u in hojjechiisan.

[23] Qoloon sunis gidduudhaa qaawwa ittiin mataatti diratan qaba ture; hidhiin isaa akka hin cirannetti naannoon qaawwa isaa akka kal'ee kan jabaatu ture.

[24] Naannoo andaara qoloo sanaatti ija muka akka rumaanii, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee fi bildiimaa walitti fo'ame irraa hojjetan.

[25] Akkasumas warqee qullaa'aa irraa bilbila tolchanii, gidduu gidduu ija muka akka rumaanii sanaa in kaa'an; bilbiloonni kun andaara qoloo sanaatti naanna'anii gidduu gidduu ija muka akka rumaanii sanaa turan.

[26] Tarreen isaas andaara qoloo sanaa irratti bilbila, ija muka akka rumaanii ta'e, naanna'ee wal ga'a; kun akkuma Waaqayyo Musee abboometti, isa yeroo hojii lubummaa hojjetan uffatamuu dha.

[27] Isaan itti fufaniis warra wayyaa dha'an immoo kittaa quncee talbaa Aaronii fi ilmaan isaaf in hojjechiisan.

[28] Kana malees marata mataa, wanta mataatti kaa'atanis quncee talbaa irraa, fiddoo dhagnatti aanus quncee talbaa isa walitti fo'ame irraa in hojjechiisaniif.

[29] Hidhata mudhiis quncee talbaa walitti fo'amee, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee fi bildiimaa hoddhaa harkaatiin miidhagfameen in hojjetan; kanas akka Waaqayyo Musee abboometti in godhan.

[30] Isa akka daraaraa warqee qullaa'aa irraa hojjetamee,“Gonfoo qulqulluu” jedhamee beekame sanas hojjetanii, akka nama mallattoo irratti keessa galchee qirixuutti, caaffata “Waaqayyoof kan qulqullaa'e” jedhu isa irratti qirixanii in baasan.

[31] Isas akkuma Waaqayyo Musee abboometti maataba bifa waaqaa itti kaa'anii marata mataa sanatti in qabsiisan.

[32] Hojiin godicha dunkaana itti wal ga'an sanaa in raawwatame; namoonni Israa'elis waan hojjetan sana hundumaa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in hojjetan.

[33] Isaan godicha gara Museetti in fidan; wanti isaan fidanis, dunkaana isaa, mi'a isaa hundumaa, hokkoo isaa, tuggee isaa, danqaraa isaa, utuboota isaa, miiloo isaa,

[34] irra-buusaa fi gogaa korbeessa hoolaa isa duugamee diimeffame, irra-buusa lammaffaa fi raroo hoolaa bishaanii, golgaa dhoksuu,

[35] sanduuqa kakuu, danqaraa isaa fi teessoo araaraa wajjin,

[36] gabatee mi'a isaa hundumaa wajjin, buddeena ilaalchaa,

[37] baattuu ibsaa warqee qullaa'aa irraa hojjetame, ibsaa akka tarree taa'umsa isaatti, mi'a isaa hundumaa, cuunfaa ejersaa ibsichaaf ta'u,

[38] iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame, dhadhaa dibataa, ixaana urgaa'aa, balbala godichaa fi immoo golgaa,

[39] iddoo aarsaa sibiila borrajjii irraa hojjetame, gingilchaa sibiila borrajjii irraa wal keessa baba'ee tolfame, danqaraa isaa, mi'a isaa hundumaa, waciitii, jaliitii isaa,

[40] golgaa oobdichaa, utuboota isaa, miiloo isaa, golgaa balbala oobdichaa, funyoo isaa, qofoo isaa, mi'a godoo dunkaana itti wal ga'anii sana keessatti ittiin hojjetan hundumaa,

[41] uffata kulaan miidhagfame, isa uffatanii iddoo qulqullaa'aa sana keessa hojjetan, Aaron lubichaaf uffata qulqullaa'aa, ilmaan isaaf immoo uffata isaan uffatanii hojii lubummaa hojjetan ture.

[42] Namoonni Israa'el hojii isaanii hundumaa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in hojjetan.

[43] Museenis hojicha hundumaa ilaalee, waan hojjetan akkuma Waaqayyo abboometti hojjechuu isaanii in arge; kana booddee isaan in eebbise.

Seera Ba'uu — Chapters