Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:27

[1] Sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anii gaafa ji'a sadaffaa isaaniitti Siinaa lafa onaa ga'an.

[2] Isaan Refiidiimii ka'anii Siinaa lafa onaa ga'anii achi in buufatan; buufanni Israa'elootaa fuullee tulluu Siinaa ture.

[3] Museen yommus tulluu irratti Waaqayyo bira dhaquudhaaf ol in ba'e; Waaqayyo immoo tulluu irraa Musee waamee,“Isa kanatti fufee jiru Israa'eloota sanyii Yaaqoobitti,

[4] “Warra Gibxii waanan godhe, akka joobirri cuucota ishee qochoota isheetiin baattutti isin immoo baadhee gara kootti akkan isin fide argitaniittu.

[5] Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.

[6] Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa'aa anaaf in taatu” jedhii himi! Saba Israa'elitti kan ati dubbattu isa kana” jedhe.

[7] Yommus Museen gad bu'ee, maanguddoota sabaa walitti waamee dubbii Waaqayyo isatti hime hundumaa isaanitti dhi'eesse.

[8] Jarri hundinuu afaanuma tokkoon deebisanii,“Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhan; Museenis wanta jarri jedhan fidee Waaqayyotti hime.

[9] Waaqayyos Museedhaan,“Jarri sii wajjin dubbachuu koo dhaga'anii yeroo hundumaaf akka si amananiif immoo, ani kunoo duumessa yabbuu keessaan si bira nan dhufa” jedhe; kana booddee immoo Museen wanta jarri jedhan Waaqayyotti in hime.

[10] Ammas Waaqayyo Museedhaan,“Jara bira dhaqiitii har'aa fi bor akka isaan of qulleessan, uffata isaaniis akka miiccatan godhi!

[11] Hundumti isaanii utuma ilaalanii ani Waaqayyo guyyaa sadaffaatti tulluu Siinaa irratti waanan gad bu'uuf, guyyaa sanaaf haa qophaa'an!

[12] Saba kanaaf naannessii daarii godhi! Isaan tullichatti akka ol hin baane, qarqara isaattis akka hin buune, of eeggadhaa! Namni tullichatti bu'u du'uun isaa muramaa dha.

[13] Harki tokko illee itti hin bu'in! Namni yookiis horiin yoo itti bu'e garuu, dhagaadhaan rukutamee yookiis waraanamee du'a malee, hin jiraatu! Yeroo fiinoon utuu gargar hin citin afuufamutti, warri kaan tulluutti ol haa ba'an!” jedhe.

[14] Ergasii Museen tulluu irraa gad bu'ee gara saba sanaa dhufee, akka isaan of qulleessan, uffata isaaniis akka miiccatan godhe.

[15] Yommus Museen jaraan,“Guyyaa sadaffaa sanaaf of qopheessaa, dubartii biras hin ga'inaa!” jedhe.

[16] Gaafa guyyaa sadaffaa ganama immoo sagalee kakawwee fi balaqqeessatu ture; duumessi ulfaataan tullicha irra ture, sagaleen malakataas baay'ee cimaa ture; namoonni iddoo buufataa turan hundinuus in hollatan.

[17] Museen jara iddoo buufataa isaaniitii baasee gara Waaqayyootti fide; isaan miilla tulluu Siinaa jala in ijaajjan.

[18] Waaqayyo ibiddaan irratti gad buunaan, aarri guutummaa tulluu Siinaa uffise; aarri isaas akka aara iddoo ibiddaatti ol in ka'e; tullichis guutummaatti baay'isee in raafame.

[19] Yeroo sagaleen malakataa ittuma guddachaa adeeme, Museen in dubbate, Waaqayyos sagaleedhaan deebisee isatti in dubbate.

[20] Waaqayyo tulluu Siinaa irratti erga gad bu'ee, gara bantii tullichaatti Musee ol waame; Museenis ol in ba'e.

[21] Ammas Waaqayyo Museedhaan,“Jarri ana Waaqayyoon ilaaluudhaaf cabsatanii akka hin darbinetti, baay'een isaaniis akka hin dhumnetti, gad bu'ii isaan gorsi!

[22] Luboonni gara koo gara Waaqayyootti dhi'aatan iyyuu, ani humnaan akkan isaan irratti hin kaanetti of haa qulleessan!” jedhe.

[23] Yommus Museen Waaqayyoon,“Ati ofii keetii“Tullichatti daarii godhaa, qulqullinattis isa eegaa!” jettee waan nu gorsiteef, sabni kun tulluu Siinaatti ol ba'uu hin danda'u” jedhe.

[24] Waaqayyo deebisee Museedhaan,“Ka'i gad bu'iitii Aaronii wajjin deebi'ii kottu; luboonnii fi jarri immoo gara kootti tulluutti ol ba'uudhaaf cabsatanii hin darbin!” jedhe.

[25] Kana irratti Museen gara saba sanaatti gad bu'ee, kana isaanitti in hime.

Seera Ba'uu — Chapters